HOJII ERGAMOOTAA 24
24
Yihudoonni Feeliks Duratti Phaawulosin Hadheessuu Isaanii
1Guyyoota shan booddee Ananiiyaas angafni lubootaa, maanguddootaa fi nama seera falmuuf Xerxilos jedhamu tokkoo wajjin gara Qiisaariyaatti gad bu'e. Isaan fuula abbaa biyyaa Feeliksitti dhi'aatanii, hadheessa Phaawulos irratti qaban in dhi'eeffatan*. 2Yeroo Phaawulos ol waamametti Xerxilos himata isaa jalqabee, ?Yaa ulfaataa Feeliks, nagaa yeroo dheeraadhaaf hin boora'in kana argachuun keenya maqaa keetiif, karaa argachiisuu keetiinis geddaramni baay'een saba kanaaf ta'aa jira. 3Karaa hundumaa iddoo hundumaattis isa kana galata guutuudhaan fudhanna. 4Kana caalaa garuu si dadhabsiisuu hin barbaadu; haa ta'u iyyuu malee, himata gabaabduu nuyi qabnu, gara-laafinaan akka nuuf dhageessuuf sin kadhadha. 5Namichi kun sodaachisaa akka dhukkuba darbu ta'uu isaa, Yihudoota biyya lafaa irra jiraatan hundumaa gidduutti immoo goolii qaqabsiisuu isaa, garee warra Naazireet warra amantii keenya irraa addaan cabsate sanaaf immoo, dura-buutuu ta'uu isaa bira geenyeerra*. 6Mana qulqullummaa iyyuu xureessuudhaaf yaaleera, nuyi garuu [akka seera keenyaatti isatti faraduudhaaf] qabannee turre*. [ 7Liisiiyaas angafni kumaa immoo dubbii kanatti dhufee, humnaan isa nu harkaa baafate. 8Booddee immoo warri Phaawulosin hadheessan fuula kee duratti akka dhi'aatan abboome;] atis ofii keetii qortee, isa nuyi ittiin namicha kana hadheessinu hundumaa, isa irraa baruu in dandeessa? jedhe. 9Warri Yihudootaas, ?Wanti kun akkuma inni amma dubbatee dha? jechaa hadheessa inni Phaawulos irratti dhi'eessetti walii galan.#1 25:2 5 17:6; 24:14 6 21:28-30
Phaawulos Falmachuu Isaa
10Yommus abbaan biyyaa akka inni dubbatuuf Phaawulosin hawwate. Phaawulos immoo, ?Akka ati waggaa baay'eedhaaf saba kana irratti abbaa firdii turte waanan beekuuf, fuula kee duratti falmachuu nan jaalladha. 11Erga ani sagaduudhaaf gara Yerusaalemitti ol ba'ee, guyyaa kudha lama hin caalu, atis kana hubachuu in dandeessa*. 12Mana qulqullummaa keessatti, manneen sagadaa keessatti, mandara keessattis eenyuu wajjin iyyuu anaa wal diduu, anaa nama walitti naquus arganii hin beekan. 13Isa amma ittiin na hadheessan kanattis, dhugaa itti baasuu hin danda'an. 14Waan tokko garuu mul'inatti sitti nan himadha; ani karaa amantii isa isaan, ?Karaa warra addaan cabsatee ti? jedhan sana irra bu'eetan, Waaqayyo isa kan abaabilii keenyaa waaqeffadha. Haa ta'u iyyuu malee, waan macaafa seeraa keessatti, macaafota raajotaa keessattis caafame hundumaa nan amana*. 15Warra qajeelotaa fi warra jal'ootaafis du'aa ka'uun akka jiru, akkuma isaan abdatan, anis Waaqayyoon abdiidhaan nan eeggadha*. 16Kanaanis guyyaa hundumaa Waaqayyoo fi nama duratti, garaa qulqullaa'aadhaan argamuudhaaf, ani ofii kootii nan dhama'a*.#11 21:17; 8:27 14 24:5 15 Dan 12:2; Yoh 5:28-29; HoE 23:6; 26:6-8 16 23:1
17?Akkasittis waggaa baay'ee turee gargaarsa saba kootiif geessuudhaaf, aarsaas Waaqayyoof dhi'eessuudhaaf Yerusaalem nan dhaqe*. 18Yihudoonni kutaa biyya Asiyaa keessaa dhufan tokko, anaa seeraan qullaa'ee aarsaa koo dhi'eessaa jiru, mana qulqullummaa keessatti na argan; namni na biratti hin tuutofne, waci tokkos hin turre. 19Ana irraa utuu waa qabaatanii illee, isaan kun fuula kee duratti dhi'aatanii ana hadheessuun in ta'aaf ture*. 20Yookiis yaa'ii warra biyya seerratan duratti yommuun dhi'aadhe, yakka maalii akka ana irratti argan, warri as jiran kun ofii isaaniitii haa himan. 21Yookiis dubbiin tokkichi inni ani isaan gidduu dhaabadhee, sagalee koos ol fudhadhee, ?Sababii ka'uu warra du'aniitiif har'a na gaafachaa jirtu? jedhe, yakka anatti ta'aa?? jedhe*. 22Feeliks waa'ee karaa amantii sanaa ba'eessa godhee waan beekuuf, ?Gaafa Liisiiyaas angafni kumaa dhufu, dubbii keessanitti murtoo nan kenna? jedhee dhaaba dabarse. 23Ergasii angaficha dhibbaa isa Phaawulosin eegu waamsisee, Phaawulosin hidhaa ijaatiin akka eeguuf, firoota isaa keessaas tokko illee isa gargaaruu irraa akka hin dhowwamne, isa abboome*.#17 11:29-30; Rom 15:25-26; Gal 2:10 17-19 21:17-28 21 23:6; 24:15 23 27:3; 28:16
Phaawulos Hidhaa Ijaatiin Eegamuu Isaa
24Takka bubbulees Feeliks haadha manaa isaa Drusilaa, ishee Yihudiidhaa wajjin dhufe; Phaawulosin fichisiisee, waa'ee Yesus Kristositti amanuu isa Phaawulos dubbate dhaggeeffate. 25Yeroo Phaawulos dubbii isaa kana keessatti waa'ee qajeelummaa, waa'ee of dhowwuu akkasumas waa'ee firdii isa dhufuu dubbatetti garuu, Feeliks in sodaate; ?Ammaaf dhaquu in dandeessa, yommuu ani fucha argadhu immoo sin waamsisa? ittiin jedhe*. 26Achumaan immoo Phaawulos horii anaaf kenna se'ee abdate; kanaaf si'a baay'ee fichisiisee isaa wajjin in haasa'a ture. 27Waggaan lama erga darbee garuu, Phorkii'os Fesxoos iddoo Feeliks in fudhate; Feeliks yommus Yihudoota gammachiisuu barbaadee Phaawulosin akka hidhetti dhiise*.#25 10:42; 17:32; Yoh 16:8 27 12:3; 25:9
Currently Selected:
HOJII ERGAMOOTAA 24: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.