Macaafa Moototaa Isa Duraa 7
7
Solomoon Mana Mootummaa Ijaarsifachuu Isaa
1Solomoon mana mootummaa isaa ijaaree waggaa kudha sadiitti in raawwate*. 2Inni utuboota mukkeetii gaatirraa Liibaanon toora afuriin dhadhaabee, derersumaa gaatirraa soofamee miidhagfame utuboota sana irra buusee, mana dalgi isaa dhundhuma dhibbaa, garaan isaa dhundhuma shantamaa, ol dheerinni isaa dhundhuma soddomaa in ijaare. 3Bantiin isaa falaxaa muka gaatirraa, isa soofamee mucuceefameen derersumoota utuboota afurtamii shanan warra kudha kudha shaniin toora galfamanii irra buufaman irratti in ijaarame. 4Manichi keessi ifa akka argatuuf, qaawwi toora sadii sadiin ol kaafamanii fuullee waliitiin keenyan manichaatti baafamaniiru. 5Dhaabaan balbalootaa warri garasii fi garanaa hundinuu qaalaa afur qabu; qaawwan fuulleedhuma waliitiin toora sadii sadiin baafaman immoo ifa in galchu turan. 6Inni fuula dura manichaa utuboota gobbisee dhadhaabsisuudhaan gardaafoo dhundhuma shantama dalga dheeratu, dhundhuma soddoma immoo bal'atu in ijaarsise; fuula gardaafoo sanaa duratti immoo utuboota darbee darbee dhadhaabsisuudhaan irra dabarsiisee gardaafoo in ijaarsise.#1 9:10
7Mootichi iddoo taa'ee firdii kennu kutaa tokko ijaarsisee lafaa kaasee hamma bantii isaatiitti keessa isaatti muka gaatirraa in uffisiise. 8Manni taa'umsa isaatii inni gardaafoo firdii duubatti ijaarame akkasumas manni inni haadha manaa isaa intala mootii Gibxiif ijaarsise akkuma isa kanaatti in ijaaraman*. 9Ijaarsi kun hundinuu karaa alaa hamma oobdii mana guddichaatti, hundee ijaarsichaatii jalqabee hamma demdemoo isaatiitti dhagaa gati-jabeeyyii keessaa fi duubaan ba'eessa ta'ee soofamee safaraan haamtuu dhagaatiin wal qixxeeffame murameen ijaarame. 10Hundeewwan ijaarsa sana hundumaa dhagaa gati-jabeeyyiidhaa fi gurguddootaan kaa'aman; dhagoonni kun kaan dhundhuma kudhan, kaan immoo dhundhuma saddeet baasu turan. 11Isaan kana irraan immoo dhagaa gati-jabeeyyii safaraan murmuramanii fi mukkeetii soofamanii murmuramantu buufame. 12Oobdiin manicha guddaa sun akkuma oobdii mana qulqullummaa isa gara keessaa fi gardaafoo isaa dhagaa soofamaa toora sadii fi muka gaatirraa soofamee mucuceefamee toora tokkoon naanneffamee hojjetame*.#8 3:1 12 6:36
13Solomoon mootichi biyya Xiirositti nama ergee Hiiraamin in waamsise. 14Haati Hiiraam dubartii abbaan manaa irraa du'ee dha, sanyiin ishee immoo gosa Niftaalem keessaa ture; abbaan isaa immoo nama biyya Xiiros. Inni sibiila borrajjii tolchuu beeka ture; Hiiraamis nama ogummaadhaan, hubannaadhaan, beekumsa sibiila borrajjii miidhagsanii tolchuutiinis guutee dha; inni gara Solomoon mootichaa dhufee hojii isaaf kenname hundumaa in hojjete.
