YouVersion Logo
Search Icon

Macaafa Moototaa Isa Duraa 11

11
Solomoon Mootichi Waaqayyo Irraa Gara Galuu Isaa
1Solomoon mootichi warra ormaa keessaa intaloota baay'ee in jaallate; inni intala mootii Gibxii malee, durba warra Mo'aab, durba warra Amoon, durba warra Edoom, durba warra Sidoon, durba warra Heet in fuudhe*. 2Isaan saba warra kaan warra Waaqayyo waa'ee isaaniitiif Israa'elootaan,<<Isaan yaada keessan gara waaqayyolii isaaniitti akka hin jal'ifnetti, intaloota keessan ilmaan isaaniitti hin heerumsiisinaa, ilmaan keessanis intaloota isaanii hin fuusisinaa!>> jedhe keessaa turan; Solomoon garuu isaan jaallatee, isaanitti in maxxane*. 3Solomoon durboota moototaa dhibba torba in fuudhe; saajjatoota immoo dhibba sadii qaba ture; dubartoonni isaa kunis yaada isaa karaa irraa in jal'isan. 4Solomoon yeroo dulloometti dubartoonni isaa yaada isaa gara waaqayyolii kan biraatti in jal'isan; kana irraa kan ka'e Solomoon akka abbaa isaa Daawit garaa isaa guutummaatti Waaqayyo gooftaa isaaf hin kennine. 5Inni yaada isaatiin Ashtaarot waaqayyittii tolfamtuu warra Sidoonii fi Moleek waaqayyo tolfamaa warra Amoonotaa isa ciiggaasisaa duukaa in bu'e. 6Solomoon fuula Waaqayyoo duratti wanta hamaa hojjete malee, akka abbaa isaa Daawit guutummaatti Waaqayyo duukaa hin buune.#1 Kes 17:17 2 Bau 34:11-16
7Solomoon yommus tulluu mandara Yerusaalem irraa gara ba'a-biiftuu jiruu irratti iddoo itti Kemosh waaqayyo tolfamaa warra Mo'aab isa ciiggaasisaaf, Moleek Waaqayyo tolfamaa warra Amoonotaa isa ciiggaasisaaf sagadan in ijaarsise*. 8Akkasuma inni dubartoota isaa warra biyya ormaatii fuudhe warra ixaana aarsanii waaqayyolii isaaniitiif aarsaa dhi'eessan hundumaafuu iddoo sagadaa in ijaarsise.#7 2Mot 23:13
9Solomoon sababii Waaqayyo gooftaa Israa'el isa si'a lama isatti mul'atee ture irraa yaada isaa deebiseef, Waaqayyo isatti in dheekkame. 10Inni waaqayyolii kan biraa duukaa akka hin buuneef, Waaqayyo isa abboomee ture; inni garuu wanta Waaqayyo isa abboome hin eegne. 11Waaqayyo kana irratti Solomooniin,<<Erga ati akkana gootee, kakuu anaa wajjin galtee fi seerrata koo isa ani si abboome cabsitee, ani dhugumaan mootummaa kee irraa cabsee, hojjetoota kee keessaa isa tokkoof nan kenna*. 12Haa ta'u iyyuu malee, ani bara ilma keetii keessan mootummaa kee irraa cabsa malee, sababii abbaa kee Daawitiif jedhee bara kee keessa kana hin godhu. 13Garuu sababii Daawit garbicha koo fi sababii mandara Yerusaalem ishee ani fo'adheefis jedhee, gosa tokko ilma keetiif nan kenna malee, mootummicha guutummaatti isa harkaa hin fuudhu>> jedhe.#11 1Sam 15:26,28
Solomoon Mootichatti Diinni Ka'uu Isaa
14Waaqayyo yommus sanyii mootota Edoom keessaa diina <<Hadaad>> jedhamu tokko Solomoonitti in kaase. 15Daawit warra Edoom lolee biyya isaanii yommuu qabate, Yo'aab angafni loltoota isaatii warra Edoom keessaa dhiirota hundumaa erga ajjeesee booddee, Israa'eloota duraan waraanamanii dhuman awwaaluudhaaf ol in ba'e*. 16Yo'aabii fi Israa'eloonni isa duukaa turan hundinuu warra Edoom keessaa dhiirota hundumaa raawwatanii hamma balleessanitti ji'a ja'a achi in turan. 17Bara sana Hadaad mucaa xinnaa ture; inni namoota Edoom hojjetoota abbaa isaatii warra gurguddoota keessaa muraasaa wajjin biyya Gibxiitti in baqate. 18Hadaadii fi namoonni isaa biyya Miidiyaanii ka'anii biyya Phaaraan in dhaqan; achii immoo namoota fudhatanii, gara Fara'oon mootii Gibxii in dhaqan; yommus mootiin Gibxii Hadaadiif mana, soora, lafas in kenneef. 19Hadaad fuula mootichaa duratti ayyaana waan argateef, mootichis obboleettii haadha manaa isaa Taahafenes mootittii isatti in heerumsiise. 20Obboleettiin Taahafenes Hadaadiif ilma in godhatte; maqaa isaas <<Genubaat>> jedhanii in moggaasan; Taahafenes mana mootii Gibxiitti Genubaatin in guddifte; innis ijoolleedhuma mootichaa wajjin in jiraate.#15 2Sam 8:14
21Hadaad utuu biyya Gibxii jiruu, Daawit mootichii fi Yo'aab ajajaan humna waraanaa isaa akka du'an yommuu dhaga'e,<<Gara biyya kootti akkan deebi'uuf<<Tole>> anaaf jedhi!>> jedhee mootii Gibxitti in dubbate. 22Mootiin Gibxii immoo,<<Na biraa maal dhabdee gara biyya keetti deebi'uu barbaadda?>> jedhee isa in gaafate; Hadaad immoo deebisee mootichaan,<<Lakkii homaa illee hin dhabne, garuu adeemuudhuman barbaadeetii<<Tole>> anaaf jedhi!>> jedhe.
