Yoonaas Raajichaa 2
2
1Waaqayyo yeroo sanatti, qurxummiin guddaan tokko achitti argamee, Yoonaasin akka liqimsu godhe; akkasitti Yoonaas garaa qurxummichaa keessa guyyaa sadii fi halkan sadii ture*.#1 Mat 12:40; 16:4
Yoonaas Waaqayyoon Kadhatee Oolfamuu Isaa
2Yoonaas immoo garaa qurxummichaa keessaa
Waaqayyo isaa goofticha in kadhate;
3<<Yaa Waaqayyo,
ani rakkina koo keessatti si nan waammadhe,
ati yommus ana jalaa in owwaatte;
garaa iddoo lafa jalaa keessaa
sitti nan iyyadhe,
ati immoo sagalee koo anaaf in dhageesse*.
4Ati tuujjuba keessatti,
garaa galaanaa keessatti na darbatte;
bishaan humnaan lola'us
ana marsee ture,
dha'aan kee fi tuulamee darbatamuun bishaan keetii
hundinuu ana irra in yaa'an*.
5Yommus,<<Anoo fuula kee
duraa gatameera,
deebi'ee mana qulqullummaa kee nan arga laataa?>>
jedhee nan yaade*.#3 Far 120:1; faaru 3:55 4 Far 42:7 5 Far 31:22
6<<Bishaanonni mataa koo irra yaa'anii,
lubbuu koof in sodaachisan;
tuujjubni na marsee,
margi bishaan keessaas
mataatti na marme*.
7Yommus ani gara hundee tullootaatti,
gara biyya danqaraan isaa bara baraan
ana irratti cufameetti gad nan bu'e;
ati garuu yaa Waaqayyo gooftaa ko,
boolla gad fagoo sana keessaa
fayyaatti ol na baafte*.
8Yeroo lubbuun koo na keessatti gaggabdetti,
yaa Waaqayyo ko, ani sin yaadadhe;
kadhanni koos mana kee
isa qulqullaa'aa keessatti
gara kee anaaf in dhufe*.#6 Far 18:4; 69:1-2 7 Far 40:2; 103:4 8 Far 18:6; 142:1-3
9<<Warri waaqayyolii tolfaman
warra waa'ee hin baafneef
safuu buufatan,
Waaqayyoon isa gaarummaa
isaanitti argisiisu in dhiisu*.
10Ani garuu sagalee galataatiin,
aarsaa siif nan dhi'eessa;
wanta ani wareeges nan baasa;
fayyisuun kan Waaqayyoo ti!>> jedhe*.
11Ergasii Waaqayyo qurxummichatti in dubbate, inni immoo gara lafa gogaatti baasee Yoonaasin ol deebise.#9 Far 31:6 10 Far 22:25; 50:14; 116:17-18
Currently Selected:
Yoonaas Raajichaa 2: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.