Macaafa Izraa 3
3
Iddoon Aarsaa Deebi'ee Ijaaramuu Isaa
1Ijoolleen Israa'el mandaroota isaaniitti galanii ji'a torbaffaatti, sabni guutummaatti Yerusaalemitti walitti in qabame*. 2Kana booddee seera Musee nama Waaqayyoo keessatti akkuma caafametti aarsaa gubamu irratti dhi'eessuudhaaf, Iyaasuun ilmi Yozaadaaq, luboonni akka isaatii, Zarubaabel ilmi She'altii'elii fi obboloonni isaa ka'anii iddoo aarsaa Waaqayyoo isa kan Israa'el deebisanii in ijaaran*. 3Saba garaa garaa warra achi keessa jiraatan utuma sodaatanii iyyuu iddoo aarsaa sana hundee isaa durii irratti deebisanii ijaaranii isa irratti qalma gubamu isa ganamaa fi galgala dhi'eeffamu Waaqayyoof in dhi'eessan*. 4Akkuma caafamee jirutti guyyaa guyyaatti qalma gubamuuf hamma barbaachisu dhi'eessuudhaan ayyaana Gordommaa in ayyaaneffatan*. 5Kana booddees qalma gubamu isa itti fufee dhi'eeffamu, baatii ji'aatti, guyyoota ayyaana beekamoo warra Waaqayyoof addaan baafaman hundumaatti, akkasumas kennaa namni adduma addaan fedha isaatiin Waaqayyoof kennu in dhi'eessan*. 6Ijaarsi mana qulqullummaa hin jalqabamne yoo ta'e iyyuu, ji'a torbaffaa, ji'ichattiis guyyaa tokkoffaadhaa kaasanii qalma gubamu Waaqayyoof dhi'eessuu in jalqaban.#1 Nah 8:1 2 2:2; Bau 27:1 3 Lak 28:1-8 4 Lak 29:12-38 5 Lak 28:11-29,39
Manni Qulqullummaa Deebi'ee Ijaaramuu Jalqabuu Isaa
7Jarri ijaarsa manichaatiif warra dhagaa cabsanii fi warra muka soofanii fi horii akkasumas akka abboommii Qiiros mootii Faaresitti dhaabaa muka gaattiraa Liibaanonii hamma Yopheetti galaana irra akka fidaniif namoota Sidoonii fi namoota Xiirosiif immoo nyaataa fi dhugaatii, dhadhaa ejersaas in kennan*.#7 1Mot 5:6-14
8Gara Yerusaalem iddoo manni qulqullummaa ture sanatti deebi'anii waggaa lammaffaa isaaniitti, waggichattiis ji'a lammaffaatti Zarubaabel ilmi She'altii'el, Iyaasuun ilmi Yozaadaaq, luboonni akka isaanii warri kaan, Lewwoonni, warri iddoo itti booji'amanii Yerusaalemitti deebi'an hundinuus hojicha in jalqaban; hojii ijaarsa mana qulqullummaa irra adeemanii akka ilaalaniif immoo Lewwoota waggaa digdamaaf waggaa digdamaa ol ta'an itti in fo'an*. 9Iyaasuun ilmaan isaa fi obboloonni isaa, Qadmii'elii fi ilmaan Qadmii'el warra qomoo Hodaawiiyaa, ilmaan Henaadaad ilmaan isaanii fi obboloota isaanii wajjin Lewwoonni guutummaatti walitti dabalamanii hojjetoota warra hojii ijaarsa mana qulqullummaatti deddeebi'anii ilaaluutti in ka'an*. 10Ijaartonni mana qulqullummaa hundee isaa ijaaruudhaaf yeroo ka'anitti, akka seera isa Daawit mootiin Israa'el dhaabetti, luboonni uffata lubummaa isaanii uffatanii, fiingees fudhatanii, Lewwoonni immoo sibiila walitti rukutamee sagalee guddaa dhageessisuu fudhatanii Waaqayyoon jajachuudhaaf iddoo iddoo isaanii in dhaabatan*. 11Isaan yommus faarfannaadhaan,
<<Waaqayyo gaarii dha, gaarummaan isaas
Israa'eliif bara baraan jabaatee in dhaabata>>
jedhanii Waaqayyoon jajatanii in galateeffatan.
Sababii manni qulqullummaa ijaaramuudhaaf hundeen isaa kaa'ameef, sabni guutummaatti in gammade, sagalee isaas ol fudhatee Waaqayyoon in galateeffate*. 12Namoota warra dulloomoo keessaa, luboonni, Lewwoonnii fi angafoonni abbootaa, warri mana qulqullummaa isa duraa argan, manni qulqullummaa kun ijaaramuudhaaf hundeen isaa kaa'amuu yeroo arganitti sagalee isaanii ol fudhatanii in boo'an; namoonni baay'een immoo sagalee isaanii ol fudhatanii gammaduu isaanii in dhageessisan*. 13Namoonni guddisanii waan wacaniif, sagaleen fagootti dhaga'ama malee, namni tokko illee<<Kun sagalee gammachuu ti, kun immoo sagalee boo'ichaa ti>> jedhee gargar baafachuu hin dandeenye.#8 2:2 9 2:40 10 1Sen 15:16,24; 16:5-6; 25:1; 2Sen 5:12; 7:6; 29:25-26; Nah 12:27,33-36 11 2Sen 5:13; 1Sen 16:34; Far 118:1; 136:1 12 Hag 2:3
Currently Selected:
Macaafa Izraa 3: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.