YouVersion Logo
Search Icon

WANGEELA YOHANNIS 12

12
Maariyaam Yesusin Urgooftuu Dibuu Ishee
(Mat 26:6-13; Mar 14:3-9)
1Ayyaaneffamuu Faasiikaa guyyaa ja'aan jiru, Yesus Bitaaniyaa iddoo Alaazaar ture dhaqe; inni isa Yesus warra du'an keessaa dammaqse ture*. 2Achitti irbaata qopheessaniif; Maartaan in ergamti, Alaazaar garuu warra isaa wajjin maaddiitti dhi'aatan keessaa tokko ture*. 3Maariyaam yommus urgooftuu dibataa makaa hin qabne hidda biqiltuu gati-jabeessa ?Naardos? jedhamu irraa kan hojjetame, akka walakkaa liitrii kan ta'u fuutee, miilla Yesus lachuu dibdee, rifeensa mataa isheetiinis haxoofte; manichi immoo foolii urgooftuu sanaatiin in guutame*. 4Bartoota isaa keessaa tokko, Yihudaan namni biyya Keriyot, inni isa qabsiisuuf jira ture garuu kana irratti*, 5?Urgooftuun kun meetii dhibba sadiitti gurguramee, maaliif warra hiyyeessotaaf hin kennamne?? jedhee dubbate. 6Kana immoo hiyyeessotaaf oo'ee miti, hattuu waan tureef jedhe malee; korojoo horii isaanii isa baatu keessaas in fudhata ture*. 7Yesus immoo, ?Ishee dhiisi! Guyyaa awwaala kootiif na qopheessuudhaaf urgoofticha keesse'o. 8Namoota hiyyeessota yeroo hundumaa of biratti in argattu, ana garuu yeroo hundumaa hin argattan? jedhe*.#1 11:1,43-44 2 Luq 10:40 3 Luq 7:37-38 4 6:71; 13:26; 18:2 6 13:29; Luq 8:3 8 Kes 15:11
Luboonni Warri Angafoonni Alaazaaritti Korachuu Isaanii
9Yihudoota keessaas namoonni sonaan baay'een Yesus achi jiraachuu dhaga'an; yommus Yesus duwwaadhaaf utuu hin ta'in, Alaazaarin isa inni warra du'an keessaa dammaqses ilaaluudhaaf achi dhufan*. 10Yommus luboonni warri angafoonni Alaazaarin immoo ajjeesuudhaaf murtoo godhan. 11Sababiin isaa immoo Yihudoota keessaa baay'een isaaf jedhanii dhaqanii, Yesusitti in amanu waan turaniif*.#9 11:43-44 11 2:23; 7:31; 11:45
Yesus Ulfinaan Yerusaalemitti Lixuu Isaa
(Mat 21:1-11; Mar 11:1-11; Luq 19:28-40)
12Borumtaas namoonni sonaan baay'atanii ayyaanichaaf ol ba'an, Yesus Yerusaalem akka dhufu dhaga'an. 13Damee muka meexxii harkatti qabatanii, isa simuudhaaf ba'an; sagalee guddaadhaanis, ?Hosaa'inaa, mootiin Israa'el inni maqaa Waaqayyoo gooftaatiin dhufu galateeffamaa dha? jedhan*.#13 Lew 23:40; Far 118:25-26; Mat 23:39
14Yesus yommus ilmoo harree tokko argatee irra taa'e; kunis macaafa keessatti caafameera; 15?Yaa ijoollee Xiyoon hin sodaatinaa, kunoo mootiin keessan ilmoo harree irra taa'ee in dhufa? jedhame*. 16Bartoonni isaa si'a duraa kana hin hubanne; Yesus ulfina isaatti erga ol fudhatamee booddee garuu, kun waa'ee isaatiif akka caafame, kanas akka isaaf godhan in yaadatan*.#15 Isa 41:10,13; Zak 9:9 16 12:23; 2:22
