YouVersion Logo
Search Icon

Macaafa Saamu'el Isa Lammaffaa 23

23
Dubbii Daawit Gara Dhumaatti Dubbate
1Daawit ilmi Iseyi, nama isa Waaqayyo inni kan Yaaqoob ol ol qabee, dibee moosisee ture; inni faarfannaa qopheessee faarfachuudhaan Israa'eloota in gammachiisa ture; dubbiin Daawit gara dhumaatti dubbate kanatti fufee jira.
2Inni,<<Hafuurri Waaqayyoo
ana keessaan in dubbate,
dubbiin isaa afaan koo keessa jira.
3Waaqayyo inni kan Israa'el dubbateera;
inni kattaa Israa'el ta'e anaan,
<<Namni qajeeltootti namoota bulchu,
inni sodaa Waaqayyootiin in bulcha.
4Inni akka ifa ganamaa ti,
akka biiftuu yeroo duumessi hin jirre haleelee ifuu ti,
akka ifa aduu isa
erga bokkaan roobee caamee
lafa keessaa marga biqilchuu tis>> jedhe*.#4 Abo 5:31
5<<Manni koo Waaqayyo biratti
akka kanatti in ilaalama mitii ree>>
Inni kakuu bara baraa anaaf galeera,
waan hundumaa toora galchee
jabeessee isa in eega;
egaa Waaqayyo fayyina koo fi
fedha koo hundumaa
fiixaan anaaf in baasa mitii ree*>>
6Namoonni warri Waaqayyoon
akka waan gatii hin qabneetti#2Sam 23:6 <<Akka waan gatii hin qabneetti>> Ib<<Beliyaal?. ilaalan garuu,
akka qoraattii isa namni harkaan
walitti qabuu hin dandeenyetti bakkeetti in gatamu.
7Namni sibiilaa fi somaa eebootiin
qoraattii walitti in qaba,
qoraattichis iddoodhuma jirutti
ibiddaan in gubama>> jedhe.#5 7:12-16
Loltoota Daawit Warra Beekamoo
(1Sen 11:10-41)
8Maqaan loltoota Daawit warra jajjaboo kanatti fufee jira; inni duraa Yosheb-Baashebet Takmoonticha dura-buutuu warra sadanii ti; inni lola tokkicha keessatti eeboo isaatiin nama dhibba saddeet in fixe. 9Inni lammaffaan Ele'azaar ilma Dodoo Ahohichaa ti; inni loltoota warra jajjaboo sadan keessaa tokko ture; warri sadan kun yeroo Filisxeemota warra lolaaf walitti qabaman toosisanitti, namoonni Israa'el gara booddee isaanii in deebi'an; Ele'azaar garuu Daawit biratti in hafe. 10Inni ka'ee hamma irreen isaa butututti, hamma harki isaa billaatti goguttis Filisxeemota in rukute; gaafas Waaqayyo mo'icha guddaa isaa in kenneef; loltoonni warri kaan gara isaatti yeroo deebi'an garuu, mi'a warra ajjeefamanii saamuu irraa kan hafe hin lolle. 11Inni sadaffaan Shamaa ilma Aagee Haraarichaa ti; yeroo Filisxeemonni maasii misirri baay'een irra jiru keessatti lolaaf walitti qabamanitti Israa'eloonni isaan duraa in baqatan. 12Shamaan garuu maasii sana keessa iddoo qabatee Filisxeemota rukutee maasicha irraa in deebise; Waaqayyos mo'icha guddaa in kenneef.
13Yeroo makara midhaaniitti loltoonni Filisxeemotaa dachaa Refaa'iim keessa buufatanii utuu jiranii, loltoota dura-buutuu ta'an soddomman keessaa sadii Daawit bira gara holqa isa Adulaamitti dhi'oo jiru in dhaqan*. 14Yommus Daawit masaraa keessa ture, loltoonni Filisxeemotaa immoo Betlihem keessa buufatanii turan. 15Daawit bishaan dhuguu kajeelee,<<Eenyutu boolla karra kellaa Betlihem bukkee jiru keessaa bishaan dhugaatii budduqsee anaaf fida laata!>> jedhe.#13 1Sam 22:1
