HOJII ERGAMOOTAA 6
6
Gargaartonni Torban Fo'amuu Isaanii
1Bara sana lakkoobsi warra Yesusitti amananii baay'atee, Yihudoonni warri afaan Griikii dubbatan warra afaan Yihudootaa dubbatan irratti guunguman; kun immoo haadhotiin hiyyeessaa isaanii gargaarsa guyyaa guyyaatti in argatu kan turan, waan dagatamaniif ta'e*. 2Yommus warri kudha lamaanuu tuuta amantootaa walitti waamanii, ?Nuyi soora jara kanaaf kurkuruudhaaf jennee, dubbii Waaqayyoo lallabuutti hir'isuun nuuf hin ta'u. 3Yaa obbolootaa, namoota hojii kana itti kenninu torba, warra maqaa gaarii qaban, warra hafuurri qulqulluunii fi ogummaan keessa guute, of keessaa barbaadaa*! 4Nuyi garuu kadhataa fi lallaba dubbii Waaqayyoof ergamuutti in qabamna? jedhanii yaadachiisan*. 5Tuuti sun guutummaatti dubbii ergamoonni dhi'eessan jaallatanii, Isxifaanos kan jedhamu amantii isaatti jabaa kan ta'ee fi hafuurri qulqulluun kan keessa guute, dhi'eessan; akkasumas Filiphosii fi Phrokorosin, Niqaanooraadhaa fi Ximoonaa, Pharmenaa, Niqolaawosin nama biyya Anxokiyaa isa amantii warra Yihudootaa fudhatee tures*. 6Isaan kana hundumaa ergamoota dura dhaabachiisan; ergamoonni yommus Waaqayyoon kadhatanii, harka isaanii mataa tokkon tokkon isaanii irra kaa'an*.#1 2:45; 4:35 3 6:10; 16:1-2; 1Xim 3:7-10 4 2:42; Luq 1:2 5 11:24; 8:5; 21:8 6 1:23-24; 13:3; 1Xim 4:14; 5:22
7Dubbiin Waaqayyoo itti fufee bal'achaa, baay'inni amantoota Yerusaalemitti argamaniis ittuma dabalamaa adeeme; luboota keessaas baay'een amanticha fudhatan*.#7 12:24; 19:20
Qabamuu Isxifaanos
8Isxifaanos ayyaanaa fi humna Waaqayyootiin guutee, dinqiidhaa fi milikkita gurguddaa namoota keessatti argisiise. 9Yommus jarreen Qareeneetii fi Iskindriiyaa tokko, warra ?Mana sagadaa warra hurrii ba'anii? jedhamu tokkoo wajjin akkasumas biyya Qiliiqiyaatii fi Asiyaatii kan dhufan tokko ka'anii Isxifaanositti falman. 10Haa ta'u iyyuu malee, ogummaa fi hafuura isa Isxifaanos ittiin dubbateen mormuu hin dandeenye*. 11Kanaafis, ?Musee fi Waaqayyoon utuu arrabsuu isa dhageenyeerra? akka jedhaniif namoota itti kaasan*. 12Isaan akkasitti namootaa fi maanguddoota, barsiisota seeraas isatti aarsanii, Isxifaanosin qabatanii, harkisanii yaa'iitti dhi'eessan*. 13Namoota sobaan isa irratti dhugaa ba'uuf jedhanis fidan; warri sobduun kun immoo, ?Namni kun yeroo hundumaa iddoo qulqullaa'aa kanaa fi seera Museetiin mormuu hin dhiisu*. 14?Yesus namni Naazireet kun iddoo kana balleessuuf, wanta amala ta'e isa Museen nutti dabarses geddaruuf jira? jedhee utuu inni dubbatuu dhageenyeerra? jedhan*. 15Yaa'icha keessa kan turan hundinuu fajajanii Isxifaanosin yommuu ilaalan, fuulli isaa akka fuula ergamaa Waaqayyoo ta'ee argan*.#10 6:3; Luq 21:15 11 Mat 26:59-66; Mar 14:55-58 12 Mat 10:17 13 7:48-49; 21:28 14 21:21; Mat 24:2; 26:61 15 Mat 13:43
Currently Selected:
HOJII ERGAMOOTAA 6: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.