YouVersion Logo
Search Icon

Macaafa Moototaa Isa Duraa 5

5
Solomoon Mana Qulqullummaa Ijaaruudhaaf Qophaa'uu Isaa
(2Sen 2:1-18)
1Hiiraam mootiin Xiiros inni Daawitii wajjin jaalala guddaa qaba ture, Solomoon ilmi Daawit iddoo abbaa isaa dibamee akka moosifame yommuu dhaga'e, namoota isaa warra gurguddoota isatti in erge*. 2Solomoon immoo deebisee ergaa kanatti fufee jiru Hiiraamitti ergee,
3<<Sababii diinonni karaa hundumaa isatti ka'aniif hamma Waaqayyo diinota isaa harka isaa jala galchuufitti abbaan koo ulfina maqaa Waaqayyo gooftaa isaatiif mana qulqullummaa ijaaruu akka hin danda'in ati in beekta.
4Amma garuu Waaqayyo gooftaan koo karaa hundumaa nagaa anaaf kenneera; diinni anaan mormu yookiis wanti hamaan hin jiru.
5Waaqayyo,<<Ilmi kee inni ani iddoo kee moosisee teessoo kee irra teessisu ulfina maqaa kootiif mana qulqullummaa in ijaara>> jedhee abbaa koo Daawitin abdachiiseera; kanaaf ani amma ulfina maqaa Waaqayyo gooftaa kootiitiif mana qulqullummaa ijaaruudhaaf murtoo godheera*.
6Nama akka warra Sidoonitti muka muruu beeku nuyi akka hin qabne ati iyyuu beekta; kanaaf gatii dadhabbii namoota keetii akkuma ati jettetti nan baasaatii namoota koo wajjin dhaqanii Liibaanonii muka gaatirraa akka anaaf muraniif namoota kee anaaf ergi!>> jedhe.#1 2Sam 5:11 5 2Sam 7:12-13
7Hiiraam ergaa Solomoon yommuu dhaga'e guddaa gammadee,<<Har'a Waaqayyo isa ilma ogeessa saba guddaa kana bulchuu danda'u Daawitiif kenneef galanni haa ta'u!>> jedhe.
8Hiiraam dhaamsa kanatti aanee jiru Solomoonitti ergee,<<Dhaamsa ati anatti dhaammatte dhaga'eera; muka gaatirraa fi muka birbirsaa wanta si barbaachisu hundumaa siif nan kenna.
9Namoonni koo mukicha Liibaanonii gara galaanaatti gad in fidu; iddoo ati barbaadde akka siif ga'uuf walitti hiisisee bishaan irra buusee siif nan erga; achittis gargar nan hiiksisa, ati immoo iddoo sanaa ol fufuusifachuu in dandeessa; karaa kee immoo akka ati namoota mana kootiif nyaata kennitu si irraa nan fedha>> jedhe.
10Hiiraam akka kanatti muka gaatirraa fi muka birbirsaa Solomoon barbaade hundumaa in kenneef. 11Solomoon immoo qamadii kuntaala kuma afurii fi dhibba afur akkasumas dhadhaa ejersaa isa calalamaa liitrii kumaatama dhibba afurii fi kuma afurtama soora namoota mana Hiiraamiif in kenne; kanas wagguma waggaan itti fufee in kenneef. 12Waaqayyo akkuma isa abdachiisetti Solomooniif ogummaa in kenne; Hiiraamii fi Solomoon gidduu nagaatu ture; kanas waliif galanii kakachuu isaaniitiin in cimsan.
13Solomoon mootichi guutummaa biyya Israa'el keessaa namoota giddisiifamanii hojii humnaa hojjetan kuma soddoma walitti in qabate. 14Adoniiraam itti gaafatamaa namoota giddisiifamanii hojii humnaa hojjetanii ture; inni immoo namoota hojii humnaa hojjetan kana mana isaanii ji'a lama lama akka turan, Liibaanon keessa immoo ji'a tokko tokko akka taa'an godhe; akkasitti kutaa sadiitti isaan hiree, darabee darabee, ji'a ji'aan kuma kudhan kudhan Liibaanonitti in erge. 15Solomoon namoota ba'aa baatan kuma torbaatama, tulluu keessaa warra dhagaa cabsanii soofan kuma saddeettama qaba ture. 16Akkasuma immoo gurguddoota itti gaafatamoo hojichaa malee, namoota irra adeemanii hojjicha ilaalan kuma soddomaa fi dhibba sadii qaba ture. 17Isaan abboommii mootichaatiin hundee mana qulqullummaa kaa'uudhaaf dhagaa gati-jabeeyyii gurguddaa boolla keessaa qotanii baasanii soofanii in fidan. 18Ijaartuuwwan Solomoonii fi Hiiraam akkasumas namoonni biyya Gebaal warri harka toleyyiin manicha qulqullummaa ijaaruudhaaf muka murmuranii, dhagaas soofanii in qopheessan*.#18 His 27:9

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in