Inni ilmaan Yoseef yommuu eebbise,
<<Waaqayyo inni akka Abrahaamii fi Yisihaq
abboonni koo itti deddeebi'aa turan ilaale,
Waaqayyo inni dhaloota kootii jalqabee
hamma ammaatti na tikse*,
Waaqayyo inni karaa ergamaa isaa
hamaa hundumaa na oolche,
ijoollee kana haa eebbisu!
Isaan maqaa koo, maqaa Abrahaamii fi
maqaa Yisihaq abboota kootii haa waamsisan!
Irra lafaattis wal horanii
haa baay'atan!>> jedhe.