YouVersion Logo
Search Icon

Seera Uumamaa 31

31
Yaaqoob Laabaa Dhokatee Bade
1Ijoolleen dhiiraa ta Laaba'aa, «Yaaqoob qabeenna abbaa keennaa fudhate» jedhanii hennaa dubbatan Yaaqoob dhagaye. 2Yaaqoob hennaa fuula abba'aa laalu akka duraaniitii miti. 3Hennaa san Rabbi Yaaqoobiin « gara biyya abbeetii gara fira keetii deebi'i; ani si woliin ta'aa» jedheen. 4Kanaafuu Yaaqoob Raaheelii fi Liyaa nama itti ergee gara hulee hoolonni jirtuu isaan waamee, 5«Fuulli abbaa keessanii anaaf akka duraaniitii miti; ammo Waandhi abbaa kiyyaa na woliin jira; 6ani hunna qabu maraan akka abbaa keessanii hojjadhe hin beettan. 7Abbaan keessan ammo na sobee mindaa kiyya harka kudhanii jijjiire; Rabbi ammo akka inni na miidhu hin barbaanne. 8‹Hoolonni babarruun mindaa kee haa taatuu› naan jennaan hoolonni maruu ilmoolee babarruu dhalte; ammallee ‹Mindaan kee hoolota bibbiduu haa taatuu› jennaan hoolonni maruu bibbiduu dhalte; 9Rabbi hoolota abbaa keessan irraa fuudhee naa kenne. 10Hoolonni sunniin hennaa tola fuudhuu kajeelan re'iin korbeeyyii babarruu, bibbiduu, sassaaqaa qabanii hennaa itti bobbaasan arge. 11Maleekkaan Rabbii eebju'uun, ‹Yaaqoob!› naan jedhe; anillee ‹Yaa› jedheen. 12‹Ol jedhii laali korbeeyyiin hoolotaa fi korbeeyyiin re'iinitti hobobsan babarruu, sassaaqa'aa fi bibbidu'u; ani waan Laabaan si godhe maraa argeeraa» jedheen. 13Rabbi Waandhi Beeteelii ka ati soodduu dhaabdee muuddee fi silata qabdeef ana; ammallee ka'iitii biyya kanaa bayii gara biyya itti dhalattee deebi'i» jedhe.#Ser. Uma. 28:18-22 14Raaheelii fi Liyaan deebisanii «Mana abbaa keennaatitti gayeen keennaa fi ristiin nu hafeeraa laata? 15Nu'u isa biratti akka nyaaphaatitti hin laallamnee? inni nu gurguratee gatii keenna nyaateera. 16Kanaaf horiin Rabbi abbaa keenna irraa fuudhe maruu keennaa fi ka ijoollee teennaati; amma ka'iitii waan Rabbi siin jedhe maraa godhi» jedhaniin. 17Yaaqoobillee ka'ee ijoolle'ee fi haawwota manaa ufii gaallan yaabbisee; 18horii ufii, mi'a mana ufii, horii hennaa laga lamaan jidduu jiru argate maraa qabatee gara biyya Kana'aanii ka Yisaaqii abbaa ufii dhaqe. 19Hennaa Laabaan rifeensa hoolota ufii ciru'uuf deeme Raaheel waaqa sobaa ka harki namaa hojjate ka abbaa ufii hatte. 20Yaaqoob Laabaa nama Sooriya'aa ganee bade; akka badellee itti hin himne. 21Inni waan ufii qabu maraa qabatee badee laga ceeyee gara gaara Gala'aadii dheesse.
Yaaqoob Uduu Bada'aaru Laabaan Hordofe
22Guyyaa sadeesso'ootitti Yaaqoob akka dheessee bade Laaba'atti himan. 23Laabaan obboleewwan ufii woliin karaa deemsa guyyaa torbaa hordofee gaara Gala'aadii irratti isa dhaqqabe. 24Rabbi halkan eebju'uun gara Laabaa nama Sooriya'aa dhufee «Waan hamaa akka itti hin dubbanne uf eegi» jedheen. 25Laabaanillee gaara irra hulee Yaaqoob daasee itti ijaaratetti dhaqqabeen; Laabaanillee obboleewwan ufii woliin gaara Gala'aadii irratti daasee ijaaratee;
26«Maaf waan kana goote? na gantee dheessitee ijoollee tiyyallee akka waan woraanaan booji'amaniititti fudhattee deemte; 27Maaf dhokattee dheessite? maaf na gantee dheessite? gammachu'uun, sirbaan, dibbe'ee fi kiraaraan akka si geegessu maaf natti hin himne? 28ijoollee tiyya ta dhiiraatii fi ta intalaa akka dhungadhu maaf natti hin himne? waan kana balleessiteerta; 29Silaa ani waan hamaa si irratti hojjachu'uuf hunna qaba; ammo kaleessa Waandhi abbaa keessan ‹Yaaqoobiin jecha hamaa akka itti hin dubbanne uf eegi› jedhee natti hime; 30ammallee yoo mana abbeetii yaadde deemi; ammo waaqolee tiyya maaf hatte?› jedheen.
