Uumama 30
30
1Raahel yommuu akka Yaaqoobiif ijoollee tokko iyyuu hin daʼin argitetti obboleettii isheetti hinaafte. Yaaqoobiinis, “Ijoollee naa kenni, yoo kanaa achii nan duʼa!” jette.
2Yaaqoobis isheetti aaree, “Anatu iddoo Waaqa isa ijoollee si dhowwate sanaa jira moo?” jedheen.
3Isheenis, “Xomboreen koo Bilihaan kunoo ti; akka isheen qooda koo ijoollee naaf deessee anis karaa isheetiin ijoollee argadhuuf dhaqii ishee bira gaʼi” jette.
4Isheenis xomboree ishee Bilihaa akka niitii isaa taatuuf kenniteef. Yaaqoobis ishee bira gaʼe; 5isheenis ulfooftee ilma isaaf deesse. 6Kana irratti Raahel, “Waaqni naa murteesseera; kadhannaa koos dhagaʼee ilma naa kenneera” jette. Kanaafuu maqaa isaa Daan jettee moggaafte.
7Xomboreen Raahel Bilihaan ammas ulfooftee Yaaqoobiif ilma lammaffaa deesse. 8Raahelis, “Ani obboleettii koo walʼaansoo guddaa qabee moʼadheera” jette. Maqaa isaa Niftaalem jettee moggaafte.
9Liyaan akka ijoollee daʼuu dhiifte hubatte; xomboree ishee Zilfaa fuutee akka niitii isaa taatuuf Yaaqoobiif kennite. 10Xomboreen Liyaa Zilfaanis Yaaqoobiif ilma deesse. 11Liyaan immoo, “Maal milkiin akkanaa!” jettee maqaa isaa Gaad jettee moggaafte.
12Xomboreen Liyaa Zilfaan Yaaqoobiif ilma lammaffaa deesse. 13Ergasiis Liyaan, “Ani akkaman gammade! Dubartoonnis, ‘Eebbifamtuu’ naan jedhu” jette. Kanaafuu maqaa isaa Aasheer jettee moggaafte.
14Yeroo haamaa qamadiitti Ruubeen gara bakkeetti baʼee ija hudhaa argatee haadha isaa Liyaadhaaf fide. Raahelis Liyaadhaan, “Maaloo ija hudhaa ilma keetii irraa waa naa kenni” jette.
15Liyaan immoo, “Dhirsa koo narraa fudhachuun kee sitti xinnaatee? Hudhaa ilma koos ni fudhattaa?” jetteen.
Raahelis, “Qooda hudhaa ilma keetii inni edana si wajjin haa bulu” jetteen.
16Gaafa sana galgala yeroo Yaaqoob lafa qotiisaatii galetti Liyaan isa simachuuf gad baatee, “Waan ani hudhaa ilma kootiin si kireeffadheef ati harʼa na wajjin bulu qabda” jetteen. Yaaqoobis halkan sana ishee wajjin bule.
17Waaqnis Liyaa dhagaʼe; isheenis ulfooftee Yaaqoobiif ilma shanaffaa deesse. 18Liyaanis, “Waan ani xomboree koo dhirsa kootiif kenneef Waaqni gatii koo naa baaseera” jette. Kanaafuu Yisaakor jettee isa moggaafte.
19Liyaan ammas ulfooftee Yaaqoobiif ilma jaʼaffaa deesse. 20Liyaanis, “Waaqni kennaa gaarii naaf kenneera; sababii ani ilmaan jaʼa isaaf daʼeef dhirsi koo siʼachi ulfina naa kenna” jette. Kanaafuu maqaa isaa Zebuuloon jettee moggaafte.
21Ergasiis intala tokko deessee Diinaa jettee moggaafte.
22Waaqnis Raahelin yaadate; kadhannaa ishees dhagaʼee gadameessa ishee baneef. 23Isheenis ulfooftee ilma deessee, “Waaqni qaanii koo narraa fuudheera” jette. 24Isheenis maqaa isaa Yoosef jettee moggaaftee, “Waaqayyo ilma biraa naaf haa dabalu” jette.
Yaaqoob Hoolota Hore
25Erga Raahel Yoosefin deessee booddee Yaaqoob Laabaadhaan akkana jedhe; “Akka ani biyya dhalootaa kootti deebiʼuuf, gad na dhiisi. 26Ani nan deemaatii niitota koo fi ijoollee koo warra ani isaaniif jedhee siif tajaajile naa kenni. Akka ani hojii baayʼee siif hojjedhe ati iyyuu beekta.”
