WANGEELA MAARQOS 9
9
1Kana booddee Yesus, ?Dhuguma, dhuguman isinitti hima, namoota as dhaabatanii jiran keessaa, kaan utuu hin du'in, mootummaan Waaqayyoo humnaan dhufee arguuf jiru? jedhe*.#1 13:30; Mat 10:23; Luq 22:18
Yesus Ulfina Isaa Mul'isuu Isaa
(Mat 17:1-13; Luq 9:28-36)
2Guyyaa ja'a booddees, Yesus Phexrosii fi Yaaqoobin Yohannisinis fudhatee, ol gara gaara dheeraa tokkootti kophaatti isaan baase; inni bifa ulfina isaatiin isaanitti mul'ate*. 3Uffanni isaas miiccituun lafa irraa akkas calaqsiisuu akka hin dandeenyetti adii calaqqisaa ta'e. 4Eliyaasii fi Museen achitti isaanitti mul'atanii, Yesusii wajjin dubbachaa turan. 5Phexros gidduutti, ?Yaa barsiisaa! Asitti argamuun keenya attam gaarii dha! Kottaa asitti godoo sadii, tokko siif, tokko Museedhaaf, tokkos Eliyaasiif in ijaarraa? jedhee Yesusitti dubbate. 6Bartoonni sun baay'ee sodaatanii waan turaniif, inni maal akka dubbatu hin beeku ture. 7Yommus duumessi dhufee hunduma isaaniitti uffise; sagaleenis duumessicha keessaa dubbatee, ?Kun ilma koo isa ani jaalladhu, isa dhaga'aa!? jedhe*. 8Bartoonni battaluma sana naannoo isaanii yommuu ilaalan Yesusin duwwaa of biratti argan malee, deebi'anii nama tokko iyyuu achitti hin argine.#2 5:37; 13:3 2-7 2Phe 1:17-18; Mar 1:11; Mat 3:17; Luq 3:22; Kes 18:15; HoE 3:22
9Isaan gaaricha irraa utuu gad bu'uutti jiranii Yesus, ?Ani ilmi namaa du'ee warra du'an keessaa utuun hin ka'in, waan argitan nama tokkotti iyyuu hin himinaa!? jedhee bartoota isaa abboome*. 10Isaan immoo dubbii isaa fudhatanii, ?Warra du'an keessaa ka'uun maal inni?? jedhanii wal gaggaafatan. 11Achumaanis, ?Maaliif barsiisonni seeraa, ?Eliyaas dura dhufuutu ta'a? jedhu?? jedhanii Yesusin gaafatan*. 12Yesus deebisee, ?Waan hundumaa iddootti deebisuudhaaf Eliyaas duraan dursee in dhufa illeetii, haa ta'u iyyuu malee, ilmi namaa baay'ee dhiphachuuf jira, tuffatamuufis jira, jedhamee waa'ee kootiif attamitti caafame ree*? 13Ani garuu isinittan hima, Eliyaas dhufeera; akkuma waa'ee isaatiif caafamee jiruttis, jarreen tokko waanuma jaallatan isa irratti raawwatan? isaaniin jedhe*.#9 8:30; Mat 12:16 11 Mil 4:5; Mat 11:14 12 Far 22:1-18; Isa 53:3 13 Mat 11:14; 1Mot 19:2,10
Yesus Gurbaa Hafuura Hamaatiin Qabame Fayyisuu Isaa
(Mat 17:14-21; Luq 9:37-43)