17Namoonni gaafa inni Alaazaarin awwaala keessaa waamee, warra du'an keessaas dammaqse isa bira turan, kana gochuu isaa dhugaa ba'anii turan*. 18Yommus tuuti jaraa milikkita kana argisiisuu isaa waan dhaga'aniif, isa simuudhaaf ba'an. 19Warri Fariisotaa garuu, ?Isin waan tokko dhimma baafachuu akka hin dandeenye in argitu; biyyi lafaa isa duukaa bu'eera? waliin jedhan*.#17 11:43-44 19 3:26; 11:48
Griikonni Tokko Yesusin Barbaaduu Isaanii
20Warra yeroo ayyaanichaatti sagaduudhaaf ol ba'an keessa, Griikonni tokko turan*. 21Isaan kun Filiphos, nama Betsayidaa isa kutaa biyya Galiilaa sana bira dhufanii, ?Yesusin arguu feena, gooftaa? jedhaniin*. 22Filiphos immoo dhaqee Indriiyaasitti hime; Indriiyaasii fi Filiphos walii wajjin dhaqanii Yesusitti himan. 23Yesus garuu deebisee, ?Yeroon ilmi namaa ulfina isaatti ol fudhatamu ga'eera*. 24Dhuguma, dhuguman isinitti hima; iji qamadii biyyoo keessa bu'ee yoo du'uu dhabaate, tokkichuma ta'ee hafa; yoo du'e garuu ija baay'ee in godhata*. 25Namni jireenya isaa mararsiifatu jireenya isaa in dhaba; namni biyya lafaa kanatti jireenya isaa hin mararsiifanne garuu, jireenya bara baraatiif isa in kaa'ata*. 26Namni tokko yoo anaaf ergamuu barbaade, ana duukaa bu'uun in ta'aaf, inni anaaf ergamus lafa ani jiru in jiraata; namni anaaf ergamu yoo jiraate, abbaan koo ulfina in kennaaf? jedhe*.#20 7:35; 11:55 21 1:44; Luq 19:3; 23:8; Mat 13:16-17 23 13:31-32; 17:1 24 1Qor 15:36 25 Mat 10:39; 16:25; Mar 8:35; Luq 9:24; 14:26; 17:33 26 14:3; 17:24; Luq 9:23
Yesus Waa'ee Du'uu Isaa Dubbachuu Isaa
27Yesus itti fufee, ?Amma lubbuun koo dhiphatteetti; egaa, ?Yaa abbaa yerottii kana na oolchi!? jedhu moo ree? Garuu sababiidhuma kanaaf ani immoo gara yerottii kanaa dhufe*. 28Yaa abbaa maqaa kee ulfeessi, guddisi!? jedhe. Yommus sagaleen tokko waaqa irraa dhufee, ?Raawwadhee ulfeessee, guddiseera; si'achis nan ulfeessa, nan guddisas!? jedhe*. 29Tuuta achi ijaajjee dhaga'aa ture keessaa kaan, ?Kakawwee dha? jennaan, kaan immoo, ?Ergamaa Waaqayyootu isatti dubbate? jedhan*. 30Yesus immoo deebisee, ?Sagaleen kun sababii keessaniif dubbate malee, sababii kootiif miti*. 31Yeroon firdii biyya lafa kanaa amma, inni hamaan biyya lafaa kana seerratus amma gad in gatama*. 32Ani yommuun lafa irraa ol kaafamu, nama hundumaa ofitti nan harkisa? jedhe*. 33Kanas du'a attamii du'uudhaaf akka ture tuquuf jedhe. 34Tuuti jaraas deebisanii, ?Kristos bara baraan akka jiraatu seera irraa dhageenyeerra; egaa attamitti ilmi namaa ol kaafamuun in ta'a jetta ree? Ilmi namaa kun eenyu inni?? jedhaniin*. 35Yesus immoo, ?Ifni amma iyyuu yeroo gabaabaadhaaf isin bira jira; dukkanni akka isin hin qaqqabnetti, ificha utuu qabdanii adeemaa! Namni dukkana keessa adeemu, gara kam akka dhaqu hin beeku*. 36Ijoollee ifaa akka taatanitti, ificha utuu qabdanii ifichatti amanaa!? isaaniin jedhe.
