Seera Uumamaa 27
27
Yisaaq Yaaqoobiin Eebbise
1Yisaaqi jaaree hennaa ijaan arguu dadhabe ilma ufii ka hangafaa Eesawu'uun, «Ilma kiyya» jedheen; innillee «Yaa» jedhe.
2Ani kunoo jaareera; guyyaa du'u hin beeku. 3Kanaafuu amma ebo'oo fi buundhee ittiin dhadhooltu fudhadhuutii gara lafa onaa dhaqii dhadhoolii uduu hin duune akka si eebbisu, 4nyaata mi'aayaa hojjadhuu naa fidi» jedheen.
5Ribqaan hennaa Yisaaqi ilma ufii Eesawu'utti himu dhagaya'aa turte; Eesawullee dhadhoolee waan abbaan isaa jedheen san fidu'uuf deeme. 6Ribqaan ilma ufii Yaaqoobiin, 7«Abbee obboleessa kee Eesawu'uun ‹Busaawaa dhadhoolii foon mi'aayaa naa fidi; uduu hin duune nyaadhee Rabbiin afo'otti si eebbisaa› hennaa jedhuun dhagaye; 8amma ilma kiyya waan ani siin jedhu dhagayi; 9gara tikaa dhaqiitii korbeeyyii re'iinii lamaan mimmichuu naa fidii akka inni si eebbisu ani qalee nyaata mi'aayaa abbee jaalatu qopheessaafii. 10Ati uduu inni hin duune akka si eebbisu kennitaafii» jetteen.
11Yaaqoob haadha ufii Ribqa'aan, «Obboleessi kiyya Eesawu nafti isaa rifeensa qaba; ani ammo nafa irraa rifeensa hin qabu; 12maal laataa yoo abbaan kiyya nafa kiyya qaqqabee akka isa sobe beeke eebba fudhachu'uuf abaarsa fudhadha» jedheen. 13Haatillee isaan, «Abaarsi sun bikka kee na irra haa ta'u; woma ani siin jedhe callaa dhagayii deemii fidi» jetteen.
14Kanaafuu inni dhaqee fidee haadhatti kenne; haati isaa ammo nyaata mi'aayaa akka abbaan jaalatutti hojjatte. 15Ribqaan uffata mishaa mucaa hangafaa ka Eesawu'uu fuutee ilma ufii ka maandha'aa Yaaqoobitti uwwiftee 16gogaa korbeeyyii re'iiniillee fuutee harkaa fi mormatti marte; 17nyaata mi'aayaa hojjatte sanii fi buddeena fuutee ilma ufii Yaaqoobitti kennite.
18Innillee gara abbaa ufii seenee, «Aabbaa!» jedheen.
innillee, «Yaa ilma kiyya! ati ilma kiyya kami?» jedheen.
19Yaaqoobillee, abbaa ufiitiin «Ani ilma kee ka hangafaa Eesawu'u; waan ati naan jette godhee garaan kee akka na eebbisu ol jedhii taa'ii waan dhadhoolee fide kana nyaadhu» jedheen.
20Yisaaqillee ilma ufiitiin, «Mucaa kiyya! attamitti daddaftee argatte?» jedheen; Innillee, «Rabbi Waandhi kee waan na gargaareef daddafee argadhe» jedheen.
21Yisaaqi Yaaqoobiin, «Ilma kiyya! akka ati Eesawuu taatee fi hin taane qaqqabee si laalaa gara kiyya as siiqi» jedheen. 22Yaaqoobillee gara abbaa ufii siiqe; inni isa qaqqabee «Laagaan kee laagaa Yaaqoobii, harki kee ammo harka Eesawu'uu fakkaata» jedheen. 23Inni eennuun akka ta'e isa hin beenne; waan harki isaa akka harka obboleessa isaa Eesawu'uu ka rifeensa qabu ta'eef isa eebbise. 24Innillee, «Ati ilma kiyya Eesawu'uu? jennaan innillee «Ee anuma» jedheen.