16Loltoonni jajjaboonni sun sadan buufata loltoota Filisxeemotaa gidduu ba'anii, boolla karra kellaa Betlihem bukkee jiru sana keessaa bishaan budduqsanii Daawitiif in fidan; Daawit garuu bishaanicha akka kennaatti Waaqayyoof dhangalaase malee, dhuguu hin barbaanne*. 17Kanaafis inni,<<Yaa Waaqayyo, kana gochuu ana irraa fageessi! Kun dhiiga namoota lubbuu isaanii gurguranii dhaqanii ti mitii ree?>> jedhe; bishaanicha fidaniif kanas dhuguu hin barbaanne; wanti loltoonni jajjaboonni sadan kun hojjetan kana ture.#16 1Sam 7:6
18Abiishaayi obboleessi Yo'aab inni Zeruyaan deesse immoo dura-buutuu warra sadan sanaa ture; innis eeboo isaa butatee namoota dhibba sadii in fixe; warra sadan keessattis maqaa in godhate*. 19Inni warra hafan soddomman caalaatti ulfina guddaa waan qabuuf, ajajjuu isaanii in ta'e; haa ta'u iyyuu malee, akka warra kaan sadanii beekamaa hin turre.#18 21:17
20Benaayaan ilmi Yehoyaadaa namni biyya Kabzii'el loltuu jabaa, nama hojii gurguddaa hojjetes ture; inni namoota Mo'aab warra akka leencaa lama in ajjeese; gaaf tokkos cabbii keessa boolla tokko keessa lixee, leenca tokko ajjeeseera*. 21Kana malees, nama biyya Gibxii isa baay'ee dheeraa tokko in ajjeese; namichi Gibxii kun eeboo in qabata ture; Benaayaan immoo ulee qabatee bira ga'ee eeboo namichaa harka isaa keessaa butee, isumaan namicha Gibxii sana in ajjeese*. 22Benaayaan ilmi Yehoyaadaa kana gochuu isaatiin loltoota jajjaboo sana sadan biratti beekamaa in ta'e.#20 20:23; Abo 14:5-6 21 1Sam 17:43,51
23Kanaanis inni warra soddomman sana caalaatti ulfina in argate, garuu akka warra kaan sadanii hin turre; Daawit immoo warra isa eegan irratti gaafatamaa isa in godhate.
24Warra soddommanii keessaa maqaan isaanii kan caafame kanatti aananii jiru; isaanis, Asaahel obboleessa Yo'aab, Elhaanaa ilma Dodoo nama mandara Betlihem*.
25Shamaa Harodicha, Eliiqaa Harodicha;
26Helez Phalticha, Iiraa ilma Iqeesh nama mandara Teqo'aa*,
27Abii'ezer nama mandara Aanaatot, Mebunaa'i Hushaaticha,
28Zalmoon Ahohicha, Maharaa'i Netoficha;
29Heled ilma Ba'anaa Netofichaa, sanyii Beniyaamin keessaa Iitaayi ilma Rebaayi nama mandara Giibe'aa,
30Benaayaan Phiiraatonicha, dachaa Ga'aash keessaa Hiidaayi,
31Abii-Alboon Aarbataahicha, Azmaawet Barhumicha.#24 2:18-23 26 1Sen 27:9-10
32Ilmaan Yaashen keessaa Eliyaabaa Sha'albonicha,
33Yonaataan ilma Shamaa Haraarichaa, Ahii'aam ilma Shaaraar Haraarichaa,
34Eliifelex ilma Ahasbaayi Ma'akaatichaa, Elii'aam ilma Ahiitofel Giloonichaa*,
35Hezroo Qarmelosicha, Pha'iiraayi Arbaa'icha,
36Zobaadhaa Iigaal ilma Naataan, Baanii Gaadicha,
37Zeleq Amoonicha, Naharaayi Berooticha isa mi'a lolaa Yo'aab baatu, Yo'aab kana Zeruyaatu da'e,
38Iiraa Itricha, Gaareb Itricha;
39Uriiyaa Heeticha; isaan kun walumatti nama soddomii torba turan*.#34 15:12 39 11:3-27

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in

Videos for Macaafa Saamu'el Isa Lammaffaa 23