YouVersion Logo
Search Icon

WANGEELA MAARQOS 5

5
Yesus Hafuura Hamaa Namicha Tokko Keessaa Baasuu Isaa
(Mat 8:28-34; Luq 8:26-39)
1Kana booddee isaan ciisa bishaanii gama, gara kutaa biyya Gergeessaa#Mar 5:1 Biyya Gergeesseen yookiis ?Biyya Gadareenee?. dhufan. 2Akkuma Yesus bidiricha irraa bu'een, namni hafuurri hamaan keessa ture tokko, iddoo awwaalaa keessaa ba'ee isatti dhufe*. 3Namichi kun awwaalota gidduu jiraate; homtinuus funyoodhuma sibiilaatiin illee isa hidhuu hin dandeenye. 4Inni yeroo baay'ee funyoo sibiilaatii fi hidhaa harkaatiin hidhameera, garuu funyoo sibiilaa of irraa in kukkuta, hidhaa harkaas in caccabsa ture. Kanaaf namni tokko illee gad isa qabuu hin dandeenye. 5Namichi kun yeroo hundumaa halkanii fi guyyaa awwaalota gidduutti, tulloota irrattis argamee in iyya, dhagaadhaanis of in rukuta ture. 6Inni fagootti Yesusin argee, gara isaatti fiigee jilbeenfatee Yesusiif sagade. 7Caraanaas sagalee guddaadhaan, ?Yaa Yesus ilma Waaqayyoo aabbaa, maal nattii qabda? Maaltus dhimma koo keessa si buuse? Hadaraa Waaqayyoo ana hin dhiphisin!? jedhe*. 8Yesus immoo, ?Ati hafuura hamaa nana, namicha kana keessaa ba'i!? ittiin jedhee ture. 9Yesus, ?Maqaan kee eenyu?? jedhee gaafannaan, hafuurichi immoo, ?Maqaan koo duula, nuyi baay'ee dha? jedhee deebiseef. 10Achumaanis hafuurota baay'ee sana biyya keessaa akka hin baafneef, jabeessee Yesusin kadhate.#2 1:23 7 1Mot 17:18; Mar 1:24; Luq 4:34; Yaq 2:19
11Dirree gaarichaa sana irra, kunoo hoomaan booyyee bobba'anii turan. 12Hafuuronni hamoonni sun immoo ?Booyyota sanatti akka galluuf itti nu ergi!? jedhanii Yesusin kadhatan. 13Yommus inni haa dhaqaniif isaan dhiise. Hafuuronni hamoonni namicha keessaa ba'anii booyyota sanatti galan. Hoomaan akka booyyota kuma lamaatti lakkaa'aman sun, hallayaa irraa gad gara ciisa bishaaniitti konkolaatanii liqimfaman. 14Yommus warri booyyee eegan baqatanii, kana warra mandara keessaa fi warra biyyaattis odeessan. Namoonni immoo waan ta'e kana ilaaluudhaaf dhufan. 15Yesus bira ga'anii, namicha isa duula hafuura hamaadhaan qabamee ture sana wayyaa uffatee, qalbii isaattis deebi'ee achi taa'ee argan; hundumti isaaniis in sodaatan. 16Duraan achi turanii, waan namicha hafuurri hamaan keessa ture sanaaf ta'e, hoomaan booyyees maal akka ta'an warri argan, jara dhufanitti himan. 17Yommus jarri, Yesus kutaa biyya isaaniitii akka adeemuuf kadhatan. 18Yesus achii adeemuudhaaf bidiruu yaabbannaan, namichi hafuura hamaadhaan qabamee ture sun, ?Sii wajjin nan adeema? jedhee isa kadhate. 19Yesus garuu, ?Gara mana keetii fi lammii keetii dhaqi, waan gooftaan siif godhe hundumaa, attamittis akka si maare isaanitti himi!? ittiin jedhe malee tole hin jenne*. 20Namichi achii adeemee mandaroota kurnanuu keessa naanna'ee waan Yesus isaaf godhe hundumaa labse; hundinuus in dinqifatan*.#19 8:26; Mat 9:6; Luq 5:24 20 7:31; Mat 4:25
Intala Yaayirosii Fi Dubartii Ishee Uffata Yesus Tuqxe
(Mat 9:18-26; Luq 8:40-56)