25«Waan ilmi kiyya dhadhoolee fide nyaadhee quufee garaan kiyya akka si eebbisu naa dhiyeessi» jedheen;
innillee dhiyeesseefii jennaan nyaatee daadhii woyini'iillee dhugee, 26abbaan isaa Yisaaqi «Ilma kiyya; as siiqii na dhungadhu» jedheen. 27Innillee itti siiqee dhungate; Yisaaqi uffata Yaaqoobii ulatee;
«Urgaan mucaa kiyyaa
akka urgaa qonna maasa'aa ka Rabbi eebbiseeti;#Ibr. 11:20
28Rabbi Samii irraa copha si jiisu sii haa kennu!
lafa teellee sii haa lalisiisu!
midhaanii fi woyiniillee guddisee sii haa kennu!
29ormi maruu sii haa ajajamu; baniin maruu sii haa sagadu;
ati mootii obboleewwan teetii ta'i;
ilmaan haatetii sii haa sagadan;
ka si abaaru haa abaaramu;
ka si eebbisu haa eebbifamu» jedhee eebbise.#Ser. Uma. 12:3
Eesawu Yisaaqiin Eebba Kadhate
30Yisaaq Yaaqoobiin eebbise; Yaaqoobillee haga abbaa ufii biraa bayeen maayessa hennama san Eesawu dhadhoolaa gale. 31Innillee akkasuma nyaata mi'aayaa hojjatee gara abba'aa dhaqee «Aabbaa; Ka'i akka garaan kee na eebbisu waan ani ilmi kee dhadhoole kana nyaadhu» jedheen.
32Abbaan isaallee «Ati eennu?› jedheen.
Innillee, «Ani mucaa kee ka hangafaa Eesawu'u» jedheen.
33Yisaaqillee guddisee nayee, «Ka dura dhadhoolee naa fide eennu? uduu ati hin dhufne nyaadhee isa eebbise» jedheen.
34Eesawullee hennaa waan abbaan jedheen dhagaye guddisee iyyee abba'aan «Anallee eebbisi» jedheen.
35Abbaan isaa «Obboleessi kee sobee seenee eebba kee fudhate» jedheen.
36Eesawullee, «Inni hennaa lammataatiif waan na gufachiiseef Yaaqoob jedhamuun isaa sirri'i; tanaan dura hangafummaa kiyya na irraa fudhate; amma ammo eebba kiyya na jalaa fudhate; Aabba amma eebba naa hin hambifnee?» jedheen.#Ser. Uma. 25:29-34
37Yisaaqillee deebisee Eesawu'uun, «Ani mootii kee isa taasise; obboleewwan kee martinuu akka isaa ajajaman godhe; sanyii midhaaniitii fi woyini'iillee isaa eebbise; mucaa kiyya! maaluma sii godha?» jedheen.
38Eesawullee abbaa ufiitiin, «Aabba! eebbi kee takkattimaa? yabo'oo anallee eebbisi» jedhee laagaa ol qabatee booye.#Ibr. 12:17
39Abbaan isaa Yisaaqillee deebisee
«Huleen ati jiraattu ka lafa gabbate irraa fagaatee fi
ka rooba Sami'ii hin arganne;#Ibr. 11:20
40Ati woraanaan jiraatta;
Hojjataa obboleessa keetii taata;
hennaa aartee itti kaate ba'aa san uf irraa buufta» jedheen.#Ser. Uma. 36:8; Mot. 2ffaa 8:20
41Eesawu waan abbaan isaa Yaaqoobiin eebbiseef Yaaqoobiin irratti gadoo qabatee «Abbaan kiyya waan du'uu gayeef ani obboleessa kiyya Yaaqoobiin hin ajjeesa› jedhee yaade.
42Jechi mucaa hangafaa ka Eesawu'uu Ribqaa bira geennaan mucaa ufii ka maandha'aa Yaaqoobiin nama itti ergitee waamsiftee «Obboleessi kee Eesawu si ajjeesu'uuf ta'a; 43amma ilma kiyya waan ani sii jedhu dhagayii obboleessa kiyya Laabaa bira dhaqiitii 44guyyaa hagoo isa bira taa'i; haga aariin obboleessa kee irraa baduuf; 45haga waan ati isa goote irraanfatuuf; achiin maayessa nama sitti ergee si waamsisa isin lamaanuu guyyama tokko maaf dhaba?» jetteen.
46Ribqaanillee Yisaaqiin, «Ani uf jibbe; Yaaqoob dubartoota biyya sanii keessaa waan intala fuudhu yoo ta'e jiraachuu na hin barbaachisu du'a filadha» jette.
Currently Selected:
Seera Uumamaa 27: KitWoy
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in