Uumama 29
29
Yaaqoob Phaadaan Arraam Gaʼe
1Yaaqoobis karaa isaa itti fufee gara warra biyya baʼaa dhufe. 2Innis ilaalee kunoo boolla bishaanii tokko dirree irratti arge; kunoo karri hoolotaa sadii sababii achii bishaan dhuganiif boolla bishaanii sana bira ciciisaa turan. Dhagaan afaan boolla bishaanii sanaa irra ture guddaa ture. 3Yeroo karri hoolotaa hundi achitti walitti qabamanitti tiksoonni afaan boolla bishaanii irraa dhagaa gangalchanii hoolota bishaan obaasu turan. Ergasii immoo dhagaa sana iddoo isaatti deebisanii afaan boolla bishaanii irra kaaʼu turan.
4Yaaqoobis tiksoota sanaan, “Yaa obboloota ko, isin warra eessaati?” jedhee gaafate.
Isaanis, “Nu warra Kaaraaniiti” jedhanii deebisan.
5Innis, “Laabaa ilma Naahoor beektuu?” jedheen.
Jarris, “Eeyyee, beekna” jedhanii deebisan.
6Yaaqoob immoo, “Inni fayyumaa?” jedhee isaan gaafate.
Isaanis, “Eeyyee, fayyuma; kunoo intalli isaa Raahel iyyuu hoolota fiddee dhufaa jirti” jedhaniin.
7Innis, “Kunoo, amma lafti guyyaa dha; yeroo itti hoolonni walitti qabaman miti. Hoolota bishaan obaasaatii dhaqaa dheechisaa” jedheen.
8Isaanis, “Nu hamma karri hoolotaa hundinuu walitti qabamanii dhagaan sun afaan boolla bishaanii irraa gangalfamutti hin dandeenyu; ergasii hoolota bishaan obaafna” jedhanii deebisan.
9Utuma inni jara wajjin haasaʼaa jiruu, Raahel waan tiksee turteef hoolota abbaa ishee ooftee dhufte. 10Yaaqoob yommuu Raahel, intala obboleessa haadha isaa intala Laabaatii fi hoolota Laabaa argetti dhaqee dhagaa afaan boolla bishaanii irraa gangalchee hoolota eessuma isaa bishaan obaase. 11Yaaqoobis Raaheliin dhungate; sagalee ol fudhatees booʼe. 12Inni fira abbaa ishee akka taʼee fi ilma Ribqaa akka taʼe Raahelitti hime; isheenis fiigaa dhaqxee abbaa isheetti himte.
13Laabaan akkuma waaʼee ilma obboleettii isaa waaʼee Yaaqoob dhagaʼeen isa simachuuf ariifatee baʼe. Innis erga hammatee dhungatee booddee mana isaatti fudhatee gale; Yaaqoobis waan kana hunda Laabaatti hime. 14Laabaan immoo, “Ati dhugumaan foon kootii fi dhiiga koo ti” jedheen.
Yaaqoob Liyaa fi Raahelin Fuudhe
Yaaqoob erga jiʼa tokko guutuu Laabaa wajjin turee booddee, 15Laabaan akkana isaan jedhe; “Ati sababii fira koo taateef tola naa hojjechuu qabdaa? Mindaan kee akka hammam taʼuu qabu natti himi.”
16Laabaan intallan lama qaba ture; maqaan ishee hangafaa Liyaa ture; maqaan ishee quxisuu immoo Raahel jedhama ture. 17Iji Liyaa dadhabaa ture; Raahel garuu bareedduu fi simboo qabeettii turte. 18Yaaqoob Raahelin jaallatee, “Ani waaʼee intala kee ishee quxisuu, Raaheliif jedhee waggaa torba sin tajaajila” jedheen.
19Laabaan immoo, “Nama biraaf ishee kennuu irra siif kennuu naa wayya; asuma na bira turi” jedhe. 20Kanaafuu Yaaqoob Raahelin argachuuf jedhee waggaa torba tajaajile. Inni waan ishee jaallateef waggoonni kunneen guyyoota muraasa isatti fakkaatan.
21Yaaqoobis Laabaadhaan, “Waan yeroon koo xumurameef akka ani ishee bira gaʼuuf niitii koo naa kenni” jedhe.
22Kanaafuu Laabaan namoota iddoo sana jiran hunda walitti qabee cidha qopheesse. 23Garuu yeroo lafti galgalaaʼetti intala isaa Liyaa fidee Yaaqoobiif kenne; Yaaqoobis ishee bira gaʼe. 24Laabaanis akka isheen hojjettuu ishee taatuuf garbittii isaa Zilfaa, intala isaa Liyaadhaaf kenne.
25Yommuu lafti bariʼetti kunoo Liyaa taʼuun ishee beekame! Yaaqoobis Laabaadhaan, “Wanni ati na goote kun maali? Ani Raaheliif jedhee si hin tajaajillee? Yoos ati maaliif na gowwoomsite ree?” jedhe.
26Laabaanis akkana jedhee deebise; “Biyya keenya keessatti intala hangafa dura intala quxisuu heerumsiisuun duudhaa keenya miti. 27Torban misirrummaa intala kanaa raawwadhu; ergasii yoo ati waggaa biraa torba naaf hojjette quxisuu ishees siif kennina.”
28Yaaqoobis akkasuma godhe. Torban sanas Liyaa wajjin dabarse; ergasiis Laabaan intala isaa Raahelin isatti heerumsiise. 29Laabaan akka isheen hojjettuu ishee taatuuf xomboree isaa Bilihaa, intala isaa Raaheliif kenne. 30Yaaqoobis Raahel bira gaʼe; innis Liyaa caalaatti Raahelin jaallate. Waggoota biraa torbas Laabaaf hojjete.
Ijoollee Yaaqoob
31 Waaqayyo yommuu akka Liyaan hin jaallatamin argetti gadameessa ishee baneef; Raahel garuu dhabduu turte. 32Liyaan ulfooftee ilma deesse. Isheenis waan, “Waaqayyo dhiphina koo argeeraatii dhugumaan siʼachi dhirsi koo na jaallata” jetteef maqaa isaa Ruubeen jettee moggaafte.
33Isheen ammas yommuu ulfooftee ilma deessetti, “Waaqayyo sababii akka ani hin jaallatamin dhagaʼeef ilma kanas naa kenne” jettee maqaa isaa Simiʼoon jettee moggaafte.
34Ammas ulfooftee ilma deesse; isheenis, “Sababii ani ilmaan sadii isaaf daʼeef amma dhirsi koo natti maxxana” jette; kanaafuu mucaan sun Lewwii jedhamee moggaafame.
35Ammas isheen ulfooftee ilma deesse; isheenis, “Amma Waaqayyo nan galateeffadha” jette. Kanaafuu maqaa isaa Yihuudaa jettee moggaafte. Ergasiis daʼuu ni dhiifte.
Currently Selected:
Uumama 29: HAH
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa
Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc.
Eeyyamaan itti fayyadamu.
Mirgi hundi addunyaa guutuu irratti kan eegamee dha.
Holy Bible, New Oromo Contemporary Version™, Western
Copyright © 2022 by Biblica, Inc.
Used with permission. All rights reserved worldwide.