YouVersion Logo
Search Icon

Macaafa Saamu'el Isa Lammaffaa 21

21
Namoonni Giibe'on Ijaa Baafachuu Isaanii
1Bara mootummaa Daawit keessa walumatti aansee waggaa sadii beela jabaatu ture; Daawit kana irratti Waaqayyoon in barbaaddate; Waaqayyo immoo,<<Beelli kun sababii Saa'ol namoota Giibe'on ajjeesisee, inni, maatiin isaas warra gumaa ta'aniif dhufe>> jedhe. 2Namoonni Giibe'on haftee Amoorotaa ti malee, sanyii Israa'el miti; Israa'eloonni namoota kana akka hin tuqne isaaniif kakatanii turan; Saa'ol garuu namoota Israa'elii fi namoota Yihudaatiifis yaadee waan hinaafeef, namoota Giibe'on lafa irraa balleessuu in barbaade; Daawit mootichi immoo namoota Giibe'on waamsisee, 3<<Araara buuftanii, saba dhuunfaa Waaqayyoo akka eebbiftaniif, maal isiniif godhu?>> jedhee isaan in gaafate*. 4Namoonni Giibe'on immoo,<<Nuyi meetii yookiis warqee Saa'ol irraa yookiis maatii isaa irraa fudhachuu, namoota Israa'el keessaas tokko illee ajjeesuu hin barbaannu>> jedhanii mootichaaf in deebisan; kana irratti mootichi,<<Egaa maal akkan isiniif godhu feetu ree?>> jedhee isaan in gaafate. 5Isaan immoo deebisanii mootichaan,<<Saa'ol nu fixee, guutummaa biyya Israa'el keessaa iddoo tokkotti illee hafnee akka nuyi hin jiraanneef, nu balleessuu yaadee mala nutti in qopheesse. 6Kanaaf ilmaan Saa'ol keessaa torba nuuf haa kennaman! Nuyi immoo Giibe'aa mandara Saa'ol isa Waaqayyo fo'ate keessatti fuula Waaqayyoo duratti isaan in rarraafna!>> jedhan; mootichis,<<Akka isaan isiniif kennaman nan godha!>> jedhe*.#2-3 Iya 9:3-27; Kes 32:9 6 Kes 21:22-23
7Haa ta'u iyyuu malee, sababii Daawitii fi Yonaataan ilmi Saa'ol maqaa Waaqayyootiin waliif kakataniif, Daawit mootichi Mefii-Bosheet ilma Yonaataan Saa'ol in hambise*. 8Mootichi yommus Armonii fi Mefii-Bosheet warra Riizphaan intalli Ayyaa Saa'oliif deesse lamaan akkasumas ilmaan Adrii'el ilma Baarzilaayi Meholaatichaa warra Meraab#2Sam 21:8 <<Meraab>> yookiis <<Mikaal?. intalli Saa'ol deesse shanan in qabsiise*; 9ergasii dabarsee harka namoota Giibe'onitti isaan in kenne; namoonni Giibe'on immoo tulluu irratti fuula Waaqayyoo duratti isaan rarraasanii in ajjeesan; torbanuun isaanii yeroodhuma tokkicha, ji'a makarii midhaanii keessa, yeroo garbuun haamamuu jalqabutti in dhuman.#7 1Sam 20:15-17 8 3:7; 1Sam 18:19
10Yommus Riizphaan intalli Ayyaa uffata gaddaa fuutee iddoo reeffi warra ajjeefamanii jiru bira kattaa irra afattee, yeroo makara midhaaniitii jalqabdee hamma bokkaan reeffa isaanii irratti roobutti achi teesse; guyyaa allaattonni qilleensa keessa balali'an, halkan immoo bineensonni caakkaa reeffa isaaniitti akka hin buune in goote. 