Utuboota Sibiila Borrajjii Irraa Hojjetaman Lama Dhaabsisuu Isaa
(2Sen 3:15-17)
15Hiiraam utuboota sibiila borrajjii lama in tolche; tokkon tokkon isaanii dhundhuma kudha saddeet in dheeratu, dhundhuma kudha lamas in furdatu*. 16Mataa utuboota lamaanii irra kaa'uudhaaf immoo sibiila borrajjii baqsee guutuu tokkon tokkon isaanii dhundhuma shan dheeratu in tolche. 17Guutuuwwan mataa utubootaa irra jiran miidhagsuudhaaf immoo tokkon tokkon isaaniitiif sibiila borrajjii akka gingilchaatti wal keessa galfamee dha'ame torba torba in tolche. 18Guutuuwwan mataa utubootaa irra jiran miidhagsuudhaaf tokkon tokkon isaa sibiila borrajjii isa akka gingilchaatti wal keessa galfamee dha'ame sanatti naannessee wanta akka ija rumaanii toora lamaan in tolche; guutuu isa kaaniifis akkasuma in godhe. 19Guutuuwwan fakkeenya daraaraatiin mataa utuboota sanaa irratti hojjetaman akka isa mataa utuboota gardaafoo irratti hojjetamee ti; tokkon tokkon guutuuwwan sanaas dhundhuma afur dheeratu turan. 20Mataa tokkon tokkon utuboota sibiila borrajjii irraa hojjetaman lamaanii kana irratti fakkeenya gingilchaa hojjetameetu ture; isatti aanee waciitii isa gara irraadhaan immoo wanta akka ija rumaanii dhibba lamatu toora lama lamaan itti naqame; mataa fakkeenyichaa irratti immoo guutuu utubichaatu hojjetame. 21Hiiraam utuboota sana gardaafoo mana qulqullummaa fuula dura in dhaabe; utubaa isa gara harka mirgaa <<Yaakiin>> jedhee moggaase; utubaa isa gara harka bitaa immoo <<Boazitti>> moggaase. 22Guutuuwwan mataa utuboota sibiila borrajjii sanaa fakkeenya daraaraatiin hojjetaman; akkasitti hojiin utuboota sanaa in raawwatame.#15 2Mot 25:17
Sibiila Borrajjii Irraa Mi'a Garaa Garaa Hojjechuu Isaa
(2Sen 4:2-5)
23Hiiraam sibiila borrajjii baqsee gaanii bishaanii bal'inni afaan isaatii dhundhuma kudhanii, lafaa ol ka'inni isaa dhundhuma shanii, naannoon isaas dhundhuma soddomaa in tolche*. 24Hidhii gaanichaa jala karaa duubaatiin wanta akka buqqee hadhooftuu xixinnoo sibiila borrajjii irraa hojjetamee dhundhuma tokko tokkotti kudhan kudhan, toora lama lamaan gaanichuma irratti baqsee waliin in ga'e. 25Gaaniin bishaanichaa dugda fakkaattii korommii sibiila borrajjii irraa hojjetaman kudha lamaan irra in dhaabata; korommii sana keessaa sadii gara bitaatti, sadii gara lixa-biiftuutti, sadii gara mirgaatti, sadii immoo gara ba'a-biiftuutti gara galanii hudduu walitti gatanii in dhaabatu; gaaniin bishaanichaa immoo isaan irra ture. 26Yabbinni gaanichaas hamma bal'ina harkaa ti; hidhiin isaa inni akka hidhii shiiniitti gara galee hojjetame daraaraa habaaboo in fakkaata; gaanichi liitrii afurtamii afur baata.#23 Bau 30:17-21; 1Sen 18:8
27Hiiraam sibiila borrajjii irraa baattuu geengoo qabu kudhan in tolche; tokkon tokkon baattuu kanaa dhundhuma afur dalga dheerata, dhundhuma afur bal'ata, dhundhuma sadii ol dheerata. 28Akki baattuuwwan geengoo qaban kun itti tolfaman kanatti fufee kan jiruu dha; lafee isaa golee arfanuu walitti qabsiisanii, isa gidduu wanta akka babattee qaalaa qaban in naqan. 29Babattee qaalaa qaban sana irratti immoo bifa fakkeenya leencotaa fi korommii, akkasumas bifa fakkeenya Kiruubeltu kaafame; fakkeenya leencotaa fi korommii gara irraa fi gad-jallaan immoo fakkeenya daraaraa battee dha'ameetu irratti qirixamee ture. 30Tokkon tokkon baattuuwwanii geengoowwan sibiila borrajjii irraa hojjetaman afur afurii fi somaa sibiila borrajjii irraa hojjetamanii geengoowwan lama lamaan walitti ciniinsisan qabu turan; tokkon tokkon baattuu miiloo wanta akka daraaraa battee dha'amee itti baqfame afur afur qaba ture. 31Walakkaa mataa baattuu sanaa irra caabii guddaa naanneffamee hojjetame dhundhuma tokko gad dhooqutu jira; afaan caabii sanaa mataa baattuu sanaa keessaa dhundhuma tokkoo fi walakkaa ol ba'ee in mul'ata; fiixeen baattichaa garuu karaa hundumaa naannoo utuu hin ta'in qaalaa wal qixxee afur qaba ture. 32Geengoowwan arfan babattee qaalaa qaban sana jalaan turan; geengoowwan kun immoo somaa lama lamaan walitti isaan ciniinsisu qabu turan; somaan geengoowwanii baattuu caabichaa sanaa wajjin walitti qabsiifamanii jiru; lafaa ol ka'inni tokkon tokkon geengoo sanaa dhundhuma tokkoo fi walakkaa dha. 33Geengoowwan kun akka geengoowwan konkolaataatti hojjetaman; somaan isaanii, xiyyoowwan isaanii, dagaleewwan isaanii fi ijjoowwan isaanii warri garaa gidduu jiran hundinuu sibiila baqfame irraa hojjetaman. 34Tokkon tokkon baattichaa golee arfan gara miilla jalaatiin kan itti hojjetame, tuggee tokko tokko qaba ture. 35Bantii baattichaa irra wanta naannoo akka amartiitti tolfamee taakkuu tokko ol dheeratutu ture; tuggeewwan isaa fi babatteewwan qaalaa qaban bantii baattichaa wajjin walitti kan hojjetaman turan. 36Inni bifa Kiruubel, bifa leencotaa fi bifa muka meexxii tuggeewwanii fi babatteewwan qaalaa qaban irratti qirixiidhaan in kaase; iddoo tokko illee utuu hin hambisin, daraaraa battee itti naannessee ittiin in miidhagse. 37Akkasitti Hiiraam baattuuwwan kurnan in tolche; baattuuwwan kun kan irraa tolfaman, safarri isaanii fi bifni isaanii tokkichuma ture.
