YouVersion Logo
Search Icon

Macaafa Weedduu Weedduu Caalu 2

2
1Isheen,<<Ani arfaasee Shaaron,
daraaraa dachaa keessaa tis>> jette.
Dargaggeessichi,
2<<Hiriyeen koo durboota gidduutti,
akka daraaraa qoraattii keessa jiruu ti>> jedhe.
Isheen durbaa,
3<<Michuun koo dargaggoota gidduutti
akka muka hudhaa mukkeetii caakkaa gidduu dhaabatuu ti;
gaaddisa isaa jala taa'uun anatti in tola,
iji isaas afaan kootti in miyaa'a.
4Michuun koo gara mana cidhaatti na geesse;
milikkinni jaalallee isaa
ta'uu koo mul'isuu
ana irra jira.
5Yommuu jaalalli na dhukkubsachiisu,
yaa jara nana, ija wayniitiin na sooraa,
ija muka hudhaatiinis na jabeessaa!
6Harki isaa inni bitaa mataa koo jala jira,
harki isaa inni mirgaa immoo na ammata*.
7Yaa intaloota Yerusaalem,
michuu koo isa akka kuruphee yookiis akka borofa caakkaa,
hamma inni ofiin ka'utti hin dammaqsinaa>> jette*.#6 8:3 7 3:5; 8:4
Isheen durbaa,
8<<Kun sagalee miccuu kootii ti!
Kunoo, inni tulloota irra in u'utaala,
gaarota irras in kaata;
9michuun koo akka kuruphee ti,
akka ilmoo bosonuu tis.
Ilaa! Inni kellaa mana keenyaa
duuba in ijaajja,
qaawwa kellaatti maxxanee,
karaa qaawwa manaa in ilaala.
10<<Michuun koo deebisee anatti in dubbate.
Dargaggeessichi,
<<Yaa hiriyee ko, miidhagduu ko!
Ka'ii na bira kottu!
11Kunoo, amma ganni darbeera,
bokkaan caameera, sokkeeras;
12daraaraan bakkee keessatti argameera,
yeroon weedduus ga'eera,
sagaleen gugees biyya keenya keessatti dhaga'ameera;
13mukti harbuu
ija godhachuu jalqabeera,
mukti wayniis daraaree urgaa'eera,
yaa hiriyee ko, miidhagduu ko,
ka'ii na bira kottu!>> naan jedhe.
14<<Inni,<<Yaa gugee ko ishee
holqa dhagaa keessaa,
yaa ishee dhoksaa bowwaa keessaa,
fuula kee na argisiisi,
sagalee kees na dhageessisi!
Sagaleen kee anatti in tola,
fuulli kees anatti in miidhaga>>
jedha>> jette.
15Hiriyoonni ishee immoo,
<<Waangotaa fi ilmaan waangotaa
warra waynii keenya isa daraaraa
nu duraa balleessan qabi!>> jedhan.
Isheen durbaa,
16<<Jaalalleen koo kan koo ti,
anis kan jaalallee kootii ti;
inni daraaraa keessa horii isaa in tiksa*.
17Yaa jaalallee ko! Utuu boruun hin baqaqin,
aduunis utuu hin ba'in,
akka kuruphee fiigii kottu,
akka ilmoo bosonuus fottoqaa gaaraa irraa
utaalii na bira ga'i*!#16 6:3 17 8:14

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in