Yohannis 13
13
Yesuus Miilla Barattoota Isaa Dhiqe
1Yeroon sun Ayyaana Faasiikaatiin dura ture. Yesuusis akka addunyaa kana keessaa gara Abbaa dhaquudhaaf saʼaatiin isaa gaʼe ni beeke. Innis warra kan isaa taʼan kanneen addunyaa keessa turan ni jaallate; hamma dhumaattis isaan jaallate.
2Yeroo irbaataatti diiyaabiloos akka inni Yesuusin dabarsee kennuuf Yihuudaa Keeriyoticha ilma Simoon keessa duraan dursee yaada kaaʼe. 3Yesuusis akka Abbaan waan hunda harka isaatti kenne, akka Waaqa biraa dhufee fi akka gara Waaqaatti deebiʼu illee beeka ture; 4kanaaf irbaata irraa kaʼee, wayyaa isaa kan irraan uffate of irraa fuudhee lafa kaaʼe; fooxaas mudhiitti hidhate. 5Ergasii gabateetti bishaan naqatee miilla barattootaa dhiquu fi fooxaa mudhiitti hidhate sanaanis haquu jalqabe.
6Inni gara Simoon Phexros dhufe; Phexrosis, “Yaa Gooftaa, situ miilla koo naa dhiqaa?” jedheen.
7Yesuus immoo deebisee, “Waan ani hojjechaa jiru ati amma hin beektu; booddee garuu ni hubatta” jedheen.
8Phexrosis, “Hin taʼu; ati gonkumaa miilla koo naa hin dhiqxu” jedheen.
Yesuusis deebisee, “Yoo ani siif dhiquu baadhe ati na biraa qooda hin qabaattu” jedheen.
9Simoon Phexrosis deebisee, “Yaa Gooftaa, yoos harka koo fi mataa koos malee miilla koo qofa hin taʼin” jedheen.
10Yesuusis, “Namni dhagna isaa dhiqate tokko miilla isaa qofa dhiqachuu isa barbaachisa; dhagni isaa guutuun qulqulluu dha. Isin qulqulluu dha; garuu hunda keessan miti” jedheen. 11Innis nama dabarsee isa kennuuf jiru beeka tureetii; sababiin inni, “Qulqulluun hunda keessan miti” jedheefis kanuma.
12Innis erga miilla isaanii dhiqee booddee, uffata isaa uffatee iddoo isaatti deebiʼee taaʼe. Akkanas jedheen; “Isin waan ani isiniif godhe hubattanii? 13Isin, ‘Barsiisaa’, ‘Gooftaas’ naan jettu; anis waan isuma isin jettan taʼeef isin dhuguma jettan. 14Yoos erga ani Gooftaa fi Barsiisaan keessan miilla keessan isinii dhiqee, isinis akkasuma miilla walii dhiquu qabdu. 15Akkuma ani isinii godhe kana isinis akka gootaniif ani fakkeenya isinii kenneera. 16Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; garbichi gooftaa isaa hin caalu; ergamaanis kan isa erge hin caalu. 17Egaa isin yoo waan kana beektanii hojii irra oolchitan isin eebbifamoo dha.
Yesuus Akka Dabarfamee Kennamu Duraan Dursee Dubbate
18 “Ani waaʼee hunda keessanii dubbachaa hin jiru; ani warran filadhe nan beeka. Kun garuu dubbiin Katabbii Qulqulluu kan, ‘Inni buddeena koo nyaate koomee isaa natti ol fudhate’ # 13:18
Far 41:9
jedhu sun akka guutamuuf.
19 “Isin yommuu wanni kun taʼutti akka ani Isa taʼe akka amantaniif utuu inni hin taʼin amma isinitti nan hima. 20Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; kan nama ani ergu kam iyyuu simatu hundinuu na simata; kan na simatu hundis isa na erge sana simata.”
21Yesuusis erga kana dubbatee booddee hafuuraan jeeqamee, “Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; isin keessaa tokko dabarsee na kenna” jedhee dhugaa baʼe.
