YouVersion Logo
Search Icon

Seera Uumamaa 26

26
Yisihaq Mandara Geraar Keessa Jiraachuu Isaa
1Beela isa bara Abrahaam biyyichatti bu'e malee, beelli ammas biyyichatti bu'ee ture; Yisihaqis gara mandara Geraar dhufee, Abiimelek mootii Filiisxiyaa bira dhaqe. 2Waaqayyo yommus Yisihaqitti mul'atee,<<Biyya ani sitti himu keessa taa'i malee, biyya Gibxiitti gad hin bu'in! 3Biyya kanatti galaa ta'ii jiraadhu! Ani sii wajjin nan ta'a, sin eebbisas; anoo biyya kana hundumaa siif, sanyii keetiifis nan kenna; waanan kakuudhaan Abrahaam abbaa keef dhaabe nan jabeessa*. 4Sanyii kee akka urjoota waaqaa nan baay'isa, lafa kana hundumaas sanyii keetiif nan kenna; sabni lafa irraa hundinuus sanyii keetiin in eebbifamu*; 5Abrahaam dubbii koo waan dhaga'eef, ajaja koo, abboommii koo, seerrata koo, seera koos waan eegeef, ani kana siif nan jabeessa>> jedhe.#3 12:7; 22:16-18 4 12:2-3; 15:5
6Akkasitti Yisihaq Geraar keessa in jiraate. 7Namoonni iddoo sanaa waa'ee haadha manaa isaatii yommuu isa gaafatan,<<Isheen obboleettii koo ti>> jedhe; isheen ija namaatti waan toltuuf, namoonni iddoo sanaa Ribqaaf jedhanii ana in ajjeesu jedhee yaade; kanaaf,<<Isheen haadha manaa koo ti>> jechuu in sodaate*. 8Erga inni guyyaa baay'ee achi turees, gaaf tokko Abiimelek mootiin Filiisxiyaa karaa saaqaa manaa gad ilaale; Yisihaq kunoo, Ribqaa haadha manaa isaati utuu rigatuu arge. 9Innis Yisihaqin waamsisee,<<Kunoo! Isheenoo haadha manaa kee ti! Attamitti,<<Isheen obboleettii koo ti>> jette ree?>> jedhee isa gaafate; Yisihaqis deebisee,<<Sababii isheef akkan hin duuneef kana nan jedhe>> jedhe. 10Abiimelek,<<Wanti ati nu irratti hojjette kun maali>> Namoota keessaa tokko haadha manaa kee wajjin ciisuuf hamma xinnootti hafe; kanaanis yakka mataa keenya irratti in fidda turte>> jedhe. 11Kana irratti Abiimelek abboommii baasee,<<Eenyu illee namicha kana, haadha manaa isaas tuqee yoo argame, tokkichumaan haa ajjeefamu!>> jedhee namoota hundumaa akeekkachiise.#7 12:12-13; 20:2
12Yisihaq biyya sana midhaan facaasee, wagguma sana keessa dachaa dhibba in galfate; Waaqayyos isa in eebbise; 13inni hamma baay'ee nama guddaa ta'utti, ittuma guddachaa adeeme. 14Sababii inni hojjetoota baay'ee, bushaayee, saawwanis qabuuf, warri Filiisxiyaa isatti hinaafan. 15Kanaaf isaan boolla isa Abrahaam abbaan isaa utuma jiruu hojjetoonni isaa qotanii bishaan baasanii turan hundumaa duuchanii, biyyoo itti guutan. 16Abiimelekis Yisihaqiin,<<Ati nu caalaa baay'ee jabaatteetta, nu gidduudhaa adeemi!>> jedhe. 17Yisihaq kana irratti achii adeemee, godoo isaa dachaa Geraar keessa dhaabbatee, achi in taa'e.
