Seera Uumamaa 48
48
Yaaqoob, Minaasee Fi Efreemin Eebbisuu Isaa
1Kana booddee immoo Yoseef, kunoo, abbaan isaa akka dhukkubsatu dhaga'ee, ilmaan isaa lamaan Minaasee fi Efreemin fudhatee in dhaqe. 2Yoseef ilmi isaa isa bira akka dhufe Yaaqoob yommuu dhaga'e, of jajjabeessee, ol jedhee siree isaa irra in taa'e. 3Yaaqoob yommus Yoseefiin,<<Waaqayyo inni hundumaa danda'u biyya Kana'aan keessaa iddoo <<Luz>> jedhamutti anatti mul'atee ana eebbise*; 4inni,<<Ati akka hortu, akka baay'attu, tuuta sabaa akka taatu nan godha; biyya kana si booddeedhaan sanyii keetiif dhaala bara baraa godhee nan kenna>> naan jedhe*. 5Ammas ilmaan kee lamaan warri utuu ani as si bira hin dhufin, ati biyya Gibxii kanatti godhatte, kan kootti haa lakkaa'aman; Efreemii fi Minaaseen akkuma Ruubenii fi Shimi'oon haa ta'an*! 6Warri ati isaan kana booddee godhatte immoo kan kee haa ta'an! Dhaala isaanii immoo maqaa obbolaa isaanii Efreemii fi Minaaseetiin haa argatan!#3 28:12-19 4 35:11-12 5 41:50-52
7<<Yeroo ani Phaadaan-Aaramii deebi'utti immoo biyya Kana'aan keessaa Efraataa ga'uudhaaf karaan muraasi hafee utuu jiruu, Raahel karaatti na duraa duunaanan, karaa Efraataa dhaqu irratti ishee awwaale>> jedhe*; Efraataan amma <<Betlihem>> jedhama.#7 35:16-19
8Israa'el ilmaan Yoseef yommuu arge,<<Isaan kun eenyufa'i?>> jedhee gaafate. 9Yoseef deebisee abbaa isaatiin,<<Isaan ilmaan koo warra Waaqayyo as biyya kanatti anaaf kennee dha>> jedhe; Yaaqoob immoo Yoseefiin,<<Ani akkan eebbisutti mee gara kootti isaan fidi!>> jedhe. 10Yoseef yommus gara abbaa isaatti isaan in dhi'eesse; inni immoo isaan dhungatee isaan ammate; Israa'el dulloomee iji isaa dadhabeera, hubachuus hin danda'u ture. 11Israa'el ammas Yoseefiin,<<Ani deebi'ee fuula kee nan arga jedhee hin yaanne, Waaqayyo garuu kunoo, ijoollee kee iyyuu na argisiiseera>> jedhe*. 12Yoseef yommus jilba abbaa isaa irraa achi isaan butee, ofii immoo mataan isaa hamma lafa ga'utti in qoomma'e. 13Kana booddees Yoseef isaan lachuu fudhatee, Efreem isa harka isaa mirgaa ture gara harka Israa'el isa bitaatti, Minaasee isa harka isaa bitaa ture gara harka Israa'el isa mirgaatti dhi'eesse. 14Minaaseen angafa ta'ee utuu jiruu, Israa'el harka isaa wal jala dabarsee, isa mirgaa mataa Efreem isa quxisuu irra kaa'ee, harka isaa isa bitaa immoo mataa Minaasee irra kaa'e.
15Inni ilmaan Yoseef yommuu eebbise,
<<Waaqayyo inni akka Abrahaamii fi Yisihaq
abboonni koo itti deddeebi'aa turan ilaale,
Waaqayyo inni dhaloota kootii jalqabee
hamma ammaatti na tikse*,
16Waaqayyo inni karaa ergamaa isaa
hamaa hundumaa na oolche,
ijoollee kana haa eebbisu!
Isaan maqaa koo, maqaa Abrahaamii fi
maqaa Yisihaq abboota kootii haa waamsisan!
Irra lafaattis wal horanii
haa baay'atan!>> jedhe.#11 37:33,35; 45:26; Far 128:6 15 32:10; Far 23:1
17Yoseef yeroo abbaan isaa harka isaa mirgaa mataa Efreem irra kaa'uu isaa arge, kun ija isaatti hin tolle; kanaaf inni harka abbaa isaatii mataa Efreem irraa gara mataa Minaaseetti dabarsuudhaaf in qabe. 18Yoseef,<<Yaa abbaa ko akkas miti, inni kun angafa waan ta'eef, harka kee mirgaa mataa isaa irra kaa'i!>> jedhee abbaa isaatti in dubbate. 19Abbaan isaa garuu didee,<<Anuu beeka yaa ilma ko, anuu beeka, inni kunis guddatee saba tokko in ta'a; haa ta'u iyyuu malee, obboleessi isaa inni quxisuun isa caalaa in guddata, sanyiin isaas saba baay'ee in ta'a>> jedhe*.
20Inni guyyaa sana yommuu isaan eebbise,
<<Warri Israa'el,<<Waaqayyo
akka Efreemii fi akka Minaasee si haa taasisu!>>
jedhanii maqaa keetiin nama in eebbisu>> jedhe;
akkas godhee Efreemin Minaasee dura aanse*.#19 Kes 33:17; Lak 1:33,35 20 Ibr 11:21
21Israa'el ergasii Yoseefiin,<<Kunoo! Ani du'uufan jedha, Waaqayyo sii wajjin ta'ee biyya abboota keetti si in deebisa. 22Ani kan obboloota keetii caalaatti gooba lafaa isa ani billaa kootii fi iddaa kootiin warra Amoorotaa irraa fudhadhe siif nan kenna>> jedhe*.#22 Yoh 4:5
Currently Selected:
Seera Uumamaa 48: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.