YouVersion Logo
Search Icon

Macaafa Saamu'el Isa Lammaffaa 22

22
Faarfannaa Mo'ichaa
(Far 18)
1Daawit yeroo Waaqayyo harka diinota isaa hundumaa, harka Saa'olis isa oolchetti, sagalee kanatti fufee jiruun Waaqayyoon in faarfate.
2Inni,<<Waaqayyo kattaa koo,
masaraa koo, oolchaa koo tis;
3Waaqayyo koo da'oo dhagaa, isa ani
kooluu itti galuu dha;
inni gaachana koo, isa akka gaanfaa
fayyina koof faccisu,
inni iddoo dhokannaa koo isa ol jedhaa dha;
inni anaaf iddoo kooluu itti galanii dha;
yaa fayyisaa ko, ati namoota
humnaan nama irratti ka'an
ana in oolchita.
4<<Waaqayyoon isa jajamaa nan waammadha,
inni immoo harka diinota koo na oolcha.
5Hursaan du'aa na marse,
dha'aan bishaan badiisaas na naasise.
6Hidhaan qilee na xaxan,
futaasaan du'aas na qabatan.
7Rakkina koo keessatti Waaqayyoon nan waammadhe,
gargaarsaaf Waaqayyo koottan iyyadhe;
inni yommus mana qulqullummaa isaa keessaa sagalee koo dhaga'e,
gargaarsaa fi iyyuun koos
gurra isaa bira anaaf in ga'e.
8<<Yommus lafti rom'itee tochoote,
sababii aariin isaa boba'eefis
hundeen bantiiwwan waaqaa
hurgufamanii in raafaman.
9Funyaan isaa keessaa aarri,
akkasumas afaan isaa keessaa
ibiddi xaph godhu in ba'e;
barbadaa giimiin isa biraa boba'e.
10Inni bantiiwwan waaqaa
gugguufsisee gad bu'e,
duumessi dukkanaa'aan
miillan isaa jala ture.
11Inni Kiruub irra taa'ee in balali'e,
baalleewwan qilleensaatiinis
shuf jedhee dhufe.
12Inni naannoo isaatti dukkanni akka golgu godhe,
duumessa dukkanaa'aa bishaan keessa guutes
godoo isaa godhate;
13calaqqisa fuula isaa dura jiru keessaa immoo,
barbadaa giimiin in gube.
14<<Waaqayyo bantiiwwan waaqaa keessaa qaqawweessa'e,
aabba inni hundumaa gararraa jiru
sagalee isaa in dhageessise.
15Inni xiyya gad dhiisee diinota bittimse,
balaqqeessa bakakkaatiinis
gara itti goran,
isaan in wallaalchise.
16Dheekkamsa Waaqayyootiin,
rukuttaa aara funyaan isaa keessaa ba'eetiinis,
maniin bishaanotaa in mul'atan,
hundeewwan biyya lafaas
qullaatti in baafaman.
17<<Inni ol gararraadhaa
gad hiixatee na qabe,
bishaan gurguddaa keessaa
harkisee na baase.
18Inni harka diina koo isa jabaa,
akkasumas harka warra na jibbanii
humnas ana caalanii na oolche.
19Isaan yeroo rakkinni ana irra ga'etti,
ana irratti lafa dha'an;
Waaqayyo garuu irkoo koo ture.
20Inni gara iddoo bal'aatti na baase,
waan anatti gammadeefis na oolche.
21<<Waaqayyo akka qajeelummaa kootti
kana anaaf godhe,
akka qulqullina harka koottis
dugda anaaf in deebise.
22Ani karaa Waaqayyoo duukaa bu'eera,
jal'inaanis Waaqayyo koottii
gargar hin baane.
23Abboommiin isaa hundinuu
fuula koo dura turan,
tumaa isaas hundumaa of irraa hin bunne.
24Ani isatti hin balleessine,
yakka hojjechuuttiis of nan eege.
25Waaqayyo immoo akka ani qajeelaa ta'ee mul'adhetti,
akka ani ija isaa duratti
qulqulluu ta'ee argamettis,
dugda anaaf in deebise.
26<<Yaa Waaqayyo, nama gaarummaa argisiisutti,
atis gaarummaa in argisiifta;
nama hin balleessinetti,