27Laabaan garuu akkana jedheen; “Maaloo yoo ani fuula kee duratti fudhatama argadhee jiraadhe asuma turi; ani akka Waaqayyo sababii keetiin na eebbise mulʼataan beekeeraatii.” 28Itti fufees, “Mee mindaa ani siif kaffaluu qabu natti himi; ani siifin kaffalaatii” jedhe.
29Yaaqoobis akkana jedheen; “Akka ani hammam siif hojjedhe, horiin kees hammam akka harka kootti baayʼate atuu ni beekta. 30Wanni xinnaan ati utuu ani hin dhufin dura qabdu sun amma akka malee siif baayʼateera; lafa ani ture kamitti iyyuu Waaqayyo si eebbiseera. Garuu yeroon ani itti maatii kootiif yaadu yoomi ree?”
31Innis, “Wanni ani siif kennu maali ree?” jedhee gaafate.
Yaaqoob immoo akkana jedhee deebise; “Homaa naaf hin kennin; garuu yoo ati waan kana naaf goote ani ittuma fufee bushaayee kee nan tiksa; nan eegas; 32ani harʼa bushaayee kee hunda keessa baʼee hoolota cocorree fi buburree hunda, hoolaa magaalaa fi reʼoota cocorree yookaan buburree hunda addaan nan baasa; isaan kunneen mindaa koo taʼu. 33Yeroo ati mindaa naa kennite sana toʼachuu dhuftutti, amanamummaan koo dhugaa naa baʼa. Hoolotaa fi reʼoota koo keessatti reʼeen cocorree yookaan buburree hin taʼin kam iyyuu, hoolaa keessaa immoo kan gurraacha hin taʼin kam iyyuu yoo argame akka waan hatameetti haa ilaalamu.”
34Laabaanis, “Tole, akkuma ati jette haa taʼu” jedhe. 35Guyyuma sana Laabaan korbeeyyii reʼee halluu qaxxaamuroo qabanii fi buburree hunda, goromii reʼee cocorree fi buburree kanneen adaadii qaban hunda, akkasumas hoolota gugurraacha hunda fuudhee ilmaan isaatti kenne. 36Innis ofii isaatii fi Yaaqoob gidduutti lafa adeemsa guyyaa sadii hambise; Yaaqoob immoo bushaayee Laabaa kanneen hafan tiksuu itti fufe.
37Yaaqoobis damee alaltuu, kan looziitii fi hadheessa jiidhaa isaa darbee darbee naannessee qoola isaa irraa quncisuudhaan dhagna mukichaa isa keessaa adii sana mulʼise. 38Yaaqoobis yeroo bushaayeen sun bishaan dhuguuf dhufanitti damee qolli irraa quncifame sana fuula isaanii dura bidiruu bishaan itti obaasan keessa kaaʼe. Bushaayeen yeroo sun bishaan dhuguu dhufanitti gojomaʼanii 39ulee sana duratti wal hobobsu turan; isaanis ilmoolee halluu qaxxaamuroo qaban, cocorree fi buburree dhalan. 40Yaaqoobis ilmoolee bushaayee kophaatti baase; bushaayee Laabaa kanneen hafan garuu warra halluu qaxxaamuroo qabanii fi gurraacha dura dhaabe. Akkasitti hoolota isaa addaan baase malee bushaayee Laabaatti hin makne. 41Yeroo dhaltuuwwan jajjaboon gojomaʼan kam iyyuu, Yaaqoob akka isaan ulee sana biratti wal hobobsaniif jedhee ulee sana fuula isaanii dura bidiruu keessa kaaʼaa ture; 42dhaltuuwwan dadhaboo dura garuu ulee sana hin keenye. Kanaafuu warri dadhaboon kan Laabaa, warri jajjaboon immoo kan Yaaqoob taʼan. 43Namichi kun haala kanaan akka malee soorome; innis bushaayee baayʼee, garboota dubartootaatii fi dhiirotaa, gaalawwanii fi harroota qaba ture.
Currently Selected:
Uumama 30: HAH
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa
Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc.
Eeyyamaan itti fayyadamu.
Mirgi hundi addunyaa guutuu irratti kan eegamee dha.
Holy Bible, New Oromo Contemporary Version™, Western
Copyright © 2022 by Biblica, Inc.
Used with permission. All rights reserved worldwide.