18Yisihaqis boolla bishaanii isa hojjetoonni bara Abrahaam abbaa isaa qotanii, warri Filiisxiyaa immoo erga Abrahaam du'e duuchan, deebisee qochisiise; maqaa dur abbaan isaa itti moggaasee tures in deebiseef. 19Hojjetoonni Yisihaqis dachaa sana keessa qotanii burqituu bishaanii achitti argatan. 20Tiksoonni warra Geraar,<<Bishaan kun kan keenya>> jedhanii, tiksoota Yisihaqitti qocolloo kaasan; sababii isaan bishaanicha isatti falmaniif, Yisihaq maqaa boolla bishaanichaa <<Eseeq>> jedhee moggaase; [<<Eseeq>> jechuun <<Falmaa>> jechuu dha]. 21Kana booddees hojjetoonni isaa boolla bishaanii kan biraa in qotan; isa irrattis immoo warri Geraar qocolloo in kaasan; Yisihaqis bishaanicha <<Sixinaa>> jedhee moggaase; [<<Sixinaa>> jechuun <<Hamajaajii>> jechuu dha]. 22Yommus Yisihaq achii adeeme, boolla bishaanii kan biraa qochisiise, isa irratti garuu namni qocolloo hin kaafne; kana irratti inni,<<Amma Waaqayyo iddoo bal'aa nuuf kenneera, nuyis biyyicha keessatti in baay'anna>> jedhee maqaa boollichaa Rehobotitti moggaase; [<<Rehobot>> jechuun <<Bal'ina>> jechuu dha].
Yisihaqii fi Abiimelek Bersheebaatti Waliif Kakachuu Isaanii
23Kana booddee Yisihaq iddoo sanaa ka'ee, mandara Bersheebaatti ol ba'e; 24Waaqayyo gaafuma sana halkan isatti mul'atee,<<Ani Waaqayyo isa kan abbaa kee Abrahaam; ani sii wajjinan jira, ati immoo hin sodaatin! Garbicha koo Abrahaamiif jedhee sin eebbisa, sanyii kees nan baay'isa!>> jedhe*. 25Yisihaqis achitti iddoo aarsaa ijaaree, maqaa Waaqayyoo in waammate; godoo isaa achi dhaabbatee, hojjetoonni isaas boolla bishaanii in qotan*.#24 12:2 25 12:8
26Gaaf tokko Abiimelek, Ahuzaat gorsituu isaa, Fikool abbaa duulaa isaa wajjin mandara Geraarii ba'ee Yisihaq bira in dhufe*. 27Yisihaq isaaniin,<<Ana jibbitanii of gidduudhaa erga na baaftanii, maaliif na bira dhuftan?>> jedhe. 28Isaan immoo deebisanii,<<Waaqayyo sii wajjin akka jiru ba'eessa goonee argineerra; kanaaf waliif kakachuudhaan walii galtee dhaabuu in yaadne; 29ati amma Waaqayyoon eebbifamteetta! Akkuma nuyi utuu si hin tuqin, gaarii malees homaa utuu si irratti hin hojjetin nagaadhaan gad si dhiifne, atis hamaa nu irratti hin hojjetin!>> jedhan. 30Yisihaq nyaata isaaniif qophaa'e in dhi'eessiseef; isaanis in nyaatan, in dhuganis. 31Borumtaas bariidhaan ka'anii erga waliif kakatanii booddee, Yisihaq isaan geggeesse; isaanis nagaadhaan isa biraa ka'anii in adeeman.#26 21:22
32Gaafuma sana hojjetoonni Yisihaq dhufanii, waa'ee boolla bishaanii isa qotanii isatti himanii,<<Nuyi bishaan arganneerra>> jedhan. 33Innis boolla bishaanichaa <<Sheebaa>> jedhee moggaase; [<<Sheebaa>> jechuun <<Kakaa>> jechuu dha]; maqaan mandara sanaas sababii kanaaf hamma har'aatti<<Bersheebaa>> jedhamee beekame.
Esaawuun Durba Warra Heet Fuudhuu Isaa
34Esaawuun waggaa afurtama erga jiraatee, Yodiit intala Berii nama gosa Heet akkasumas Basmaat intala Eloon nama gosa Heet in fuudhe. 35Isaanis Yisihaqiif Ribqaa garaa guban*.#34-35 24:3

Currently Selected:

Seera Uumamaa 26: MacQul

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in