atis hin balleessitu.
27Isa of qulleessutti
ati ofii keetii qulqullaa'aa
ta'uu kee in mul'ifta.
Nama micciiramaa immoo akka micciiramummaa isaatti
qabuu kee itti in mul'ifta.
28Ati saba gad qabamaa in oolchita,
warra mataa irra-keessa qabatanii adeeman immoo
lafa in ilaalchifta.
29Yaa Waaqayyo, ati ibsaa koo ti,
Waaqayyo koo dukkana koo in ibsa.
30Eyyee, ani siin
kutata loltuu diinaatti nan bu'a,
Waaqayyo kootiinis gelaa irra iyyuu nan utaala.
31Waaqayyo kun, karaan isaa
mudaa hin qabu,
dubbiin isaa dhugaa ta'uu isaa amansiiseera;
Waaqayyo warra isatti kooluu galan
hundumaaf gaachana.
32<<Goofticha malee Waaqayyo eenyu ree>>
Waaqayyo keenya malees
kattaa jabaan eenyu ree>>
33Waaqayyo kun, isa mudhii koo
humnaan hidhachiise,
isa karaan koo mudaa
akka hin qabaanne godhee dha.
34Inni miilla koo ariifataa akka miilla biichee anaaf godhe;
kaarra gubbaas ana in dhaabachiise.
35Irreen koo iddaa sibiila boorrajjii
akka dabsutti,
inni harka koo lola in barsiise.
36Gargaarsa kee gaachana gootee anaaf laatte,
anatti gad dhi'aachuun kees na guddise.
37Tarkaanfii miilla kootiif
ana jalatti iddoo bal'aa
anaaf laatte,
gulubiin koos ana jala gara hin galle.
38<<Ani diinota koo ari'ee
isaan nan balleesse,
hamma isaan dhumanittis
ani gara booddeetti hin deebine.
39Akka isaan deebi'anii hin kaanettis,
ani rukutee isaan nan caccabse;
isaanis miilla koo jalatti in kufan.
40Ati lola sanaaf
mudhii koo humnaan hidhachiifteetta,
warri ana irratti ka'anis
na jalatti akka gombifaman gooteetta.
41Ati, diinonni koo dugda duuba deebi'anii
akka ana baqatan in goote;
anis warra ana jibban nan balleesse.
42Isaan gargaarsaaf
asii fi achi ilaalan,
garuu tokko illee kan isaan gargaaru hin turre;
gara Waaqayyoottis in iyyan,
inni garuu isaaniif hin deebifne.
43Ani akka awwaara lafaatti
isaan nan bulleesse,
isaan caccabsee akka dhoqqee
karaa keessaatti
isaan irra nan ejjedhe.
44<<Ati wal loluu saba koo keessaa
ana baafte;
saba warra kaaniifis mataa
akkan ta'u gooteetta;
namoonni saba ani hin beeknees
anaaf in hojjetan.
45Warri ormaa afaaniin
anatti kuulaa in dhufan;
waa'ee koo gurrumaan dhaga'uudhaan
anaaf abboomaman.
46Warri ormaa dadhabanii,
rom'aa iddoo cufatanii taa'an
keessaa ba'an.
47Waaqayyo jiraataa dha!
Kattaan koo jajamaa dha!
Waaqayyo kattaa koo ti, fayyina koo tis,
inni ol ol haa qabamu!
48Waaqayyo inni ijaa baasuu anaaf kenne,
saba warra kaanis
harka koo jala galche.
49Harka diinota kootii keessaa immoo na baase;
eyyee, ati warra na irratti ka'an gararraatti
ol na qabdeetta;
namoota humna anatti argisiisan
harkaas na butatteetta.
50Kanaaf yaa Waaqayyo,
saba hundumaa keessatti sin jajadha,
faarfannaa galataatiinis
maqaa kee nan faarfadha.
51Waaqayyo isa ofii isaatii moosiseef
fayyina guddaa in kenna;
Daawit isa ofii isaatii dibetti,
sanyii isaattis bara baraan
gaarummaa isaa in argisiisa>> jedhe.

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in

Videos for Macaafa Saamu'el Isa Lammaffaa 22