YouVersion Logo
Search Icon

Macaafa Daani'el Raajichaa 7

7
Daani'el Bineensa Afur Mul'ata Keessatti Arguu Isaa
1Bara Belshaazaar mootii Baabilon waggaa duraa keessa, Daani'el siree isaa irra ciisee utuu jiruu abjuu arge, mul'annis mataa isaa keessa in dhufe; kana booddees abjuu sana caafee mataa mataa isaa himuutti ka'e. 2Daani'el itti fufee,<<Kunoo! Qilleensonni bantii waaqaa jalaa golee arfanii qilleensa'anii galaana isa guddaa raasuu isaanii halkan mul'ataan nan arge*. 3Bineensonni gurguddaan sanyii garaa garaa afur galaana keessaa ba'an. 4Bineensi inni duraa leenca in fakkaata; akka joobiraas qoochoo qaba; utuu ani ilaaluus qoochoowwan isaa irraa buqqifaman; bineensichis lafaa ol kaafamee akka namaatti miilla lamaan in dhaabachiifame, qalbiin namaas in kennameef.#1-2 5:1; Isa 17:12
5<<Kunoo, bineensi inni lammaffaan immoo amaaketa in fakkaata; inni immoo gara fuula isaa duraan ol ka'ee, lafee cinaachaa sadii ilkaaniin qabee afaan isaatti in baata ture;<<Ka'i, foon baay'ee nyaadhu!>> ittiin jedhame. 6Kana booddees kunoo, bineensa biraa kan qeerransa fakkaatu nan arge; bineensichi dugda isaa irraa qoochoo isa akka kan allaattii afur, mataa afuris qaba ture; mootummaanis in kennameef. 7Kana booddees kunoo, bineensa afuraffaa halkan mul'ataan nan arge; inni bineensa sodaachisaa, naasisaa, gar-malees jabaa ture; ilkaan sibiilaa gurguddaas qaba; bineensichi in nyaate, in caccabse, isa hafe immoo miilla isaatiin irra ejjete; inni bineensota isa dura turan irraa kan gargar ta'ee dha, gaanfa kudhanis qaba ture*. 8Utuu ani gaanfota kana ilaalee yaaduu, kunoo gaanfi xinnaan kan biraa tokko isaan gidduudhaan quuqee ol ba'e; gaanfota warra duraa keessaa warri fuula isa xinnaa kanaa dura jiran sadan in buqqifaman; kunoo iji akka ija namaa gaanfa xinnaa kanatti ture; afaan dubbii gurguddisee dubbatus isatti ture>> jedhe*.#7 Mul 13:5-6 8 11:36; Mul 13:5-6
Ilma Namaa Kan Fakkaatu Tokko Mul'atatti Arguu Isaa
9Itti fufees,<<Mul'ata ani arge keessatti
teessonni kaa'amanii,
inni bara baay'ee dheeraa jiraate
tokko teessoo irra taa'e;
uffanni isaa adii calaqqisaa dha, rifeensi mataa isaas
akka jirbii hiddamaa in addaata;
teessoon isaa akka arraba ibiddaa ti,
miilli teessoo isaa inni geengoon
akka ibbada boba'uu ti*;
10yaa'aan ibiddaa isa duraa ba'ee in yaa'a;
warri kuma kumaatamatti lakkaa'aman
isaaf in hojjetu,
warri millionii baay'eetti lakkaa'amanis
isa dura in dhaabatu;
abboonni firdii in taa'an,
caaffatoonni duraan caafamanii
jiranis in banaman*.#9 His 1:26; Far 90:2 10 12:1; Mil 3:16; Mul 5:11; 20:12; Far 69:28
11<<Utuu ani ilaaluu sababii dubbii gurguddatee afaan gaanfichatti jiruu irraa dhaga'amu sanaaf, bineensichi in ajjeefame; dhagni isaa babballeeffamee gubamuuf ibiddatti in kaa'ame. 12Bineensonni warri hafan immoo mootummaan isaanii isaan irraa in fudhatame, ofii isaaniitii garuu yeroodhaaf, kutaa baraafis jiraachuun isaaniif in kenname*.#12 2:21
13<<Kunoo, ilma namaa kan fakkaatu duumessoota waaqaatiin dhufuu isaa halkan mul'ataan nan arge; yommus inni gara isa bara baay'ee dheeraa jiraate sanaa dhaqee isa duratti in dhi'eeffame*. 14Warri saba garaa garaa, warri gosa garaa garaa, warri afaan garaa garaa dubbatan hundinuu akka isa waaqessaniif, gooftummaan, ulfinni, mootummaan isaaf in kenname; gooftummaan isaa kan hin darbinee dha, inni gooftummaa bara baraa ti; mootummaan isaas isa balleeffamu miti>> jedhe*.#13 Mat 24:30; 26:64; Mul 1:13; 14:14 14 2:44; Mul 11:15
