Seera Uumamaa 29
29
Yaaqoob Gara Mana Laaba'aa Dhaqe
1Yaaqoob gara namoota biyya baya biiftu'uu jiraatanii deeme; 2raasaa sanittillee boolla arge; naannoo boollaa sanitti tika hoolotaa ka hulee sadihitti wolitti qabamaniiran arge; namoonni boolla bisaanii san keessaa hoolota ufii obaafatan; dhagaan afaan boollaa jiru ammo guddaa ture. 3Hennaa tinni hoolotaa achitti wolitti qabaman dhagaa afaan boollaatii kaasanii hoolota ufii obaafatanii dhagaa san deebisanii boolla bisaaniititti qadaadan.
4Yaaqoob worra hoolota tissuun, «Obboleewwan tiyya; isin namoota eessaati?› jedhee isaan gaafate.
Isaanillee, «Biyya Kaaraaniitii dhufne» jedhaniin.
5Inni, «Laabaa ilma ilma Naakoorii beettuu?» jedhee isaan gaafate.
Isaanillee, «Ee hin beenna» jedhaniin.
6Yaaqoob, «Inni nagaya jiraa?» isaaniin jedhe.
Isaanillee, «Ee nagaya jira; kunoo ammaa mucattiin isaa Raaheel hoolota qabdee dhufa'aarti» jedhaniin.
7Yaaqoob, « hennaan guyyaa waan ta'eef, hennaan tika galchan waan hin geenneef amma hoolota bisaan obaasa'aatii bobbaasaa'a» isaaniin jedhe.
8Isaanillee, «Haga tinni hoolotaa wolitti qabamee dhagaan afaan boollaa irraa gara galuu nu womaa goonee hin dandeennu; yoo isaan maruu dhufan tokkumma'aan dhagaa gara galchinee hoolota obaafna» jedhaniin.
9Uduma inni waan kana isaan woliin dubbata'aaru mucattiin Laaba'aa Raaheel hoolota abbaa ufii qabattee dhufte isiin waan hoolota abbaa ufii tissituuf; 10Yaaqoobillee mucattii obboleessa haadha isaa ta Laaba'aa Raaheelii fi hoolota eessuma isaa Laaba'aa haga arge itti dhiyaatee dhagaa afaan boollaa jiru iraa kaasee hoolota eessuma ufii ka Laaba'aa bisaan obaase. 11Achiin maayessa Yaaqoob Raaheeliin dhungatee laagaa ufii ol qabatee booye; 12Yaaqoobillee fira abbaa isi'iitii fi ilma Ribqa'aa ta'uu ufii Raaheelitti hime; isiinillee fiiddee waan kana abbaa ufiititti himte. 13Laabaanillee oduu ilma obboleettii ufii Yaaqoobii haga dhagaye isa simachu'uuf fiigee dhaqee ammateenii dhungatee mana ufii isa seensise. Yaaqoobillee waan maraa Laaba'atti hime. 14Laabaanillee, «Ati dhugamaan lafe'ee fi foon kiyya» jedheen; innillee haga ji'a tokkoo isa woliin taa'e.
Yaaqoob Raaheelii Fi Liya'aaf Jedhee Laaba'aa Hojjate
15Laabaan Yaaqoobiin, «Ati fira kiyya waan taateef akkanumaan tola naa hojjattaa? gatiin kee meeqa? mee natti himi» jedheen. 16Laabaan ijoollee durbaa lama qaba; maqaan ta hangafaa Liya'a; ta maandha'aa Raaheel. 17Liyaan ijji isi'ii kalaamsu'u; Raaheel ammo bareeda dhaaba michu'uuti.
18Yaaqoob Raaheeliin jaalatee «Ani waan mucattii teetii Raaheeliif woggaa torbaa sii hojjadha» jedheen.
19Laabaanillee, «Ka nama biraatii kennee mannaa ka sii kenne woyyaa na woliin taa'i» jedheen. 20Yaaqoob Raaheeliif jedhee woggaa torbaa isaa hojjate; waan guddisee isii jaalatuuf woggaan torbaa sun akka guyyaa hago'oo ta'eef. 21Yaaqoobillee Laaba'aan, «Woggaan torbaa raawwatameeraa mucattii tee naa kenni» jedheen. 22Laabaanillee cidha qopheessee namoota naannoo sanii waamee, 23hennaa aduun dhiite Liyaa Yaaqoobitti heerumsiise; innillee hin fuudhe. 24Laabaanillee mucattii ufii Liya'aa garbittii Zalafaa jedhamtu kenneef. 25Haga lafti bariite yoo laalu isiin Liya'a; Yaaqoob Laaba'aan, «Maaf akkana na goote? ani ka sii hojjadheef Raaheeliifii mitii? maaf na sobde?» jedheen.
26Laabaanillee, «Biyya keennatti uduu ta hangafaa jirtu ta maandha'aa kennuun aadaa keennaa miti; 27torbaan tokko fixiitii woggaa torbaa naa hojjadhu isiillee sii kennaa» jedheen.
28Yaaqoobillee akkasuma godhe; haga idaayyummaa torbaan tokko fixeen maayessa Laabaan mucattii ufii Raaheeliinillee akka haadha manaa isaa taatu fuudhee kenneef; 29Laabaan mucattii ufii Raaheeliif garbittii Baalaa jedhamtu kenneef. 30Yaaqoobillee Raaheeliin fuudhee Liyaa caalaa isii jaalatee ammallee woggaa torbaa isi'iif jedhee Laaba'aa hojjate.
Yaaqoob Ijoollee Uumate
31Rabbi akka Liyaan jibbamte argee gadaamessa isi'ii bane; Raaheel ammo dhabduu turte; 32Liyaan ulfooftee ilma deettee Roobeel#29:32 Roobeel Afaan Ibraayisxiitiin «Ra'abun» yoo ta'u «Hashu ilma dhiiraa» yookaan «Rakkinna kiyya naa argeera» jechu'u. jettee itti baafte; «Rabbi rakkinna kiyya argeera; ammaa achi abbaan manaa kiyya na jaalata» jette. 33Ammallee ulfooftee dhiira deettee «Rabbi akka ani jibbame dhagayee kana naa eda'e» jettee maqaa isaa Simoon#29:33 Simoon Afaan Ibraayisxiitiin «Dhagaye» jechu'u. jettee itti baafte. 34Ammallee ulfooftee dhiira deettee «Waan ani ilmaan sadihii dayeefiif abbaan manaa kiyya na jaalata» jettee maqaa isaa Leewwii#29:34 Leewwii Afaan Ibraayisxiitiin «Hin hidhama» jechu'u. jettee itti baafte. 35Akkasuma ammallee ulfooftee ilma deettee «Amma Rabbiin galatoonfadha» jettee maqaa isaa Yihuudaa#29:35 Yihuudaa Afaan Ibraayisxiitiin «Galata» jechu'u. jettee itti baaftee daya dhaabde.
Currently Selected:
Seera Uumamaa 29: KitWoy
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in