14Isaan gara bartoota warra kaanii yommuu dhufan, namoonni baay'een isaanitti naanna'anii, barsiisonni seeraa tokkos isaanitti utuu falmanii argan. 15Namoonni hundinuu akkuma Yesusin arganiin raajeffatanii, gara isaatti fiiganii nagaa gaafatan. 16Inni immoo, ?Maal isaanitti falmitu?? jedhee isaan gaafate. 17Yommus tuuta sana keessaa namni tokko deebiseefii, ?Barsiisaa! Ilma koo isa hafuura didaadhaan qabame gara keetti fideera. 18Hafuurichis iddoodhuma isa qabutti lafaan isa dha'a; gurbichi immoo hoomacha afaaniin in yaasa, ilkaan in qara dhagni isaas qaratti in goga. Ani illee akka isaan hafuuricha baasaniif bartoota kee gaafadheera; isaan garuu isa baasuu hin dandeenye? jedhe. 19Yesus deebisee, ?Isin yaa dhaloota hin amannee nana, hamma yoomiittan isin bira jiraadha? Hamma yoomiittis ba'aa anatti taatu? Gara kootti isa fidaa!? isaaniin jedhe*.#19 Luq 24:25
20Yommus isaan gurbicha gara Yesusitti fidan. Hafuurichi immoo Yesusin yommuu arge, gurbicha wixxifachiisee lafaan dha'ee, gangalachiisees hoomacha afaaniin baase. 21Yesus, ?Kun isa qabuun isaa erga yoomiitii?? jedhee abbaa gurbichaa gaafate. Inni immoo deebisee, ?Mucummaa isaatii jalqabe. 22Yeroo baay'ees isa balleessuudhaaf jedhee ibidda keessa, bishaan keessas buuseera; garuu waan tokko gochuu yoo dandeesse, nuuf oo'ii nu gargaari!? jedhe. 23Yommus Yesus, ?Yoo dandeesse jettee? Nama amanuuf wanti hundinuu in danda'ama? jedheen*. 24Achumaan abbaan mucichaa sagalee isaa ol fudhatee, ?Nan amana, amanti-dhabina kootti na gargaari!? jedheen*. 25Yesus immoo namoonni akka itti dacha'an argee, hafuuricha hamaa#Mar 9:25 Hafuuricha hamaa (Mar 3:30 ilaali). sana ifatee, ?Ati hafuura didaadhaa fi dudaa nana! Sin abbooma, isa keessaa ba'i deebites itti hin galin!? ittiin jedhe. 26Hafuurichi mucicha iyyisiisee baay'ees erga wixxifachiisee booddee keessaa in ba'e; yommus gurbichi akka waan du'ee taanaan, namoonni baay'een ?Du'eera? jedhan*. 27Yesus garuu harka gurbichaa qabee lafaa ol isa kaase, innis in ka'e*. 28Yesus erga manatti ol galee booddee, bartoonni isaa kophaatti, ?Nuyi maaliif hafuuricha hamaa sana baasuu hin dandeenye?? jedhanii isa gaafatan*. 29Inni immoo deebisee, ?Inni akkasii kun kadhataan, [soomuudhaanis] malee, waan biraatiin baafamuu hin danda'u? isaaniin jedhe.#23 11:23-24; Mat 21:21; Luq 17:6 24 Luq 17:5 26 1:26 27 5:41; Mat 9:25; Luq 8:54; HoE 3:7 28 10:10
Yesus Ammas Waa'ee Du'a Isaatii Fi Du'aa Ka'uu Isaa Dubbachuu Isaa
(Mat 17:22-23; Luq 9:43-45)
30Ergasii isaan achii adeemanii kutaa biyya Galiilaa keessa darban; Yesus immoo namni tokko illee kana akka beeku hin barbaanne. 31Inni, ?Ilmi namaa harka namootaatti dabarfamee in kennama, isaan isa in ajjeesu; inni garuu ajjeefamee guyyaa sadii booddee in ka'a? jedhee bartoota isaa barsiisaa ture*. 32Bartoonni garuu dubbii isaa hin hubanne, isa gaafachuus in sodaatan*.#31 8:31; 10:32-34; Mat 16:21; 20:18-19; Luq 18:32-33; 24:7 32 Luq 18:34; Yoh 12:16
Inni Caalu Eenyu?
