HOJII ERGAMOOTAA 23
23
Phaawulos Yaa'ii Dura Dhaabatee Dubbachuu Isaa
1Phaawulos ija warra yaa'ii keessa ilaalee, ?Jarreen obboloota nana! Ani hamma guyyaa har'aatti garaan koo utuu ana hin ceepha'in fuula Waaqayyoo dura jiraadheera? jedhe*. 2Kana irratti Ananiiyaas angafichi lubootaa warra Phaawulositti dhi'oo jiraniin, ?Afaan isaa rukutaa!? jedhee ajaje*. 3Phaawulos yommus deebiseefii, ?Waaqayyo si rukutuuf jira, ati ?Alaa gaarii? akka keenyan nooraa dibamaa nana. Akka seeraatti anatti faraduuf achi teessa, ofii keetii immoo seera irra darbitee akkan rukutamuuf abboomtaa?? jedheen*. 4Kana booddee warri achi dhaabatan Phaawulosiin, ?Angafa lubootaa Waaqayyoo arrabsitaa?? jedhan. 5Phaawulos immoo deebisee, ?Obboloota nana! Akka inni angafa lubootaa ta'e ani hin beekne; ?Angafa saba keetti hamaa hin dubbatin!? kan jedhu caafamee jira? jedheen*. 6Phaawulos yommus warra achi turan keessaa gar tokko Saduqoota gar kaan immoo Fariisota ta'uu isaanii hubannaan, yaa'ii sana keessatti sagalee isaa ol fudhatee, ?Jarreen obboloota nana, ani Fariisota keessaa tokko, sanyii Fariisotaa tis; sababii abdii nuuf kennameef, sababii ka'uu warra du'aniitiif yaa'ii duratti gaafatamaan jira? jedhee dubbate*. 7Akkuma inni kana dubbateen warra Fariisotaa fi warra Saduqootaa gidduutti gooliin ka'e, yaa'ichis gargar hirame. 8Warri Saduqootaa, du'aa ka'uun hin jiru, ergamoonni Waaqayyoo, hafuuronnis hin jiran jedhu; warri Fariisotaa garuu kun hundinuu jira jedhu*. 9Waci guddaanis ka'e; kutata warra Fariisotaa keessaa warri seera barsiisan tokko dhaabatanii, ?Nuyi nama kana irratti balleessaa hin argine, tarii hafuurri yookiis ergamaan Waaqayyoo itti dubbateera ta'a? jedhanii falman*. 10Wal gooluunis baay'annaan angafichi kumaa, jarri kun Phaawulosin in caccabsu jedhee sodaate. Kanaaf loltoonni dhaqanii Phaawulosin yaa'ii sana gidduudhaa baasanii, iddoo buufata loltuutti akka geessan abboome.
11Gooftichi gaafasuma halkan Phaawulositti dhi'aatee, ?Laphee jabaadhu! Yerusaalemitti anaaf akkuma dhugaa baate akkasuma mandara Roomaattis anaaf dhugaa ba'uun siif in ta'a? jedheen*.#1 24:16 2-3 Yoh 18:22-23 3 Mat 23:27-28 5 Bau 22:28 6 24:15-21; 26:5; Filp 3:5 8 Mat 22:23; Mar 12:18; Luq 20:37 9 25:25; Luq 23:4 11 18:9; 19:21; 27:24
Maree Phaawulosi Irratti Mari'atame
12Lafti yommuu bari'e warri Yihudootaa walitti koratanii, Phaawulosin hamma ajjeesanitti waa akka hin nyaanne akka hin dhugnes wal kakan. 13Mala kana kan qopheessan immoo namoota afurtama irra in caalu turan. 14Isaan yommus luboota warra angafootaatii fi maanguddoota bira dhaqanii, ?Phaawulosin hamma ajjeefnutti akka waa afaaniin hin qabne kakanneerra. 15Kanaafis, egaa akka waan dhimma Phaawulos caalchiftanii qoruudhaaf, yaa'icha biyya seerratuu wajjin, itti walii galtaniitti angaficha kumaatti beeksisaa! Inni Phaawulosin gara keessanitti gad haa fidu; nuyi immoo utuu inni hin dhi'aatin isa ajjeesuudhaaf qophoofnee eegna? jedhaniin*. 16Ilmi obboleettii Phaawulos garuu, akka jarri riphanii Phaawulosin eeggachuuf mari'atan dhaga'ee, dhaqee lafa buufata loltuutti ol lixee, kana Phaawulositti hime. 17Phaawulos kanaaf angafoota dhibbaa keessaa tokko ofitti waamee, ?Dargaggeessa kana angaficha kumaatti geessi, innoo waan itti himu qaba? jedheen. 