YouVersion Logo
Search Icon

Macaafa Moototaa Isa Duraa 6

6
Solomoon Mana Qulqullummaa Ijaaruu Isaa
1Israa'eloonni biyya Gibxii ba'anii waggaa dhibba afurii fi saddeettammaffaatti, Solomoon biyya Israa'el irratti mootii ta'ee waggaa afuraffaatti, waggichattiis ji'a lammaffaa isa <<Ziif>> jedhamutti, Solomoon mootichi Waaqayyoof mana qulqullummaa ijaaruu in jalqabe. 2Manni qulqullummaa Solomoon mootichi Waaqayyoof ijaare dalga dheerinni isaa dhundhuma jaatama, garaan isaa dhundhuma digdama, irraan-oleen isaa dhundhuma soddoma. 3Dheerinni gardaafoo karaa fuula dura kutaa manichaa isa guddaa akkuma garaa manichaa dhundhuma digdama, bal'inni isaa immoo karaa fuula dura manichaa dhundhuma kudhan ture*. 4Manichi ifa xinnoo akka argatuuf qaawwan dhidhiphoo in tolche. 5Naannoo karaa kutaa manichaa isa guddaatii fi karaa iddoo qulqullaa'aatti naannessee keenyan ijaare, keenyan sanatti immoo kutaawwan garaa garaa in baase. 6Kutaan ijaarsa keenyan manichaatti ijaarame kanaa inni gara lafaa dhundhuma shan, inni lammaffaan isa irratti ijaarame dhundhuma ja'a, inni sadaffaan irra-keessaa immoo dhundhuma torba bal'ata; wanti tokko illee keenyan manichaa keessatti akka hin suuqamneef karaa duubaa keenyan manichaatti naannessee ittisa in tolche.#3 7:15-21
7Dhagaan manni qulqullummaa sun ittiin ijaarame duraan dursee soofamee kan qophaa'ee dha malee, manichi utuu ijaaramaa jiruu sagaleen buruusaa yookiis qottoo, sagaleen mi'a sibiila kan biraas isa keessaa hin dhaga'amne. 8Balballi ittiin mana mana irraa isa gara gidduutti ol lixan karaa gara harka mirgaa ture; buusaan ittiin achii ka'anii gara isa sadaffaatti ol ba'an akkasumas inni gara isa gara lafaatti ittiin lixan karuma sana irra ture. 9Solomoon ijaarsa mana qulqullummaa kana derersumaa muka gaatirraa jala buusee, isa soofamee tottolfame immoo irratti uffisee bantii isaa duuchuudhaan in raawwate. 10Inni karaa hundumaa mana qulqullummaatti naannessee kutaawwan manaa in ijaare; kutaawwan sunis tokkon tokkon isaanii dhundhuma shan shan asii ol dheeratu; isaan muka gaatirraa qaqqajeelaadhaan manicha qulqullummaa wajjin walitti qabsiifaman.
11Dubbiin Waaqayyoo gara Solomoon dhufee, 12<<Akka seerrata kootti yoo deddeebite, wanta ana duratti qajeelaa ta'e yoo goote, akka ati ittiin jiraattuuf isa ani si abboome hundumaas yoo eegde, waa'ee mana isa ijaaruutti jirtu kanaaf isan abbaa kee Daawitin abdachiise karaa kee nan raawwadha*; 13ani saba koo Israa'el gidduu nan jiraadha, ani isaan hin gatu>> jedhe*.#12 2Sam 7:13 13 Bau 29:45
Keessa Mana Qulqullummaa Mimmiidhagsuu Isaa
(2Sen 3:8-14)
14Solomoon akkasitti manicha ijaaree in raawwate. 15Keenyan manichaa karaa keessaa hundee isaatii jalqabee hamma demdemoo isaatiitti falaxaa gaatirraa isa soofamee mucuceefameen in uffisiise; lafa isaa immoo falaxaa birbirsaa isa soofamee mucuceefameen in hojjechiise. 16Inni iddoo isa gara keessaa isa <<Hundumaa irra qulqullaa'aa>> jedhamu addaan baasuudhaaf kutaa dhundhuma digdama bal'atu falaxaa muka gaatirraa isa soofamee mucuceefameen hundee manichaatii jalqabee hamma demdemoo isaatiitti gargar in kute. 17Kutaan guddaan inni iddoo isa hundumaa irra qulqullaa'aa fuula duraa kun dhundhuma afurtama dheerata. 18Keessa keenyan manicha qulqullummaa isa falaxaa muka gaatirraa irraa soofamee mucuceefameen miidhagfame irratti fakkeenya mashaaqulaa fi fakkeenya daraaraa qiqqirixameetu mul'ata ture; falaxaa muka gaatirraa isa itti uffifamaa sana irraa kan hafe, dhagaan raawwatee hin argamu ture.