11Daawit mootichi Riizphaan intalli Ayyaa saajjatoon Saa'ol kana gochuu ishee in dhaga'e. 12Kana irratti dhaqee lafee Saa'olii fi lafee Yonaataan ilma Saa'ol namoota Yaabesh-Giil'aad irraa in fudhate; Filisxeemonni tulluu Giilbo'aa irratti Saa'olin rukutanii ajjeesanii reeffa isaa, reeffa ilma isaas walga'ii karaa mandara Bet-Shaan keessatti rarraasanii turan; namoonni Yaabesh-Giil'aad garuu dhokatanii reeffa isaanii fudhatanii in sokkan*. 13Daawit immoo lafee Saa'olii fi lafee Yonaataan ilma Saa'ol akkasumas immoo lafee warra rarraafaman torban sanaa walitti sassaabsisee in fide.
14Namoonni tokkos lafee Saa'olii fi lafee Yonaataan ilma isaa biyya gosa Beniyaaminitti geessanii, Zelaat iddoo awwaala Qiish abbaa Saa'olitti in awwaalan; wanta mootichi isaan abboome hundumaas in hojjetan; kana booddees Waaqayyo kadhata warri biyyichaa kadhatan in dhaga'eef.#12 1Sam 31:8-13
Daawit Filisxeemotatti Duuluu Isaa
(1Sen 20:4-8)
15Ammas immoo Filisxeemotaa fi Israa'eloota gidduu lolatu ture; Daawitii fi loltoonni isaa gad bu'anii Filisxeemota in rukutan; Daawit utuu loluu dadhabbiin itti in dhaga'ame*. 16Namni<<Ishbii-Benoob>> jedhamu tokko sanyii Refaa'otaa warra dhedheeroo keessaa achi ture; inni eeboo sibiila boorrajjii irraa hojjetame, qarri isaa akka kiilo graamii sadii fi walakkaa ulfaatu qabatee, billaa haaraas hidhatee ture; namichi kun,<<Daawitin nan ajjeesa!>> jedhee in dubbate. 17Abiishaayi inni Zeruyaan deesse garuu Daawitin gargaaree, Filisxeemicha sana rukutee in ajjeese; namoonni Daawit yommus,<<Ati ibsaa Israa'el waan taateef, akka hin badnetti, si'achi nuu wajjin lolaaf hin baatu!>> jedhanii Daawitiif in kakatan*.#15 5:17-25 17 18:3; 23:18
18Xinnoo takka turee iddoo <<Gob>> jedhamutti Filisxeemotaa wajjin lola walitti in kaasan; yommus Siibekaayi Hushaatichi namicha <<Saaf>> jedhamu sanyii warra Refaa'otaa dhedheeroo keessaa tokko isa ture in ajjeese. 19Ammas immoo Gob kanatti lola kan biraa Filisxeemotaa wajjin wal lolan keessatti, Elhaanaan ilmi Yaa'aree-Oreegiim Betlihemichaa, Goliyaad nama sanyii Gaat tokko in ajjeese; Goliyaad kun eeboo soomaan isaa hamma muka wayya-dhooftuun wayyaa itti maratu ga'u qaba ture*. 20Akkasumas immoo lolli kan biraa Gaatitti ta'ee ture; lola kana keessa nama baay'ee guddaa harki isaa lamaanii fi miilli isaa lamaan quba ja'a ja'a, walumatti quba digdamii afur qabu tokkotu ture; innis immoo sanyii Refaa'otaa warra dhedheeroo keessaa ture. 21Namichi kun saba Israa'elitti yeroo ga'isetti, Yonaataan ilmi Shimi'aa obboleessa Daawit isa in ajjeese. 22Jarreen arfan warri Daawitii fi loltoota isaatiin ajjeefaman kun Gaat keessa kan jiraatan sanyii Refaa'otaa warra dhedheeroo turan.#19 1Sam 17:4-7

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in

Videos for Macaafa Saamu'el Isa Lammaffaa 21