YouVersion Logo
Search Icon

Seera Uumamaa 30

30
1Raaheel Yaaqoobiif akka ijoollee hin deenne haga uf beette obboleettii ufiititti hinaaftee Yaaqoobiin, «Finna naa kenni, yoo naa hin kenninee ani hin du'a» jetteen.
2Yaaqoobillee Raaheelitti aaree lolee, «Maal ani Rabbii dhala si dhooggatee?» jedheen.
3Isiinillee, «Kunoo garbittiin tiyya Baalaan hin jirtii isii bira gayi; isiin bakka kiyya buutee finna haa deettuu; ijoolleen isiin deettu tiyya haa taatuu» jetteen. 4Kanaafuu Raaheel garbittii ufii Baalaa akka haadha manaa isaa taatu Yaaqoobii kennite; innillee isii bira gaye; 5Baalaan ulfooftee Yaaqoobiif ilma deette; 6Raaheel, «Rabbi kadhaa kiyya dhagayee naa murteessee ilma naa kenne» jettee maqaa isaa Daan#30:6 Daan Afaan Ibraayisxiitiin «Naa murteesse» jechu'u. jettee itti baafte. 7Garbittiin Raaheelii Baalaan ammallee ulfooftee Yaaqoobiif ilma lammeesso'oo deette. 8Raaheel, «Ani morka guddaa obboleettii tiyyatti morkadhee mooyadhe» jettee maqaa isaa Niftaaleem#30:8 Niftaaleem Afaan Ibraayisxiitiin «Niftaalii» yoo ta'u «Wodhaansa» jechu'u. jettee itti baafte.
9Liyaan akka daya dhaabde haga hubatte garbittii ufii Zalafaa fuutee akka haadha manaa isaa taatu Yaaqoobii kennite; 10garbittiin Liya'aa Zalafaanillee Yaaqoobii ilma dhiiraa deetteef; 11Liyaanillee, «Kun baasa» jettee maqaa isaa Gaad#30:11 Gaad Afaan Ibraayisxiitiin « Hiree mishaa» jechu'u. jettee itti baafte. 12Garbittiin Liya'aa Zalafaan ammallee ilma dhiiraa Yaaqoobii deette. 13Liyaan, «Ani guddisee gammade; amma dubartoonni ‹Ta gammadde!› naa jedhan» jettee maqaa isaa Aseer#30:13 Aseer «Aseeriin» yoo ta'u «Gammachuu» jechu'u. jettee itti baafte.
14Roobeel ji'oota qamadiin haamamu bayee qonna keessaa gumaa akka gumaa mujulo'oo argee haadha ufii Liya'aa fide; Raaheel Liya'aan «Mujuloo ilma keetii naa kenni» jetteen.
15Isiinillee, «Ka abbaa manaa kiyya na jalaa fudhatte hanqatee ammallee gumaa mujuloo ilma kiyyaa na jalaa fudhachuu barbaaddaa?» jetteen; Raaheelillee «Maarre waan gumaa mujuloo ilma keetii na kenniteef adha galgala inni si woliin haa buluu» jetteen.
16Yaaqoobillee aduun dhiinaan hennaa inni diidaa galu Liyaan isa simachu'uuf gad baatee, «Adha na woliin bulta; waan ani gumaa mujuloo ilma kiyyaatiin si kireeffadheef» jetteen; Yaaqoobillee halkan kana isii woliin bule. 17Rabbi kadhaa Liya'aa dhagayee isiinillee ulfooftee ilma shaneesso'oo Yaaqoobii deette. 18Liyaan, «Ani waan garbittii tiyya abbaa manaa kiyyaa kenneef gatii kiyya Rabbi naa kenne» jettee maqaa isaa Yisaakoor#30:18 Yisaakoor Afaan Ibraayisxiitiin «Mindaa» jechu'u. jettee itti baafte. 19Liyaan ammallee ulfooftee ilma jaheesso'oo Yaaqoobii deette. 20Liyaan, «Rabbi waan mishaa naa kenne; ammaa achi abbaan manaa kiyya na woliin jiraata; waan ani ijoollee dhiiraa isaa dayeef» jettee maqaa isaa Zaabiloon#30:20 Zaabiloon Afaan Ibraayisxiitiin «Ulfaachuu» jechu'u. jettee itti baafte. 21Achiin maayessa intala deettee maqaa isi'ii Diinaa#30:21 Diinaa Afaan Ibraayisxiitiin «Murteesse» jechu'u. jettee itti baafte.