Yesus kana dubbatee isaan biraa adeemee, ija isaanii duraas of dhokse*.#27 Far 42:5-6; Mat 26:38-39 28 13:31; Mat 3:17; 17:5 29 Luq 22:43; HoE 23:9 30 11:42 31 9:39; 14:30; 16:11; Luq 10:18 32 3:14; 8:28; 17:24 34 Far 110:4; Isa 9:7; His 37:25; Dan 7:13-14 35 7:33; 8:12; 9:4-5; 11:9-10; 12:46; 1Yoh 2:11 36 8:59; Efe 5:8
Yihudoonni Amanuu Dadhabuu Isaanii
37Utuma Yesus milikkita baay'ee isaan duratti hojjetee argisiisuu iyyuu, isaan isatti hin amanne*. 38Kun immoo dubbiin raajicha Isaayaas akka raawwatamuuf, isa inni, ?Yaa gooftaa, eenyutu waan nuyi dhageenyee itti himne amane? Irreen Waaqayyoos eenyutti mul'ate?? jedhe*. 39Isaan amanuu hin dandeenye; Isaayaas itti dabale immoo, 40?Ija isaaniitiin akka hin arginetti, garaa isaaniitiinis akka hin fudhannetti akka ani isaan fayyisuufis, akka isaan hin deebinetti, inni ija isaanii jaamseera, garaa isaaniis jabeesseera? jedhee dubbateera*. 41Isaayaas ulfina isaa argee, waa'ee isaa waan dubbateef kana jedhe*. 42Haa ta'u iyyuu malee, Yihudoota warra aboo qaban keessaa iyyuu baay'een itti amananiiru; garuu mana sagadaa isaanii keessaa nu baasu jedhanii warra Fariisotaa waan sodaataniif, isatti amanuu isaanii hin mul'ifne*. 43Isaan Waaqayyo irraa ulfina argachuu caalaa nama irraa ulfina argachuu jaallatan*.#37 20:30-31; HoE 2:22 38 Isa 53:1; Rom 10:16 40 Isa 6:9-10; Mat 13:14-15; HoE 28:26-27 41 Isa 6:1 42 7:48; 12:11; 19:38; 9:22; 16:2 43 5:44
Dubbiin Yesus Namatti Faraduu Isaa
44Yesus sagalee isaa guddisee, ?Namni anatti amanu, isa ana erge sanatti amana malee, anatti amana miti*; 45namni ana argus, isa ana erge sana arga*. 46Eenyu illee kan anatti amanu dukkana keessatti akka hin hafnetti, ani ifa ta'ee gara biyya lafa kanaa dhufeera*. 47Namni dubbii koo dhaga'ee yoo eeguu dhabaate, ani isatti hin faradu; ani biyya lafaa oolchuudhaaf malee, itti faraduudhaaf hin dhufne*. 48Nama ana tuffatee, dubbii koo fudhachuu didetti kan faradu jira; dubbii ani dubbadhetu guyyaa isa dhumaatti isatti farada*. 49Abbicha isuma na ergetu ofii isaatii waanan dubbadhu na abboome malee, ani ofuma kootiin hin dubbanne*. 50Dubbiin inni na abboomes, jireenya bara baraaf akka ta'e ani beeka; egaa waanan jedhu, akka abbaan anatti himettan dubbadha? jedhe*.#44 5:24; 7:16; Mat 10:40 45 14:9 46 12:35; 1:4-10; 8:12; 1Phe 2:9 47 3:17; 8:15 48 3:18; Ibr 4:12 49 7:17; 8:26,18 50 3:34; 6:40,68; 17:2

Currently Selected:

WANGEELA YOHANNIS 12: MacQul

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in