WANGEELA MAARQOS 8
8
Yesus Namoota Kuma Afur Nyaachisuu Isaa
(Mat 15:32-39)
1Gidduu sanas tuuti sonaan baay'een deebi'anii walitti qabaman. Isaan waan nyaatan dhabnaan, Yesus bartoota isaa waamee isaanitti dubbatee, 2?Namoonni kun guyyaa sadan kana anaa wajjin turan, nyaatas waan isaan hin qabneef hunduma isaaniif nan oo'a. 3Akkuma beela'anitti gara mana isaaniitti yoon isaan erge, karaatti in kukkufu; isaan keessaa lafa fagootii kan dhufan jiru? jedhe. 4Bartoonni isaa immoo deebisanii, ?Attamitti namni tokko as lafa onaa kanatti, namoota kana hundumaa buddeena nyaachisuu danda'a?? jedhaniin. 5Kana irratti inni, ?Buddeena meeqa qabdu?? jedhee isaan gaafannaan, isaan immoo, ?Buddeena torba? jedhaniin. 6Yommus lafuma sana akka taa'aniif namoota abboome. Buddeenan torban sana fuudhee Waaqayyoof galata galchee, cabsees namootaaf akka dhi'eessaniif bartoota isaatti kekkenne; isaan immoo tuuta sanaaf dhi'eessan. 7Qurxummii xixinnoo muraasas qabu turan; Yesus isas eebbisee namootaaf dhi'eessise. 8Namoonni sun nyaatanii in quufan; hurraa isaan irraa hafes gundoo gurguddaa torba guutuu walitti qaban. 9Kana booddee inni namoota sana gad dhiise; namoonni sun immoo akka kuma afurii turan. 10Achumaanis bartoota isaatii wajjin bidiruu yaabbatee, gara kutaa biyya Daalmaanutaa dhaqe*.#1-10 6:35-44; Mat 14:14-21; Luq 9:12-17; Yoh 6:5-13
Warri Fariisotaa Milikkita Gaafachuu Isaanii
(Mat 16:1-4)
11Yommus warri Fariisotaa dhufanii Yesusin morkachuutti ka'an; isa qoruudhaafis milikkita waaqa irraa akka isaan argisiisuuf isa gaafatan*. 12Inni garuu garaa isaatti gaddee hafuura dheeraa baafatee, ?Dhaloonni si'anaa maaliif milikkita gaafata? Ani dhuguman isiniin jedha, milikkinni dhaloota si'anaaf matumaa hin kennamu? jedhe*. 13Isaan dhiisees ammoo bidiruu yaabbatee gara gamaatti sokke.#11 Mat 12:38; Luq 11:16; Yoh 6:30 12 Mat 12:39; Luq 11:29
Yaada Fariisotaa Fi Yaada Herodis Irraa Of Eeggachiisuu Isaa
(Mat 16:5-12)
14Bartoonni yommuu adeeman buddeena tokkicha bidiruu keessaa of biraa qabu turan malee, buddeena biraa fudhachuu hin yaadanne. 15Yesus isaan akeekkachiisee, ?Ilaaladhaa! Raacitii warra Fariisotaa fi raacitii Herodis irraa of eeggadhaa!? jedhe*. 16Isaan immoo dudubbatanii, ?Isa nuyi buddeena hin qabneef akkas jedha? waliin jedhan. 17Inni kana baree, ?Maaliif waa'ee buddeena dhabuu keessaniitti hiiktanii dudubbattu? Isin amma iyyuu yaadatti hin fudhattanii yookiis hin hubattanii ree? Sammuu keessantu duudee*? 18Ija utuu qabdanii hin argitanii ree? Gurras utuu qabdanii hin dhageessanii ree? Hin yaadattanisii ree*? 19Yeroo ani buddeenan shanan namoota kuma shaniif cabse, hurraa isaa gundoo meeqa guutuu fuutan?? isaaniin jedhe; isaan immoo, ?Kudha lama? jedhaniin*. 20Itti fufee, ?Yeroo ani buddeenan torban namoota kuma afuriif cabse immoo hurraa isaa gundoo gurguddaa meeqa guutanii fuutan?? jedheen; yommus isaan, ?Torba? ittiin jedhan*. 21Yoos, ?Isin amma iyyuu hin hubattanii?? isaaniin jedhe.#15 3:6; Luq 12:1 17 6:52 18 Er 5:21; His 12:2; Mat 13:13; Mar 4:12; HoE 28:26 19 6:35-44; Mat 14:15-21; Luq 9:12-17; Yoh 6:5-13 20 8:1-9; Mat 15:32-38