21Yesus bidiruudhaan deebi'ee ciisa bishaanichaa yommuu ce'etti, namoonni baay'een gara isaatti walitti qabaman. Inni immoo qarqara bishaanichaa ture. 22Yommus warra geggeessituu mana sagadaa keessaa tokko, maqaan isaa Yaayiros kan jedhamu dhufee, Yesusin argee, miilla isaa jalatti kufee*, 23?Mucaan koo dhukkubsattee du'uuf jetti, akka isheen fayyitee jiraattuuf hadaraa kottuutii harka kee ishee irra kaa'i!? jedhee jabeessee kadhate*. 24Kanaaf Yesus Yaayirosii wajjin in adeeme; namoonni baay'eenis isa dhiisanii duukaa in bu'u turan*.#22 HoE 13:15; 18:8,17 23 6:5; 7:32; 8:23; HoE 9:17; 28:8 24 3:9
25Dubartiin waggaa kudha lamaaf dhiigni ishee dhaabachuu diduudhaan rakkattu tokko immoo turte. 26Isheen ogeessota qorichaa biratti baay'ee dhiphattee, waan qabdu hundumaas kanuma irratti fixxe; haa ta'u iyyuu malee, qooda itti foyya'uu ittuma hammaataa adeeme. 27Isheen waa'ee Yesus yommuu dhageesse, namoota sana gidduu dugda isaa duubaan dhuftee uffata isaa tuqxe. 28Isheen, ?Uffatuma Yesus yoon tuqe illee nan fayya? jettee garaa isheetti yaaddee turte*. 29Achumaan lolaan dhiiga ishee in cite; isheen immoo dhukkuba isheettii akka fayyite itti dhaga'ame. 30Yesus yeroodhuma sana humni fayyisu isa keessaa akka ba'e beekee, namoota gidduudhaa gara galee, ?Eenyutu uffata koo tuqe?? jedhee gaafate*. 31Bartoonni isaa immoo, ?Akka namoonni si dhiiban utuma argituu, ?Eenyutu na tuqe?? jettee gaafattaa?? jedhaniin. 32Yesus garuu amma iyyuu nama isa tuqe arguudhaaf naannoo isaa ilaale. 33Kana irratti dubartittiin waan isheedhaaf godhame hubattee, sodaachaa rom'aa dhuftee miilla Yesus jalatti lafa dhoofte; dhugaa ishee hundumaas isatti himte. 34Yesus immoo, ?Yaa intala ko, amantiin kee si fayyiseera, nagaadhaan dhaqi, dhukkuba keettiis kan fayyite ta'i!? isheedhaan jedhe*.#28 6:56; HoE 19:12 30 Luq 5:17; 6:19 34 10:52; Luq 7:50
35Utuu Yesus kana dubbachaa jiruu namoonni mana Yaayiros geggeessituu mana sagadaa sanaa, dhufanii, ?Intalli kee duuteetti, si'achi immoo maaliif barsiisicha dhamaafta?? jedhaniin. 36Yesus garuu, waan dubbatame sana homaattuu utuu hin fudhatin, geggeessituu mana sagadaa sanaan, ?Hin sodaatin, amani duwwaa!? jedhe. 37Yesus yommus Phexros, Yaaqoobii fi Yohannis obboleessa Yaaqoob malee, namni kan biraa isa duukaa mana namichaa akka dhaqan hin barbaanne*. 38Gara mana geggeessituu sanaa yommuu dhufan, Yesus huursaa isaanii dhaga'ee, namoota boo'anii wawwaatanis arge. 39Inni manatti yommuu ol gale, ?Maaliif huursitanii boossu? Intalattiin rafuutti jirti malee, hin duune? isaaniin jedhe*. 40Isaanis itti kolfan. Inni garuu hunduma isaanii gad yaasee, abbaa intalattii fi haadha ishee warra isaa wajjin turanis fudhatee, iddoo reeffi intalattii jirutti ol gale. 41Harka ishees qabee, ?Xaaliitaa quumii!? jedheen; kunis, ?Intalo! Siinan jedha, ka'i!? jechuutti hiikama*. 42Intalattiin si'uma sana kaatee asii fi achi adeemte; isheenis intala waggaa kudha lamaa turte. Yommus isaan guddaa gammadanii of wallaalan. 43Yesus immoo waan ta'e kana eenyu illee akka hin barre jabeessee isaan abboomee, ?Wanta nyaatamu isheedhaaf kennaa!? jedhee isaanitti hime*.#37 9:2; 13:3; Mat 17:1 39 Yoh 11:4,11 41 9:27; Luq 7:14; HoE 9:40 43 1:44; 7:36

Currently Selected:

WANGEELA MAARQOS 5: MacQul

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in