WANGEELA MAARQOS 6
6
Yesus Naazireetitti Tuffatamuu Isaa
(Mat 13:53-58; Luq 4:16-30)
1Yesus iddoo sana dhiisee adeemee, gara mandara kutaa biyya itti dhalatee dhaqe; bartoonni isaas isa duukaa dhaqan. 2Guyyaa Sanbataattis mana sagadaatti barsiisuu jalqabe. Warra isa dhaga'an keessaas baay'een raajeffatanii, ?Wanti kun hundinuu eessaa dhufeef? Ogummaa attamiitu isaaf kenname? Hojii aangoo attam attamiitus harka isaatiin hojjetaman*? 3Kun muka soofticha ilma Maariyaam, obboleessa Yaaqoob, Yosees, Yihudaa fi Simoon mitii? Obboleettonni isaas as nu bira jiru mitii?? jedhanii isa maman*. 4Yesus immoo, ?Raajiin iddoo biraatti malee biyya isaatti, lammii isaa gidduutti, mana ofii isaattis ulfina hin argatu? isaaniin jedhe*. 5Harka isaa dhukkubsatoota muraasa irra kaa'ee isaan fayyise malee, kana irra kan caalu hojii aangoo achitti hojjechuu hin dandeenye*. 6Amanti-dhabina isaaniitti garuu baay'ee dinqifate.
Kana booddee inni barsiisaa gandeen sana gidduu in deddeebi'e*.#2 Mat 7:28; Yoh 7:15 3 3:31; Mat 11:6; Yoh 6:42 4 Yoh 4:44; 7:5 5 5:23 6 Mat 8:10; 9:35
Yesus Bartoota Kudha Lamaan Erguu Isaa
(Mat 10:5-15; Luq 9:1-6)
7Yommus Yesus warra kudha lamaan ofitti waamee, hafuurota hamoota irratti#Mar 6:7 Hafuurota hamoota irratti Mar 3:30 ilaali. aboo isaaniif kennee, lama lamaan isaan erge*. 8Karaadhaaf immoo ulee malee, buddeena, korojoo, waan tokko illee akka hin fudhanne, horiis akka hin baanne isaan abboome. 9Kophee akka kaa'atan, qomee lama garuu wal irratti akka hin uffanne isaanitti hime. 10Akkanumas, ?Iddoo tokkoo hamma adeemtanitti manuma itti galtan keessa turaa; 11iddoo tokkotti yoo isin simuu dhabaatan, yoo isin dhaga'uu didanis, akka dhugaa isaanitti ba'uuf yommuu achii adeemtan awwaara mandara sanaa, miilla keessanittii dhadha'adhaa!? isaaniin jedhe*. 12Akkasitti warri kudha lamaan ba'anii, namoonni yaada garaa isaanii akka geddaratan lallaban. 13Isaanis hafuurota hamoota baay'ee baasanii, warra dhukkubsachaa turanis baay'ee dhadhaa dibataa dibanii, isaan fayyisan*.#7 Luq 10:1 8-11 Luq 10:4-11; HoE 13:51 13 Yaq 5:14-15
Ajjeefamuu Yohannis Cuuphaa
(Mat 14:1-12; Luq 9:7-9)
14Maqaan Yesus bal'aatti beekamee waan tureef, Herodis mootichis waa'ee isaa dhaga'e. Kaan, ?Yohannis cuuphaatu du'aa ka'e, kanaaf humni gurguddaan isaan hojjetamaa jiru? jedhan. 15Warri kaan, ?Innoo Eliyaas? jedhan; kaan immoo ?Raajiidhuma akka raajota warra durii tokko? jedhan*. 16Herodis waa'ee isaa yommuu dhaga'e garuu, ?Yohannis isa ani mataa isaa mursiisetu du'aa kaafame? jedhe. 17Herodis waa'ee Herodiyaas haadha manaa obboleessa isaa Filiphosiif jedhee, nama itti ergee Yohannisin qabsiisee hiisisee ture; Herodis ishee fuudhee ture. 18Yohannis immoo Herodisiin, ?Haadha manaa obboleessa kee duraa fudhachuun kee seera miti? jedhe*. 19Herodiyaas haalloo ittiin qabattee, isa ajjeesuu in barbaaddi turte, garuu hin dandeenye. 20Yohannis nama qajeelaadhaa fi qulqulluu ta'uu isaa beekee, Herodis isa in sodaata waan tureef, isa in eegsisa ture. Yeroo dubbii isaa dhaga'e illee baay'ee walii wallaale; utuma ta'uu iyyuu gammachuudhaan isa dhaggeeffate.#14-15 8:28; Mat 16:14; Luq 9:19 17-18 Luq 3:19-20; Lew 18:16
