HOJII ERGAMOOTAA 22
22
Falmata Phaawulos
1?Yaa obboloota nana, abboota nanas, falmata ani isin duratti dhi'eeffadhu kana anaaf dhaggeeffadhaa!? jedhe*. 2Afaan Yihudootaatiin isaanitti dubbachuu isaa yommuu dhaga'an, caalaatti calluma jedhan. Phaawulos itti fufee, 3?Ani Yihudii dha; Qiliiqiyaa keessaa Xarseesittan dhaladhee, addana Yerusaalemittan guddadhe. Gamaali'el birattis seera abaabilii keenyaaf kenname hundumaa ija irratti eegee bareera; akkuma keessan har'aa kanas Waaqayyoof nan hinaafan ture*. 4Namoota karaa barsiisa haaraa kana irra adeemanis hamma du'aatti nan ari'adhan ture, warra dhiiraas warra dubartiis qabeetan mana hidhaatti galchisiisan ture. 5Angafni lubootaa, yaa'iin maanguddootaas guutummaatti waa'ee kanaaf dhugaa anaaf ba'u. Isaanuma biraa caaffata gara Yihudoota obboloota Damaasqoo jiraatanitti caafame baafadhee, jarreen kana qabee, akka isaan adabamanitti hidhee gara Yerusaalemitti fiduudhaaf, Damaasqoo nan dhaqan ture*.#1 7:2 3 21:39; 5:34-39; Rom 10:2 4-5 8:3; 26:9-11
Phaawulos Akka Itti Amane Himuu Isaa
(HoE 9:1-19; 26:12-18)
6?Karaa irra adeemaa Damaasqootti yommuu ani dhi'aadhe, waareetti dingata ifni humna-qabeessi naannoo kootti balaqqeessa'e. 7Lafatti kufeen sagalee, ?Saa'ol, Saa'ol, maaliif na ari'atta?? jedhu dhaga'e. 8?Eenyu ati yaa gooftaa?? jedheetan deebise; inni immoo, ?Ana, Yesus nama Naazireet, kan ati ari'achaa jirtu? anaan jedhe. 9Namoonni anaa wajjin turan ificha arganiiru; sagalee isa anatti dubbachaa ture garuu hin dhageenye. 10Ani immoo, ?Maal godhu, gooftaa?? jedheen gaafadhe; gooftaan immoo, ?Ka'i, mandara Damaasqootti lixi, akka ati gootuuf waan Waaqayyo murtoo godhe, achitti sitti in himama? anaan jedhe. 11Calaqqisa ifichaa irraa kan ka'es iji koo arguu dhabnaan, warri anaa wajjin jiran harka qabanii mandara Damaasqootti na galchan. 12Namichi, Waaqayyoof buluu isaa seerri dhugaa ba'eef, Yihudoota Damaasqoo jiran hundumaa birattis maqaa gaarii kan qabu tokko achi ture; maqaan isaas Ananiiyaas jedhama. 13Inni gara koo dhufee, na bukkees dhaabatee, ?Obboleessa ko Saa'ol, agartuun kee siif haa deebi'u!? anaan jedhe; achumaanis agartuun koo anaaf deebi'e, isas nan arge. 14Ananiiyaas yommus, ?Waaqayyo gooftaan abaabilii keenyaa, waan gochuun siif ta'u akka beektuuf, isa qajeelaa tokkicha isaa argitee, sagalee isaas akka dhageessuuf, si fo'ateera. 15Waan argitee fi waan dhageesse hundumaa namoota hundumaatti in himta, isaafis dhuga-baatuu in taata. 16Ammas maaliif lafa irra harkifta ree? Ka'i maqaa gooftaa waammadhuu cuuphami! Cubbuu kees of irraa dhiqsiisi!? anaan jedhe*.#16 2:21; Rom 10:13
Phaawulos Warra Saba Waaqayyoo Hin Ta'initti Lallabuudhaaf Akka Ergame Himuu Isaa
17?Yerusaalemitti ergan deebi'ee, mana qulqullummaa keessatti kadhatatti utuu ani jiruu, of wallaalee mul'ata nan arge. 18Isa keessatti gooftaa argee, ?Warri mandara kanaa isa ati waa'ee kootiif dhugaa baatu hin fudhatanii, ariifadhuutii Yerusaalemii ba'i!? utuu inni anaan jedhuu nan dhaga'e*. 19Ani immoo, ?Yaa gooftaa akka ani mana sagadaa hundumaa keessatti, warra sitti amanan hiisisaa, reebsisaas ture isaanumtuu in beeku*. 20Yeroo dhiigni dhuga-baatuu kee Isxifaanos dhangalaafames, ajjeefamuu isaatti walii galee, achi dhaabadhee uffata warra isa ajjeesee nan eegan ture? jedheetan itti dubbadhe*. 21Gooftaan yommus, ?Adeemi, ani fagootti, warra saba koo hin ta'initti sin erga? anaan jedhe? jedhee isaanitti hime*.#18 9:28-30 19 8:3; 22:4-5 20 7:58; 8:1 21 9:15; 13:2; Gal 2:7-9
Phaawulos Buufata Warra Loltuutti Galfamuu Isaa
22Namoonni hamma inni dubbii kana irra ga'utti, Phaawulosin dhaggeeffachaa turan; isa booddee garuu sagalee isaanii guddisanii, ?Nama akkasii lafa irraa balleessuun in ta'a, inni jiraachuun hin ta'uuf? jedhan*. 23Isaan yeroo sana in caraanu, wayyaa isaanii in daddarbatu, awwaaras gara waaqaatti in bittimsu turan. 24Angafichi kumaa, Phaawulosin lafa buufata loltuutti geessanii, warri Yihudootaa sababii akkas isatti caraananiif baasuudhaaf, qacceedhaan reebanii akka isa qoran abboome. 25Yeroo isa reebuudhaaf teephaan hidhanitti Phaawulos angafa dhibbaa isa achi dhaabatuun, ?Nama Roomaa tokko, firdiinis kan itti hin faradamin reebuun seeraa ree?? jedhe*. 26Angafni dhibbaa sun kana yommuu dhaga'e, gara angaficha kumaa dhaqee, ?Maal gochuuf jetta? Namichi kunoo nama Roomaa ti!? ittiin jedhe. 27Kanaafis angafni kumaa sun gara isaa dhaqee, Phaawulosiin, ?Anatti himi, ati dhuguma nama Roomaa tii?? ittiin jennaan, inni immoo deebisee, ?Eyyee? jedhe. 28Angafichi kumaa sun dabalee, ?Nama Roomaatti lakkaa'amuu koo kana ani horii dheeraadhaan nan bitadheem? jennaan, Phaawulos immoo, ?Ani garuu ittan dhaladhe? jedhe. 29Yommus warri isa qoruudhaaf turan achumaan isa irraa deebi'an; angafni kumaa sun Phaawulos nama Roomaa ta'uu isaa erga hubatee, waan isa hiisiseef in sodaate*.#22 21:36; 25:24 25 16:37; 23:27 29 16:38
Phaawulos Yaa'ii Dura Dhaabachuu Isaa
30Borumtaas angafichi kumaa, warri Yihudootaa sababii maaliitiif Phaawulosin akka hadheessan dhugaa isaa baruu barbaade; kanaaf luboonni warri angafoonnii fi maanguddoonni warri biyya seerratan hundinuu akka walitti yaa'aniif ajaje. Phaawulos irraa fuuncaa hiiksisee, geessee isaan dura isa dhaabachiise.
Currently Selected:
HOJII ERGAMOOTAA 22: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.