31Yaaqoobillee deebisee Laaba'aan, «Ijoollee tee waan na harkaa fudhattu seeyee sodaadhee kana godhe, 32namni waaqolee kee fuudhe ammo haa du'uu; wonti kee yoo na biratti argame obboleewwan teenna afo'otti soqii fudhadhu» jedhe. Yaaqoob akka Raaheel hatte waan hin beenneef. 33Laabaan gara daasee Yaaqoobii, gara daasee Liya'aatii fi gara daasee garboota lamaanii seene; ammo womaa hin argine; daasee Liya'aatii bayee gara daasee Raaheelii seene. 34Raaheel waaqa tolfamaa san fuutee kooraa gaalaa jalatti dhossitee irra teette; Laabaan daasee maraa keessa soqee womaa hin argine. 35Isiinillee abbaa ufiitiin, « Sababaa garaa argeeruuf si'i afoo dhaabachuu hin dandeennee naan hin lolin» jetteen; innillee waaqa tolfamaa hin argine.
36Yaaqoob Laaba'aan lolee, «Ani maali'iin si yakke? wonti ati hagana na ariiteef maali'i? 37haga meeshaa kiyya maraa keessa soxxe mi'a mana keetii maal argite? isaan nu lamaan jiddu'utti akka murteessan obboleewwan tiyyaa fi obboleewwan tee afoo nu dhiyeessi» jedheen.
38Woggaa diddamaa guutuu si woliin jiraadhee re'iinii fi hoolonni tee gara'aa hin ganne; tika korbeeyyi'ii kee keessaa ani womaa hin nyaanne 39ka bineensi nyaate sii fidee hin beeku; ka guyya'aa fi halkan hatamellee ana kaffalchiifta ture; 40Oo'i guyya'aatii fi qorri halkanii na miidhee hirriba dhabe. 41Woggaa diddamaa mana kee akkanumaan taa'e; woggaa kudha afurii waan ijoollee intalaa tee lamaaniitiif, woggaa jahaa hoolota tee argachu'uuf sii hojjadhe mindaa kiyya hennaa kudhan jijjiirte 42Waandhi Abrahaamii ka abbaan kiyya Yisaaqi Waaqeffatu uduu na woliin jiraatuu baatee silaa harka duwwaa gad na dhiifta; Rabbi rakkinna kiyyaa fi xaarii tiyya laalee si seere» jedheen. 43Laabaanillee Yaaqoobiin, «Ijoolleen intalaa ijoollee tiyya; daa'immanillee daa'imman tiyya; tinni hoolotaa kiyya; wonti arga'aartu kunniin maruu kiyya; adhallee ijoollee intalaa tiyya tanniinii fi ijoollee isaan dayan irratti maal godhuu danda'a? 44Ammallee koottu anaa fi si'i jiddu'utti ragaa akka ta'u waadaa wolii gallaa» jedheen.
45Yaaqoobillee dhagaa fuudhee soodduu dhaabe. 46Yaaqoob obboleewwan ufiitiin, «Dhagaa wolitti qabaa'a» jedhe; isaanillee dhagaa wolitti qabanii tuulaa dhagaa sanii irratti waa nyaatan. 47Laabaan Yegaarsahadutaa#31:47 Yegaarsahadutaa Afaan Sooriya'aatiin «Tuulaa raga'aa» yookaan «Soodduu» jechu'u. jedhee maqaa itti baase; Yaaqoobillee Gala'aad jedheen. 48Laabaanillee, «Tuulaan tun adha anaa fi si'i jiddu'utti ragaa taati» jedhe; kanaaf maqaan isi'ii Gala'aad#31:48 Gala'aad Afaan Ibraayisxiitiin «Tuulaa raga'aa» yookaan «Soodduu» jechu'u. jedhame. 49Akkasuma Mitsiphaa#31:49 Mitsiphaa Afaan Ibraayisxiitiin «Ka eeggataniin» jechu'u. jedhame; «hennaa anii fi ati adda baane Rabbi nu haa eegu» jedhe. 50«Ijoollee tiyya yoo yakkite; isaan irratti intala biraa yoo fuute; nu woliin namni waan hin jirreef Rabbi anaa fi si'i jiddu'utti raga'a. 51Laabaanillee Yaaqoobiin, «Anaa fi si'i jiddu'utti soodduun tuula'aa kunooti» jedheen. 52Ani gara kee tuulaa dhaga'aa tana akka hin lufne; atillee hammeennaaf gara kiyya tuulaa tanaa fi soodduu tana akka hin lufne soodduun tun ragaa taati; 53Waandhi Abrahaamii, ka Naakooriitii fi Waandhi abbootaa nu jiddu'utti haa murteessu» jedhe; achiin maayessa Yaaqoob waadaa kana eegu'uuf maqaa Waaqa abbaa ufiitiin kakate. 54Yaaqoob gaara san irratti ciincaa ciincessee obboleewwan ufii buddeena akka nyaatan waame; isaanillee buddeena nyaatanii gaara san irra bulan. 55Laabaanillee ganamaan ka'ee ijoollee dhiiraatii fi ta intalaa dhungatee isaan eebbise; Laabaan deebi'ee gara biyya ufii gale.

Currently Selected:

Seera Uumamaa 31: KitWoy

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in