Yesus Betsayidaatti Nama Jaamaa Tokko Fayyisuu Isaa
22Kana booddee Betsayidaa dhufan. Achittis jarreen tokko namicha jaamaa tokko gara Yesus fidanii, akka inni harkaan isa qaqqabuufis kadhatan. 23Kana irratti inni namicha jaamaa sana harka qabee ganda keessaa diidatti baasee, ija namichaatti tuttufee, harka isaas irra kaa'ee, ?Waa arguu in dandeessaa?? jedhee, gaafate*. 24Namichi immoo ilaalee, ?Namoota arguu nan danda'a, akka adeemanis nan arga, garuu mukeetii anatti fakkaatu? jedhe. 25Inni ammas harka isaa ija namichaa irra kaa'ee, yommus iji namichaa fayyee, hubatee ilaale waan hundumaas ba'eessa godhee arge. 26Kana booddee Yesus, ?Gandichatti hin deebi'in iyyuu? jedhee namicha gara mana isaatti erge.#23 7:33; Yoh 9:6
Phexros Waa'ee Yesus Dhugaa Ba'uu Isaa
(Mat 16:13-20; Luq 9:18-21; Yoh 6:66-71)
27Kana booddee Yesus bartoota isaa wajjin ba'ee, gara gandeen naanna'aa mandara Qiisaariyaa Filiphos dhaqe. Karaattis, ?Namoonni eenyu anaan jedhu?? jedhee bartoota isaa gaafate. 28Isaan yommus, ?Yohannis cuuphaa siin jedhu, kaan immoo Eliyaas raajicha siin jedhu, kaanis raajota keessaa tokko siin jedhu? jedhanii deebisaniif*. 29Inni immoo, ?Isinoo, eenyu anaan jettu?? jedhee isaan gaafate. Phexros deebisee, ?Ati Masiihicha? jedheen*. 30Yeroo sanatti inni waa'ee isaa nama tokkotti illee akka hin himne cimsee isaan gorse*.#28 6:14-15; Luq 9:7-8 29 Yoh 6:68-69 30 9:9
Yesus Waa'ee Du'uu Isaatii Fi Du'aa Ka'uu Isaa Dubbachuu Isaa
(Mat 16:21-28; Luq 9:22-27)
31Yesusis, ?Ilmi namaa maanguddootaa fi luboota warra angafootaatiin, barsiisota seeraatiin guddaa dhiphachuunii fi raawwatee tuffatamuun, du'atti kennamuun in ta'a; guyyaa sadii booddee garuu du'a keessaa in ka'a? jedhee isaan barsiisuutti ka'e*. 32Inni dubbii kana mul'inatti dubbate; Phexros immoo gara bukkeetti isa qabee, cimsee isa gorsuutti ka'e. 33Inni garuu gara galee bartoota isaas ilaalee, Phexrosin ifatee, ?Na duraa turi Seexana nana! Ati kan namootaa malee kan Waaqayyoo hin yaaddu? jedheen.#31 9:12; Mat 17:12; Luq 17:25
34Inni tuuta jaraa bartoota isaatii wajjin ofitti waamee, ?Namni tokko illee ana duukaa bu'uu yoo barbaade, waa'ee ofii isaa dhiisee, fannoo isaa [isa anaaf jedhee baatu] of irra kaa'atee, ana duukaas haa bu'u*! 35Namni jireenya isaa oolfachuu yoo barbaade, jireenyi isaa duraa in fudhatama; namni anaa fi wangeelaaf jedhee jireenya isaa kennu immoo, isa in oolfata*. 36Namni biyya lafaa guutummaatti buufatee, lubbuu isaa garuu yoo dhabe, bu'aan isaa maali ree? 37Namni gatii lubbuu isaa maal kennuu danda'a ree? 38Nama dhaloota gara gaggalaadhaa fi cubbamaa kana keessatti, anatti, dubbii koottis yeella'utti, ilmi namaa ulfina abbaa isaatiin qulqulloota ergamootaa wajjin yommuu dhufu isatti in yeella'a? jedhe*.#34 Mat 10:38; Luq 14:27 35 Mat 10:39; Luq 17:33; Yoh 12:25 38 Mat 10:33; Luq 12:9
Currently Selected:
WANGEELA MAARQOS 8: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.