Macaafa Abboota Firdii 4
4
Deboraa Fi Baaraaq Saba Israa'el Geggeessuu Isaanii
1Ehud erga du'ee booddee, Israa'eloonni ammoo Waaqayyo duratti waan hamaa in hojjetan. 2Kanaaf Waaqayyo harka Yaabiin mootii Kana'aan isa mandara Hazor keessatti mo'e jala isaan galche; angafni loltuu mootichaa, Siiseraa isa mandara Haroshet-Hagoyiim keessa taa'u ture*. 3Yaabiin mootichi konkolaataa sibiilaa dhibba sagal waan qabuuf, Israa'elootas waggaa digdamaaf jabeessee waan cunqurseef, isaan Waaqayyoon gargaarsa in kadhatan*.#2 Iya 11:1-11 3 Iya 17:16
4Yeroo sanatti raajittiin <<Deboraa>> jedhamtu haati manaa Laphiidot geggeessituu#Abo 4:4 <<Geggeessituu>> yookiis <<Firdii in kenniti?. saba Israa'el turte. 5Isheen immoo biyya Efreem isa gaara gubbaa, Raamaadhaa fi Bet'el gidduu muka meexxii tokko jala in teessi turte; mukti kunis <<Muka meexxii Deboraa>> in jedhama ture; Israa'eloonni dubbii isaanii akka isaaniif ilaaltutti ishee bira in dhaqu turan.
6Gaaf tokko isheen mandara Qedeesh isa biyya Niftaalem keessaatti nama ergitee Baaraaqin ilma Abiino'aam waamsiftee,<<Waaqayyo gooftichi Israa'el,<<Dhaqiitii sanyii Niftaalemiif sanyii Zebuloon keessaa namoota kuma kudhan fuudhiitii tulluu Taaboritti ol ba'i! 7Ani Siiseraa angafa loltuu Yaabiin konkolaataa isaatii fi loltoota isaatii wajjin laga Kiishonitti gara keetti fidee, harka keetti dabarsee isa nan kenna>> jedhee si abboomeera>> jetteen. 8Baaraaq immoo Deboraadhaan,<<Ati anaa wajjin yoo dhaqxe anis nan dhaqa, ati anaa wajjin yoo dhaquu dhabaatte garuu, anis hin dhaqu>> jedhee deebiseef. 9Isheenis,<<Dhaquu illee sii wajjin nan dhaqa, garuu Waaqayyo karaa ati yaaddu kanaan Siiseraa harka dubartii jala waan galchuuf, ulfinni kana keessatti argamu siif hin lakkaa'amu>> jettee, kaatee Baaraaqii wajjin gara Qedeesh in dhaqxe. 10Kana booddee Baaraaq namoota Zebuloonii fi namoota Niftaalem gara Qedeeshitti waamnaan, namoonni kumni kudhan isa duukaa bu'an; Deboraanis isaa wajjin dhaqxe.
11Heber Qenichi yommus Qenoota warra sanyii Hobaab abbiyyuu Musee sana irraa gargar ba'ee, godoo isaa qilxuu isa Zaa'anaaniim jiru mandara Qedeeshitti dhi'oo sana bukkee in dhaabbate*.#11 1:16
12Namoonnis Baaraaq ilmi Abiino'aam tulluu Taaboritti akka ol ba'e Siiseraatti in himan; 13Siiseraan immoo konkolaattota sibiilaa dhibba salganii fi namoota isaa wajjin turan fudhatee, Haroshet Hagoyiimii hamma laga Kiishonitti in adeeme. 14Deboraan yommus Baaraaqiin,<<Waaqayyo har'a Siiseraa harka kee keessa waan buusuuf, ka'iitii dhaqi! Waaqayyo si dura bu'eera mitii ree?>> jetteen; Baaraaq achumaan namoota kuma kudhan of duukaa buusee gaara Taabor irraa gad in bu'e. 15Waaqayyos akkuma Baaraaq jara loluutti ka'een, Siiseraa, konkolaataa isaa fi loltoota isaa hundumaa gara kamitti akka goran isaan in wallaalchise; yommus Siiseraan konkolaataa isaa irraa bu'ee miilla isaatiin in baqate. 16Yommus Baaraaq konkolaattotaa fi loltoota hamma Haroshet Hagoyiimitti in ari'e; loltoonni Siiseraa hundinuu billaadhaan dhuman, namni tokko illees hin hafne.
17Siiseraan garuu Yaabiin mootii Hazorii fi sanyii Heber Qenichaa gidduu nagaan waan jiruuf, gara godoo Yaa'el haadha manaa Heber Qenichaatti in baqate. 18Yaa'elis Siiseraa simachuuf baatee,<<Yaa gooftaa ko as gori! Hin sodaatinii ol gali!>> jetteen; innis goree, godoo isheetti ol gale; isheen immoo dirriba irra buuftee isa dhoksite. 19Yommus inni,<<Nan dheebodhe, hadaraa bishaan dhugaatii xinnoo ishee anaaf kenni!>> ittiin jennaan, isheen qabee aannanii buqqiftee, akka inni dhuguuf kenniteefii, deebiftee isa in dhoksite. 20Siiseraan dubartittii sanaan,<<Balbala godichaa dura dhaabadhu, eenyu illee dhufee,<<Namni as jiraa?>> jedhee yoo si gaafate<<Hin jiru>> jedhiin!>> jedhe. 21Siiseraan dadhabee hirriba ulfaataa keessa utuu jiruu, Yaa'el haati manaa Heber qofoo dunkaanaa fi buruusa fudhattee, suuta jettee gara isaa dhaqxee, qoficha illee isaa keessa baaftee lafatti in qofaate; innis achumatti du'e.
22Baaraaq ergasii Siiseraa faana dha'ee utuu dhufuu argitee, Yaa'el isa simachuuf gad baatee,<<Kottu! Nama ati barbaaddu sittan argisiisa!>> jetteen; Baaraaqis godoo isheetti ol galee reeffa Siiseraa qofoon illee isaatti gad qofa'amee lafatti arge. 23Waaqayyo guyyaa sanatti Yaabiin mootii Kana'aan Israa'eloota duratti gad in deebise. 24Israa'eloonni Yaabiin mootii Kana'aan hamma balleessanitti qabaa isaanii itti cimsachaa in adeeman.
Currently Selected:
Macaafa Abboota Firdii 4: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.