21Guyyaa itti Herodis seenaa dhalachuu isaatiif jedhee gurguddoota bultii biyya isaatii fi, angafoota warra loltuutiif, kutaa biyya Galiilaa keessaa warra beekamaniif nyaachisa godhe irratti, Herodiyaas fucha gaarii argatte. 22Intalli Herodiyaas ol galtee yommuu sirbite, Herodisii fi keessummoota isaa gammachiifte. Mootichi yommus intalattiidhaan, ?Waanuma barbaadde na kadhadhu, anis siif nan kenna!? jedhe. 23Ammas, ?Hamma walakkaa mootummaa kootiitti waanuma ati na kadhattu siifan kenna? jedhee kakateef*. 24Kana irratti intalattiin gad baatee, ?Maal kadhadhu?? jettee haadha ishee gaafatte; isheen immoo, ?Mataa Yohannis cuuphaa? jettee deebifteef. 25Kanaaf intalattiin yommusuma gara mootichaatti ariifattee ol galtee, ?Akka ati tokkichumaan mataa Yohannis cuuphaa gabateetti anaaf laattu nan barbaada? jetteen. 26Kana irratti mootichi gar-malee in gadde; garuu sababii kakaa isaatii fi keessummoota isaatiif jedhee, isa ishee abdachiise sana arraba isaa geddaruu hin barbaanne. 27Achumaan mootichi warra isa eegan keessaa loltuu tokko ergee, mataa Yohannis akka fiduuf abboome; loltuun sun immoo dhaqee mana hidhaa keessatti mataa Yohannis mormatti irraa kute. 28Mataa isaa sanas gabateetti fidee intalattiidhaaf kenne; intalattiin immoo haadha isheetiif laatte. 29Bartoonni Yohannis kana yommuu dhaga'an, dhaqanii reeffa isaa fuudhanii, awwaala keessa in kaa'an.#23 As 5:3,6; 7:2
Yesus Namoota Kuma Shan Nyaachisuu Isaa
(Mat 14:13-21; Luq 9:10-17; Yoh 6:1-14)
30Ergamoonni ergasii Yesus biratti walitti qabamanii, waan hojjetanii fi waan barsiisan hundumaa isatti himan*. 31Inni immoo, ?Isin duwwaan anaa wajjin gara iddoo qoofniitti ba'aa, takkas boqodhaa!? isaaniin jedhe. Namoonni baay'een in dhufu in adeemus; kanaaf nyaataaf illee yeroo hin qaban turan*. 32Yommus isaan kophaa isaanii bidiruudhaan gara iddoo qoofnii tokkoo dhaqan. 33Namoonni utuu isaan adeemanii waan arganiif baay'een kana hubatan; warri mandaroota hundumaa keessaa dhufan, miillaan fiiganii, karaa lafaa naanna'anii, isaan duras iddoo sana in ga'an.#30 Luq 10:17 31 3:20
34Yesus qarqara bishaaniitti yommuu bidiruu keessaa ba'utti, tuuta gobbuu arge. Isaan akka hoolota tiksee hin qabnee waan turaniif immoo isaaniif in oo'e, waan baay'ees isaan barsiisuutti ka'e*. 35Yeroo galgalaa'aa adeemetti immoo bartoonni isaa gara isaa dhufanii, ?Kun lafa onaa dha, yerichi immoo sokkeera*; 36gara manneenii fi gandeen nutti aanan kanaa dhaqanii, waan nyaatan akka bitataniif jara kana gad dhiisi!? jedhan. 