38Yommus Hiiraam sibiila borrajjii irraa caabiiwwan baay'ee gurguddaa tokkon tokkon isaa akka liitrii dhibba saddeetii fi saddeettamaa baatu kudhan in tolche; bal'inni afaan tokkon tokkon caabichaa gar tokkoo hamma gara kaaniitti dhundhuma afur; tokkon tokkon baattuuwwan kurnanii irra caabii tokko tokkotu ture. 39Inni baattuuwwan sana keessaa shan karaa harka mirgaa mana qulqullummaa, shan immoo karaa harka bitaa mana qulqullummaatiin in kaa'e; gaanii bishaanichaa immoo golee mana qulqullummaa isa gara harka mirgaa irraa gara ba'a-biiftuutiin in kaa'e.
Hiiraam Mi'a Mana Qulqullummaa Hojjechuu Isaa
(2Sen 4:11–5:1)
40Hiiraam hojii mi'a mana qulqullummaa keessaa ittiin hojjetan, isa Solomoon mootichaaf hojjechaa ture hundumaa caabii ittiin daaraa gatan, fal'aana ittiin daaraa hammaaranii fi waciitii dhiiga facaafamu baatu tolchuudhaan in raawwate; mi'i inni hojjete kanatti fufee jira;
41utuboota lama, baattuuwwan akka waciitiitti hojjetaman lama, baattuuwwan utuboota irra jiran sana lamaan kan miidhagsan, sibiila akka gingilchaatti wal keessa galfamanii dha'aman lama,
42sibiila akka gingilchaatti wal keessa galfamanii dha'aman sana miidhagsuudhaaf wanta akka ija rumaaniitti hojjetame dhibba afur; tokkon tokkon sibiila akka gingilchaatti baattuu utubaa irra jiru miidhagsuudhaaf hojjetame irratti wanta akka rumaaniitti tolfame kana dhibba lama lama in naqe; kana jechuunis tokkon tokkon gingilchaa lamaaniitti tarree lama lamaan dhibba dhibba itti naqe.
43Kana malees baattuuwwan kurnanii fi caabiiwwan isaan irra kaa'aman kurnan in hojjete.
44Gaanii bishaanii fi fakkeenya korommii kudha lamaanii warra gaanicha jala ijaajjanis in qopheesse. 45Akkasumas Hiiraam sibiila borrajjii qullaa'aa irraa caabiiwwan, fal'aana ittiin daaraa hammaaran, waciitiiwwan dhiiga facaafamu baatan in tolche; mi'a kana hundumaa mana qulqullummaa isa Solomoon mootichi ijaarsiseef in hojjete. 46Solomoon mootichi isaan kana hundumaa dachaa Yordaanos keessa iddoo supheen itti hojjetamu isa Sukootii fi Zaaretaan gidduu jirutti in hojjechiise. 47Mi'i sun baay'ee waan ta'eef, Solomoon mootichi utuu hin miijansiisin dhiise; miijanni sibiila borrajjii sanaas hammana hin jedhamu.
48Kana malees Solomoon mi'a mana qulqullummaa keessaa ittiin hojjetamu warra kanatti fufanii jiran hundumaa in hojjechiise; isaanis iddoo aarsaa isa warqee irraa hojjetame, gabatee buddeenni ilaalchaa irra kaa'amu, 49baattuu ibsaa warqee qullaa'aa irraa hojjetamee iddoo qulqullaa'aa isa gara keessaa dura kaa'amu kudhan; shan karaa gara mirgaa, shan immoo karaa gara bitaa, warqee irraa kan hojjetaman daraaraawwan, baattuu ibsaa, qabduu ittiin fo'aa ibsaa kutan, 50caabii, qadaaddii ittiin ibsaa dhaamsan, waciitii dhiiga facaafamu baatu, qodaa ixaanaa, qodaa itti ibidda baatan; isaan kun hundinuu warqee qullaa'aa irraa hojjetaman; gurroon saanqaa kutaa isa gara keessaa iddoo isa hundumaa irra qulqullaa'aa fi saanqaa kutaa mana qulqullummaa isa guddaa warqee irraa hojjetaman*. 51Solomoon mootichi hojii ijaarsa mana qulqullummaa erga raawwatee wanta Daawit abbaan isaa hojii kanaaf addaan baase, meetii, warqee akkasumas qodaa hundumaa fidee mana mi'aa isa kan mana qulqullummaa keessa in kaa'e*.#48-50 Bau 25:23-40 51 2Sam 8:10-11
Currently Selected:
Macaafa Moototaa Isa Duraa 7: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.