22Rabbi Raaheeliin yaadatee kadhaa isi'iillee dhagayee gadaamessa isi'ii baneef. 23Isiinillee ulfooftee ilma deettee «Rabbi maqaa arrabaa na irraa dhiqe; 24ammallee Rabbi ilma naa haa eda'uu jettee maqaa isaa Yooseef#30:24 Yooseef Afaan Ibraayisxiitiin «Naa haa eda'u» yookaan «Na irraa dhiqe» jechu'u. jettee itti baafte.
Yaaqoob Waan Mindaa Ufiitiif Laaba'aan Wol Morme
25Raaheel haga Yooseefiin deetteen maayessa Yaaqoob Laaba'aan «Amma ani gara biyya kiyyaa deebi'a; 26Haadha manaa tiyya lamaan ta ani sii hojjadhee naa kennitee fi ijoollee tiyya naa kenniitii na geegessi ani hin deemaa; haga ani sii hojjadhe hin beettaa» jedheen.
27Laabaanillee, «Yoo ani si afo'otti kabajjamee jiraadhe asuma taa'i, Rabbi akka sababaa keetiif na eebbise argeeraa; 28mindaa kee natti himi isa sii kennaa» jedheen.
29Innillee, «Loon keellee attamitti akka tisse hin beetta, 30uduu ani si bira hin dhufneen dura wonti ati qabdu diqqoo ture; amma ammo horteerta, sababaa ani gara kee dhufeef Rabbi si eebbise; ani ammo yoom ufiif hojjadha?» jedheen.
31Innillee, «Maal sii kenna?» jedheen. Yaaqoobillee, «Womaa naa hin kennin; yoo ati waan kana naa goote ammallee deebi'ee hoolota tee tissee bobbaasa; 32adha ani hoolota tee jidduu lufa'aa hoolota babarruu, sassaaqa'aa fi gugurraa maraa, re'iin keessaallee sassaaqa'aa fi babarruu fooya; isaan kunniin mindaa kiyya haa ta'anii» jedheen. 33Kanaafuu gatii kiyya ka ani si biraa qabu laalu'uuf hennaa dhufu qajeellummaan kiyya naa ragama; re'iin keessaa babarru'uu fi sassaaqaa ka hin qabne, ilmoolee hoolotaa keessaallee ka gugurraa hin taane maruu yoo na biratti argaman akka waan ani hateetitti haa laallamuu.
34Laabaanillee, «Akkuma ati jette haa ta'uu» jedheen. 35Gaafuma san korbeeyyii re'iiniitii fi goromoota saaqaa qabu, re'iin dhadhaltuu keessaa babarruu, saaqaa, adii maraa, hoolota keessaallee hoolota gugurraa maraa fooyee ijoollee ufiititti kenne. 36Isaa fi Yaaqoobiin jidduu deemsa guyyaa sadihii irraa fageesse; Yaaqoob Laaba'aa hoolotaa fi re'iin hafan tissa'aa ture.
37Yaaqoobillee uleewwan jiituu mukkiin adda addaa ka Libin, Lawuzii fi Ermoon jedhamu irraa fuudhee uleewwan sanniin babarruu godhee quuncise. 38Uleewwan quuncise sanniin hennaa tinni hoolotaa bisaan dhugu'uuf dhufan gongaa hoolonni bisaan keessaa dhuddu keessa afoo isaanii kaayee hoolonni hennaa bisaan dhugu'uuf dhufan uleewwan sanniin laalanii tola fuudhu'uuf kajeela'aa turan. 39Hoolonnillee waan uleewwan sanniin laalanii tola fuudhuu kajeelaniif tola fuudhanii ilmoolee babarruu, bibbidu'uu fi sassaaqaa dhalan. 40Yaaqoob korbeeyyii adda fooyee gugurraa maraa hoolota Laaba'aa afoo dhaabsise; tika hoolotaa taawwan ammo hoolota Laaba'aatitti hin edaane.
41Yaaqoob hoolonni jajjabaannaan hennaa tola fuudhuu kajeelan uleewwan babarruu sanniin laalanii bifa uleewwan sanniiniitiin akka tola fuudhan uleewwan sanniin fuudhee gongaa hoolonni bisaan keessaa dhuddu keessa kaaye. 42Uleewwan sanniin hoolota dadadhabduu afoo hin kaawu ture; hoolonni huqqatan ta Laaba'aati; hoolonni qanani'an ammo ta Yaaqoobii ta'an. 43Yaaqoob guddisee duroome; horii, dubartoota, dhiira, garboota, gaallanii fi harriin hedduu hin horaniif.

Currently Selected:

Seera Uumamaa 30: KitWoy

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in