37Inni garuu deebisee, ?Isin ofii keessanii waan isaan nyaatan kennaaf!? jedhe. Isaan immoo, ?Dhaqnee meetii dhibba lamaan buddeena binnee haa nyaataniif isaaniif kenninuu ree?? jedhaniin. 38Kana irratti inni, ?Buddeena meeqa qabdu? Dhaqaatii ilaalaa!? isaaniin jedhe. Isaan immoo meeqa akka ta'e erga baranii, ?Buddeena shanii fi qurxummii lama? jedhaniin. 39Yommus inni immoo, hundinuu kutata kutataan marga lalisaa sana irra akka taa'aniif abboome. 40Isaanis dhibba dhibbaan, shantama shantamaanis kutataan taa'an. 41Buddeenan shananii fi qurxummii lamaan fuudhee gara waaqaatti ol ilaalee, eebbisees. Buddeenan sana cabsee namootaaf akka dhi'eessaniif bartoota isaatti kekkenne; qurxummii lamaanis hunduma isaaniitiif hirsiise*. 42Isaan hundumtinuu nyaatanii in quufan. 43Bartoonni isaa hurraa buddeennii fi qurxummii gundoo kudha lama guutuu fuudhan. 44Warri buddeena sana nyaatan immoo dhiironni duwwaan iyyuu kuma shan turan.#34 Lak 27:17; 1Mot 22:17; 2Sen 18:16; His 34:5; Zak 10:2; Mat 9:36 35 8:1-9; Mat 15:32-38 41 7:34; 14:22; Yoh 17:1
Yesus Bishaan Gubbaa Adeemuu Isaa
(Mat 14:22-33; Yoh 6:16-21)
45Achumaanis Yesus hamma ofii isaatii tuuta sana gad dhiisutti, bidiruu yaabbatanii isa dura gama Betsayidaatti akka ce'an bartoota isaa giddisiise. 46Tuuta sanatti erga nagaa dhaamee immoo kadhachuudhaaf gara gaaraatti ol ba'e*. 47Yommuu galgalaa'e bidiruttiin ciisa bishaanichaa walakkaa jirti; Yesus garuu kophaa isaa bakkee ture. 48Bartoonni isaa bidiruudhaan utuu adeemanii qilleensi gara isaaniitti qilleensa'uu irraa kan ka'e, rakkachaa akka turan arge. Gara iyya indaanqoo isa lammaffaatti bishaan gubbaa adeemaa gara isaanii dhufe; isaan bukkee darbuus in barbaade. 49Bishaan gubbaa utuu adeemuu yommuu arganis ekeraa dha se'anii, iyyan*. 50Hundumti isaanii isa arganii sodaatan. Inni garuu achumaan isaanitti dubbatee, ?Jabaadhaa, innoo anaa, hin sodaatinaa!? jedhe. 51Isaanii wajjinis bidiricha yaabbate; qilleensichis dhaabannaan waanuma jedhan wallaalan*. 52Sammuun isaanii amma iyyuu duudee waan tureef, isaan dinqii inni buddeenan sanaan hojjeteen iyyuu hubachuu hin dandeenye*.#46 1:35; Luq 5:16; 6:12 49 Luq 24:37 51 4:39 52 8:17; Mat 16:9
Yesus Genesaarexitti Dhukkubsatoota Fayyisuu Isaa
(Mat 14:34-36)
53Yommuu ce'anis bakkee Genesaarexitti lafatti ba'anii, qarqara bishaanichaattis bidiruu isaanii hidhatan. 54Akkuma isaan bidiruu keessaa ba'aniin, namoonni, Yesus akka ta'e baran. 55Naanna'aa sanaa immoo asii fi achi fiiganii, iddoo inni ga'e jechuu dhaga'an hundumaatti, namoota dhukkubsatan sireedhaan fiduutti ka'an. 56Gandeen, mandaroota yookiis manneen inni dhaqe hundumaattis, dhukkubsatoota lafa gabaa ciibsanii akka isaan shaashara wayyaa isaatii illee tuqaniif isa in kadhatu turan; hammi shaashara wayyaa isaa tuqan hundinuu in fayyan*.#56 5:27-28; Mat 9:20; Luq 8:44; HoE 5:15; 19:11,12
Currently Selected:
WANGEELA MAARQOS 6: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.