Uumama 28
28
1Yisihaaqis Yaaqoobin waamee eebbisee akkana jedhee isa ajaje: “Intallan warra Kanaʼaan keessaa hin fuudhin. 2Ammuma kaʼiitii gara kaaba dhiʼa Phaadaan Arraam mana abbaa haadha keetii mana Betuuʼeel dhaqi. Achiis intallan obboleessa haadha keetii intallan Laabaa keessaa tokko fuudhi. 3Waaqni Waan Hunda Dandaʼu sun si haa eebbisu; sanyii siif haa kennu; akka ati saba balʼaa taatuufis si haa baayʼisu. 4Ati biyya amma alagummaadhaan keessa jiraattu, biyya Waaqni dhaala godhee Abrahaamiif kenne sana akka dhaaltuuf inni eebba Abrahaamiif kenne sii fi sanyii keetiif haa kennu.” 5Yisihaaqis akkasitti Yaaqoobin erge; Yaaqoobis gara kaaba dhiʼa Phaadaan Arraam gara Laabaa ilma Betuuʼeel namicha Arraam sanaa dhaqe; Laabaan kun immoo obboleessa Ribqaa, haadha Yaaqoobii fi Esaawu.
6Esaawu akka Yisihaaq Yaaqoobin eebbisee akka inni achii niitii fuudhuuf gara kaaba dhiʼa Phaadaan Arraamitti isa ergee fi akka isa eebbisettis “Intallan warra Kanaʼaan hin fuudhin” jedhee isa ajaje yommuu beeketti; 7Yaaqoob abbaa fi haadha isaatiif ajajamee gara kaaba dhiʼa Phaadaan Arraam dhaqe. 8Esaawus intallan warra Kanaʼaan fuula abbaa isaa Yisihaaq duratti hammam jibbamoo akka taʼan hubate. 9Kanaafuu Esaaw gara Ishmaaʼeel ilma Abrahaam dhaqee Maahalaati intala Ishmaaʼeel obboleettii Nabaayoti niitota dur qabu irratti dabalee fuudhe.
Abjuu Yaaqoob Beetʼeelitti Abjoote
10Yaaqoob Bersheebaa baʼee Kaaraan dhaqe. 11Innis iddoo tokko gaʼee aduun dhiinaan achi bule; dhagoota achi turan keessaas tokko fudhatee mataa jala kaaʼatee rafuuf ciise. 12Innis achitti abjuu abjoote; kunoo yaabbannoo lafa dhaabatee fiixeen isaa immoo samii gaʼu tokko arge; kunoo ergamoonni Waaqayyoo yaabbannoo sana irra ol baʼaa fi gad buʼaa turan. 13Kunoo Waaqayyo yaabbannoo sana gara irraa dhaabatee akkana jedhe; “Ani Waaqayyo Waaqa abbaa kee Abrahaamii fi Waaqa Yisihaaq; ani lafa ati irra ciiftu kana siif fi sanyii keetiif nan kenna. 14Sanyiin kee akkuma biyyoo lafaa ni baayʼata; atis gara dhiʼaatti, gara baʼaatti, gara kaabaattii fi kibbaatti ni babalʼatta. Uummanni lafa irraa hundinuu karaa keetii fi karaa sanyii keetiitiin ni eebbifama. 15Kunoo ani si wajjinan jira; lafa ati dhaqxu hundattis sin eega; gara biyya kanaattis deebisee sin fida. Ani hamman waanan waadaa siif gale sana siif guututti si hin dhiisu.”
16Yaaqoobis yommuu hirribaa kaʼetti, “Dhugumaan Waaqayyo iddoo kana jira; ani waan kana hin hubanne” jedhe. 17Innis sodaatee, “Iddoon kun akkam nama sodaachisa! Kun mana Waaqaa ti malee waan biraa miti; kun karra samiiti” jedhe.
18Yaaqoobis guyyaa itti aanu ganama obboroo kaʼee dhagaa mataa jala kaaʼatee ture sana fuudhee akka utubaatti ol dhaabe; fiixee isaa irrattis zayitii dhangalaase. 19Innis maqaa iddoo sanaa Beetʼeel jedhee moggaase; duraan garuu magaalaan sun Luuzi jedhama ture.
20Ergasiis Yaaqoob akkana jedhee wareege; “Yoo Waaqni na wajjin taʼe, yoo inni karaa ani deemu kana irratti na eege, yoo waan ani nyaadhuu fi waan ani uffadhu naa kenne, 21yoo ani nagaan mana abbaa kootti deebiʼe, Waaqayyo Waaqa koo ni taʼa; 22dhagaan ani utubaa godhee ol dhaabe kunis mana Waaqaa taʼa; waan ati naa kennitu keessaas kudhan keessaa tokko siifin kenna.”
Currently Selected:
Uumama 28: HAH
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa
Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc.
Eeyyamaan itti fayyadamu.
Mirgi hundi addunyaa guutuu irratti kan eegamee dha.
Holy Bible, New Oromo Contemporary Version™, Western
Copyright © 2022 by Biblica, Inc.
Used with permission. All rights reserved worldwide.