Daani'el Hiikaa Mul'atichaa Argachuu Isaa
15Isan arge kana irratti ani Daani'el nan raafame, hafuurri koo ana keessatti in rakkate; mul'anni mataa koo keessa tures na wareerse. 16Yommus ani warra achi dhaabatan keessaa isa tokkotti dhi'aadhee, waa'ee wanta kana hundumaa dhugaa isaa akka anatti himuuf isa nan kadhadhe; inni immoo hiikaa wanta kanaa anatti beeksise; dubbii isaa keessatti, 17<<Bineensi gurguddaan arfan kun, mootota arfan ka'anii lafa kana irratti mo'anii dha. 18Warri isa hundumaa gara irraa jiruu fi qulqullaa'an garuu mootummicha in fudhatu; mootummicha yeroo hundumaaf bara baraan in qabaatu>> jedhe*.#18 Mul 20:4; 22:5
19Ergasiis bineensi inni afuraffaan kun maalitti akka hiikamu dhugaa isaa baruu nan barbaade; bineensi kun warra kaan hundumaa irraa kan gargar ta'ee dha, guddaa sodaachisaa dha, ilkaan isaa sibiila, qeensi isaas sibiila diimaa dha; inni in nyaata, in caccabsa, isa hafes miilla isaatiin irra in ejjeta ture. 20Akkasuma immoo waa'ee gaanfota kurnan mataa isaa irra jiranii, waa'ee isa booddeedhaan quuqee ba'ee, sadii of duraa kuffisee, dhugaa isaa baruu nan barbaade; gaanfi inni tokkichi sun ija, afaan dubbii gurguddisee dubbatus qaba ture, bifni isaas bifa gaanfota warra kaanii irra in caala ture. 21Utuu ani ilaaluu gaanfi kun warra Waaqayyoof qulqullaa'anitti lola kaasee, humnas isaan irratti godhate*. 22Inni bara baay'ee dheeraa jiraate sun yeroo dhufetti, warra isa hundumaa gara irraa jiruuf qulqullaa'anii fi firdiin in kenname; yeroon warri Waaqayyoof qulqullaa'an itti mootummicha qabaatan in ga'e.#21 Mul 13:7
23Egaa inni anatti himu sun,<<Bineensi inni afuraffaan immoo, mootummaa isa afuraffaa ta'ee biyya lafaa irratti argamuuf jiruu dha; inni mootummoota hundumaa irraa kan gargar ta'ee dha, guutummaa lafaa in liqimsa, gad in dhidhiita in caccabsas. 24Gaanfonni kurnan mootota kudhan warra mootummaa kana keessaa ka'uuf jiranii dha; mootota kana booddees isaan irraa garaa gara kan ta'e mootiin biraa tokko in ka'a, mootota sadii gad in deebisa*. 25Isa hundumaa gara irraa jiru irratti in dubbata, ayyaana beekamaa, seera Waaqayyoos geddaruu in yaada; warra isa hundumaa gara irraa jiruuf qulqullaa'an in dadhabsiisa; isaanis bara tokkoof, bara lamaaf, bara walakkaadhaafis harka isaatti in kennamu*.#24 Mul 17:12 25 Mul 13:5-6; Dan 11:31-35; 12:7,11
26<<Haa ta'u iyyuu malee, abboonni firdii in taa'u, mootummaa isaa irraa in fudhatu; innis balleeffamee badduu in ba'a*. 27Mootummaan, mo'uun, guddinni mootummoota guutummaa bantii waaqaa jala jiranii, saba warra isa hundumaa gara irraa jiruuf qulqullaa'aniif in kennama; mootummaan isa hundumaa gara irraa jiruu, mootummaa bara baraa ti; warri mo'an hundinuus isa in waaqessu, isaafis in abboomamu>> jedhe*. 28Dubbiin kun kana irratti in dhume; yaadni koo ana Daani'elin baay'ee na raase, bifni koos in geddarame; dubbicha garuu yaadattan qabadhe*.#26 11:45 27 7:18; 2:44 28 8:27; 10:8,16-17

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in