19Iddoo qulqullaa'aa isa gara keessaa lafa sanduuqi kakuu Waaqayyoo kaa'amu mana qulqullummaa sana keessatti in qopheessisiise. 20Iddoo qulqullaa'aan inni gara keessaa kun dalga dheerinni isaa dhundhuma digdama, bal'inni isaa dhundhuma digdama, ol dheerinni isaa dhundhuma digdama; akkasuma immoo keessa isaa fi iddoo aarsaa isa falaxaa muka gaatirraa irraa hojjetametti warqee qullaa'aa in uffisiise. 21Solomoon keessa mana qulqullummaatti warqee qullaa'aa in uffisiise; balbala iddoo isa hundumaa irra qulqullaa'aa sana dura funcaa warqee diriirsee ittiin in cufsiise. 22Guutummaa manichaa hamma waliin ga'utti keessa manichaa hundumaatti, iddoo isa hundumaa caalaa qulqullaa'aa keessattis iddoo aarsaatti warqee in uffisiise.
23Itti dabalees Kiruubel dheerinni tokkon tokkon isaanii dhundhuma kudhan kudhan ta'e lama, muka ejersaa irraa tolchee iddoo qulqullaa'aa isa gara keessaa sana keessa in kaa'e*. 24Qoochoowwan Kiruub isa tokkoo dhundhuma shan shan dheeratu; fiixee qoochoo isa gar tokkootii hamma fiixee qoochoo isa gara kaaniitti dhundhuma kudhan ture. 25Qoochoowwan Kiruub isa lammaffaas dhundhuma kudhan dheeratu turan; Kiruubel lamaanuu safarri isaanii fi bifni isaanii tokkuma ture; 26hojjaan tokkon tokkon Kiruub dhundhuma kudhan kudhan ture. 27Inni qoochoowwan bifa Kiruubel lamaanuu diddiriirsee mana qulqullummaa keessa iddoo qulqullaa'aa sana keessa in kaa'e; qoochoon isa tokkoo karaa gar tokkoo keenyan manichaa qaqqaba, karaa gara isa kaanii immoo qoochoo Kiruub isa lammaffaa in qaqqaba; qoochoon Kiruub isa lammaffaas karaa gar tokkoo keenyan manichaa qaqqaba, karaa gara isa kaaniitiin immoo qoochoo Kiruub isa duraa sana in qaqqaba; qoochoowwan lachuu isaanii walakkaa iddoo qulqullaa'aa sanaatti wal in qaqqabu turan. 28Inni bifa Kiruubel kanattis warqee in uffisiise. 29Keenyan kutaawwan mana qulqullummaa warra keessaa fi warra duubaan itti ijaaraman hundumaa irratti karaa keessaa fakkeenya Kiruubel, fakkeenya mukkeetii meexxii fi daraaraa hojjechiisee in miidhagsiise*. 30Lafa kutaawwan kanaa hundumaattis warqee in uffisiise.#23 Bau 37:7-9 29 His 41:18
31Balbala ittiin iddoo isa hundumaa caalaa qulqullaa'aatti ol galan in tolchisiise; balbalichi gara irraa fi gad-jallaadhaan akkasumas bukkee garasii fi garanaatiin muka ejersaa soofamee qaalaa shan qabuun kan hojjetame ture. 32Balbaloota muka ejersaa irraa hojjetaman lamaan irratti fakkeenya Kiruubel, fakkeenya mukkeetii meexxii fi daraaraa in tolchisiise; fakkeenya Kiruubelii fi fakkeenya mukkeetii meexxii kanatti warqee in uffisiise. 33Akkasuma immoo balbala kutaa manichaa isa guddaatti muka ejersaa soofamee qaalaa afur qabu garasii fi garanaan in hojjechiise. 34Balbaloonni muka birbirsaa irraa tolfaman lamaan, tokkon tokkon isaanii saanqaa batteen lamaan walitti dacha'uudhaan banaman qabu turan. 35Mootichi fakkeenya Kiruubel, fakkeenya mukkeetii meexxii fi daraaraa balbaloota sana irratti hojjechiisee in miidhagsiise; fakkeenyota qirixaman kana hundumaa irrattis wal qixxeessanii warqee akka itti uffisan in godhe. 36Kana malees dhagaa soofamaa toora sadiin naqsiisee, muka gaatirraa soofee bareechisiisee toora tokkoon buusisee, oobdii isa gara keessaa in tolchisiise*.#36 7:12
37Solomoon mo'ee waggaa afuraffaa isaatti, waggicha keessaas ji'a lammaffaa isa <<Ziif>> jedhamutti hundeen mana qulqullummaa in kaa'ame. 38Inni mo'ee waggaa kudha tokkoffaa isaatti, waggichattii ji'a saddeettaffaa isa <<Bul>> jedhamutti akkuma duraan akeeki isaa qophaa'etti ijaarsi mana qulqullummaa guutummaatti in raawwatame; manicha ijaaruun waggaa torba isa fudhate.

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in