18Angafichi dhibbaa kana irratti dargaggeessicha fuudhee, gara angaficha kumaatti geessee, ?Phaawulos inni hidhamaan ofitti na waame; dargaggeessa waan sitti himu qabu kana, gara kee akkan fiduuf na kadhate? jedhe. 19Angafichi kumaa dargaggeessicha harka qabatee kophaatti baafatee, ?Maal inni, ati anatti himtu?? jedhee isa gaafate. 20Dargaggeessichi immoo, ?Yihudoonni akka waan yaa'ichi dhimma Phaawulos caalchisee qoruu yaadetti, bor Phaawulosin yaa'iitti akka dhi'eessituuf, si gaafachuudhaaf walii galaniiru. 21Ati garuu tole hin jedhiniif. Isaan keessaa namoonni afurtama irra caalan riphanii Phaawulosin eeggachaa jiru; jarri kun Phaawulosin hamma ajjeesanitti waa akka hin nyaanne akka hin dhugnes, cimsanii ofitti qorobaniiru. Ammas tole jechuu kee qophaa'anii eeggatu? jedhee itti hime. 22Angafichi kumaa, ?Dubbii kana akka anatti himte nama tokkotti illee hin himin? jedhee abboomee, dargaggeessicha gad dhiise.#14-15 25:3
Phaawulos Gara Qiisaariyaatti Dabarfamuu Isaa
23Angafichi kumaa yommus angafoota dhibbaa keessaa lama waamee, ?Halkan keessaa sa'aatii sadaffaadhaa jalqabanii loltuun dhibbi lama, abboonni fardeenii torbaatamni, warri eeboo dhibbi lamas Qiisaariyaa dhaquudhaaf akka qophaa'an godhaa! 24Phaawulosin irra teessiftanii utuu hin miidhamin Feeliks abbaa biyyaa biraan ga'uudhaafis, horii yaabbii qopheessisaaf!? jedheen. 25Ofii isaatii immoo caaffata kanatti fufee jiru caafe.
26inni immoo, ?Ani Klaawudiiyos Liisiiyaas, ulfaatoo Feeliks abbaa biyyaatiif nagaa koo nan dhi'eessa. 27Warri Yihudootaa nama kana qabatanii ajjeesuuf jedhan; nama Roomaa ta'uu isaa bareen, loltuu fuudhee dhaqee, harka isaanii keessaa baase*. 28Warri Yihudootaa sababii maaliitiif nama kana akka hammeessan, gad fageessee baruu barbaadeetan, namicha gara yaa'ii isaaniitti geesse*. 29Namni kun waa'ee waliin morkii seera isaanii irratti hammeeffame malee, yakka du'aan yookiis hidhaadhaan isa ga'u of irraa akka inni hin qabne, qoree bira ga'eera*. 30Yihudoota keessaa jarri tokko namicha kana ajjeesuudhaaf akka mari'atan anatti himameera. Kanaafan achumaan gara keetti isa erge; warra isa hammeessanittis, waan isa irraa qaban fuula kee duratti akka dhi'eeffataniif itti himeera? kan jedhu ture*.#27 21:30-33; 22:25-27 28 22:30 29 18:14-15; 25:18-19; 23:6,9; 26:31 30 24:1-8
31Warri loltuu akkuma abboomamanitti, halkanuma gaafasii Phaawulosin fuudhanii Antiiphaaxriisitti geessan. 32Lafti bariinaan loltuun warri lafoo iddoo buufata isaaniitti deebi'an; warri fardeenii garuu Phaawulosii wajjin in adeeman. 33Jarri Qiisaariyaa ga'anii, caaffaticha abbaa biyyaatti kennanii, Phaawulosin immoo isa dura dhaabachiisan. 34Abbaan biyyaa sun caaffaticha dubbisee, nama biyya kami akka inni ta'es gaafatee, Phaawulos nama Qiliiqiyaa ta'uu isaa bare*. 35?Warri si hammeessan erga as ga'anii, dubbii kee nan ilaala? ittiin jedhee, mana Herodis ijaarsise keessatti akka eegamu abboome.#34 22:3
Currently Selected:
HOJII ERGAMOOTAA 23: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.