Macaafa Weedduu Weedduu Caalu 3
3
1<<Isa garaan koo jaallatu
halkan guutuu siree koo irra nan barbaade,
barbaadees isa hin arganne;
[ani isa nan waame,
innis na jalaa hin oowwaanne]
2ani ka'ee mandara keessa,
karaa irra, walga'ii karaa irra
naanna'ee isa nan barbaada;
isa garaan koo jaallatu sanas nan barbaade,
garuu isa hin arganne.
3Warri mandara eegan,
utuu asii fi achi adeemanii na argan;
ani immoo,<<Isa garaan koo jaallatu argitaniittuu?>>
jedhee nan gaafadhe*;
4ergan xinnoo isaan bira darbee immoo,
isa garaan koo jaallatu sana argadhee,
isa nan qabadhe,
gadis isa hin dhiifne;
gara mana haadha kootti,
gara kutaa mana haadha koo
ishee na deesseettis
nan galfadhe*.#3 5:7 4 8:2
5<<Yaa intaloota Yerusaalem,
jaalallee koo isa akka kuruphee
yookiis akka borofa caakkaa,
hamma inni ofiin ka'utti hin dammaqsinaa*!#5 2:7
6<<Inni lafa onaa keessaa
akka utubaa aaraatti
ol ba'aa jiru,
inni fooliin isaa akka qumbii fi ixaana,
isa naggaadeen urgooftuu hundumaa irraa
waliin maktee hojjette kun eenyu*>>
7Ilaa, teessoo Solomoon,
humna-qabeeyyii Israa'el
keessaa jaatamni
itti naanna'anii jiru;
8hundumti isaanii billaa baatu,
lolaaf kan qopheeffamanii dha;
sababii bir'aa halkaniitiifis,
billaa isaanii gudeeda irra kaa'atanii taa'u.
9Solomoon mootichi muka Liibaanon irraa
siree golgaa qabu
kan ittiin isa baatan in hojjechiifate.
10Miilli siree sanaa meetii irraa,
irkoon isaa warqee irraa,
iddoon taa'umsaa
uffata dhiilgee irraa hojjetame;
gidduu isaa intaloota Yerusaalemtu
bareechee hojjeteef.
11Yaa intaloota Yerusaalem,
dhaqaatii gonfoo Solomoon mootichaa,
isa haati isaa guyyaa fuudha isaatii,
guyyaa garaan isaa gammadettis
isaaf kennite ilaalaa!>> jette.#6 8:5
Currently Selected:
Macaafa Weedduu Weedduu Caalu 3: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.