22Barattoonni akka inni waaʼee eenyuu dubbate wallaalanii wal ilaalan. 23Barattoota keessaas inni Yesuus isa jaallatu tokko Yesuusitti irkatee maaddiitti dhiʼaatee ture. 24Simoon Phexrosis, “Mee eenyuu jechuu isaa akka taʼe isa gaafadhu!” jedhee nyaaraan barataa sanatti hime.
25Innis qoma Yesuusiitti hirkatee, “Yaa Gooftaa, eenyu innii?” jedhee gaafate.
26Yesuusis deebisee, “Namichi ani buddeena afaan kaaʼata tokkoo caabii keessa cuuphee kennuuf isa” jedhe. Innis buddeena caabii keessa cuuphee Yihuudaa ilma Simoon Keeriyotichaatiif kenne. 27Yihuudaas akkuma inni buddeenicha fudhateen Seexanni itti gale.
Yesuusis, “Waan gochuuf jirtu dafii godhi” isaan jedhe. 28Warra nyaataaf tataaʼan keessaas namni tokko iyyuu waan inni akkas isaan jedheef hin hubanne. 29Sababii Yihuudaan korojoo maallaqaa baachaa tureefis isaan keessaa namoonni tokko tokko waan Yesuus, akka inni waan Ayyaanaaf barbaachisu bitu yookaan akka inni hiyyeeyyiif waa kennu isatti hime seʼan. 30Yihuudaanis akkuma buddeena sana fudhateen gad baʼe. Yeroon sunis halkan ture.
Yesuus Akka Phexros Isa Ganu Duraan Dursee dubbate
13:37‑38 kwf – Mat 26:33‑35; Mar 14:29‑31; Luq 22:33‑34
31Erga Yihuudaan gad baʼee booddee Yesuus akkana jedhe; “Amma Ilmi Namaa ulfaateera; Waaqnis isaan ulfina argateera. 32Waaqni erga isaan ulfina argatee, Waaqni ofuma isaatiin Ilma ulfeessa; inni takkumaan isa ulfeessa.
33 “Yaa ijoolle, ani yeroo gabaabaaf isin wajjinan jira. Isin na barbaaddu; ani akkuma Yihuudootaan, ‘Iddoo ani dhaqu isin dhufuu hin dandeessan’ jedhe sana ammas isiniin nan jedha.
34 “Akka isin wal jaallattaniif ani ajaja haaraa isiniifin kenna. Akkuma ani isin jaalladhetti isinis akkasuma wal jaalladhaa. 35Yoo isin jaalala waliif qabaattan namoonni hundinuu akka isin barattoota koo taatan kanaan ni beeku.”
36Simoon Phexrosis, “Yaa Gooftaa, eessa dhaqxa?” jedhee isa gaafate.
Yesuusis, “Ati amma iddoo ani dhaqu na faana dhaquu hin dandeessu; gara booddeetti garuu na duukaa buuta” jedhee deebiseef.
37Phexrosis, “Yaa Gooftaa, ani maaliifan amma si duukaa buʼuu hin dandeenye? Ani siif jedhee lubbuu koo nan kenna” jedheen.
38Yesuusis deebisee, “Ati dhuguma naaf jettee lubbuu kee ni kennitaa? Ani dhuguman, dhuguman sitti hima; ati utuu indaanqoon hin iyyin yeroo sadii na ganta” jedheen.
Právě zvoleno:
Yohannis 13: HAH
Zvýraznění
Sdílet
Kopírovat
Chceš mít své zvýrazněné verše uložené na všech zařízeních? Zaregistruj se nebo se přihlas
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa
Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc.
Eeyyamaan itti fayyadamu.
Mirgi hundi addunyaa guutuu irratti kan eegamee dha.
Holy Bible, New Oromo Contemporary Version™, Western
Copyright © 2022 by Biblica, Inc.
Used with permission. All rights reserved worldwide.