(Mat 18:1-5; Luq 9:46-48)
33Kana booddee isaan Qifirnaahom in dhaqan. Erga mana ga'ee immoo Yesus, ?Karaa irratti maal walii wajjin dudubbachaa turtan?? jedhe isaan gaafate. 34Isaan garuu, eenyutu caalinna laata, jedhanii karaa irratti walii wajjin dudubbachaa waan turaniif, calluma jedhan*. 35Inni erga taa'ee, warra kudha lamaan ofitti waamee, ?Namni dura ta'uu barbaadu nama hundumaa booddee ta'uutu irra jira, nama hundumaafis hojjechuutu irra jira? jedhe*. 36Yeroo sanatti inni mucaa tokko ofitti waamee, isaan dura dhaabachiisee ofitti qabee ammatees; bartoota isaatiin immoo, 37?Mucaa akkasii tokko maqaa kootiin kan simu ana sima, kan na simu immoo isa na erge in sima malee, ana simuu isaa miti? jedhe*.#34 Luq 22:24 35 10:43-44; Mat 20:26-27; 23:11; Luq 22:26 37 Mat 10:40; Luq 10:16; Yoh 13:20
Namni Nuun Hin Mormine Gara Keenya
(Luq 9:49-50)
38Yohannis yommus Yesusiin, ?Yaa barsiisaa, namni tokko utuu inni maqaa keetiin hafuura hamaa baasuu arginee, waan inni nu duukaa hin bu'iniif isa dhowwine? jedhe*. 39Yesus garuu, ?Isa hin dhowwinaa, namni maqaa kootiin hojii aangoo hojjetee, dafe immoo waa'ee koo hamaa dubbachuu danda'u hin jiru'o*. 40Namni nuun hin mormine gara keenya in ta'a*. 41Ani dhuguman isinitti hima, isin kan Kristos waan taataniif namni bishaan dhugaatii willee tokko isinii kenne gatii isaa hin dhabu? jedhe*.#38 Lak 11:27-29 39 1Qor 12:3 40 Mat 12:30; Luq 11:23 41 Mat 10:42
Qorama Irraa Of Eeggachiisuu Isaa
(Mat 18:6-9; Luq 17:1-2)
42Yesus itti fufee, ?Eenyu illee warra xixinnaa anatti amanan kana keessaa tokko gufachiisuu irra, dhagaan daakuu guddaan morma isaatti hidhamee galaana keessatti utuu darbatamee isaa wayya ture. 43Harki kee yoo si gufachiise of irraa muri; harka lachuu qabaattee gara qilillee ibidda hin dhaamnee dhaquu kee mannaa, harkuma tokko qabaattee jireenyatti galuu siif wayya*. [ 44Qilillee sana keessaa raammoon nama nyaatu hin du'u, ibiddi isaas hin dhaamu.] 45Miilli kee yoo si gufachiise of irraa muri; miilla lachuu qabaattee qililleetti darbatamuu kee mannaa, miilla tokko qabaattee jireenyatti galuu siif wayya. [ 46Qilillee sana keessaa raammoon nama nyaatu hin du'u, ibiddi isaas hin dhaamu.] 47Iji kee yoo si gufachiise of keessaa baasi; ija lachuu qabaattee qililleetti darbatamuu kee mannaa, ija tokko qabaattee mootummaa Waaqayyootti galuu siif wayya*. 48Qilillee sana keessaa raammoon nama nyaatu hin du'u ibiddi isaas hin dhaamu*.#43 Mat 5:30 47 Mat 5:29 48 Isa 66:24
49?Hundumtinuu ibiddaan in miyaa'a [qalmis soogiddaan miyeeffama]*. 50Soogiddi waan ba'eessa, soogiddi garuu miyaa yoo of keessaa dhabe, maaliin deebiftanii isa miyeessitu ree? Soogidda of keessaa qabaadhaa, walii keessaniifis nagaa qabaadhaa!? jedhe*.#49 Lew 2:13 50 Mat 5:13; Luq 14:34-35; Qol 4:6; Rom 12:18; 1Tas 5:13; Ibr 12:14
Currently Selected:
WANGEELA MAARQOS 9: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.