23Waaqayyo ammas immoo diina kan biraa Rezon ilma Eliyaadaa, Solomoon mootichatti in kaase; Rezon kun isa gooftaa isaa Hadaad-Ezer mootii Zobaa jalaa baqatee dha*. 24Yommuu Daawit loltoota Zobaa fixe, Rezon namoota didanii ka'an ofitti dachaasee, geggeessituu isaanii in ta'e; inni namoota isaa wajjin Damaasqoo dhaqee in taa'e, isaan immoo achitti mootii isa in godhatan*. 25Rezon wanta hamaa Hadaad Israa'eloota irratti hojjete irratti dabalee guutummaa bara Solomoonitti Israa'elootatti diina in ta'e; inni biyya Sooriyaa irratti mootii ta'ee, Israa'eloota argaa isaanii in jibba ture.#23 2Sam 8:3-8 24 2Sam 8:18
Waaqayyo Yerobi'aamiif Abdii Kennuu Isaa
26Yerobi'aam ilmi Nebaatis immoo didee mooticha irratti in ka'e; Yerobi'aam kun sanyii Efreem keessaa nama Zeredaar; inni hojjetoota Solomoon warra gurguddoota keessaa tokko ture; haati isaa immoo Zeruwaa ishee abbaan manaa irraa du'ee turte. 27Sababiin Yerobi'aam didee Solomoon mooticha irratti ka'eef kanatti aanee kan jiruu dha; Solomoon miiloo ijaaree, dallaa mandara abbaa isaa Daawit isa caccabe deebisee in haaresse. 28Yerobi'aam loltuu jabaa ture; Yerobi'aam kun dargaggeessa dhimmee hojii isaa hojjetu akka ta'e Solomoon yommuu arge, qomoo Yoseef keessaa warra giddisiifamanii hojii humnaa hojjetan irratti gaafatamaa akka inni ta'u in godhe.
29Gaaf tokko Yerobi'aam mandara Yerusaalemii ba'ee utuu adeemuu, Ahiiyaan raajiin Shiiloo uffata haaraa uffatee, karaa gubbaatti isatti in dhufe; lachuun isaaniis kophaa bakkee keessa turan. 30Ahiiyaan uffata haaraa uffatu sana of irraa fuudhee, iddoo kudha lamatti tatarsaasee, 31Yerobi'aamiin,<<Ati ofii keetii erbee kudhan fudhadhu! Waaqayyo gooftaan Israa'el,<<Kunoo, ani mootummaa Solomoon irraa cabsee biyya gosa kudhanii siif nan kenna*; 32haa ta'u iyyuu malee garbicha koo Daawitiif, mandara Yerusaalem ishee ani mandaroota gosa Israa'el hundumaa keessaa fo'adheefis jedhee gosa tokko duwwaa isa harkatti nan hambisa*. 33Sababii inni ana irraanfatee Ashtaarot waaqayyittii tolfamtuu warra Sidooniif, Kemosh Waaqayyo tolfamaa warra Mo'aabiif, Moleek Waaqayyo tolfamaa warra Amoonotaafis sagadeef ani kana nan godha; inni akka Daawit abbaa isaatii wanta ana duratti qajeelaa ta'e hin goone, karaa koo irra hin adeemne, seerrata koo fi abboommii koo hin eegne*.#30-31 1Sam 15:27-28 32 11:13 33 11:5-7
34<< <Garuu sababii Daawit garbicha koo isa ani fo'adhe, isa abboommota koo fi seerrata koo eegeef jedhee, Solomoon hamma dhuma jireenya isaatiitti guutummaatti mootummaa isaa irratti akka mo'u godheera, isa harkaas hin fuudhu; 35garuu mootummaa ilma isaa irraa cabsee biyya gosa kudhanii siif nan kenna. 36Maqaan koo akka ittiin waamamuuf mandara Yerusaalem ishee ani fo'adhe keessatti sanyii Daawit garbicha koo keessaa namni tokko yeroo hundumaa teessoo mootummaa isaa irraa fuula koo duraa akka hin dhabamneef, ani ilma isaatiif gosa tokko nan kenna*. 37Haa ta'u iyyuu malee, ani sin kaasa, akkuma garaan kee hawwee tures gosoota Israa'el kurnan kana hundumaa irratti mootii in taata. 38Daawit garbichi koo akkuma godhe, atis abboommota koo fi seerrata koo eeguudhaan, wantan si abboome hundumaa yoo goote, karaa koo irra yoo adeemte, wanta ana duratti qajeelaa ta'es yoo goote, yommus ani sii wajjin nan ta'a; akkuman mootummaa Daawit jabeesse mootummaa kees immoo nan jabeessa, Israa'elinis siif nan kenna*. 39Sababii cubbuu Solomooniif ani sanyii Daawit gad nan deebisa, garuu hamma bara baraatti miti>> jedha>> jedhe*.#36 15:4-5; 2Sam 8:19 38 9:4; 2Sam 7:16 39 His 37:15-24
40Solomoon kana irratti Yerobi'aamin ajjeesisuu in yaale; Yerobi'aam garuu ka'ee biyya Gibxiitti Shiishaaq mootichatti baqatee, hamma Solomoon du'utti achi in taa'e*.#40 14:25-26
Solomoon Mootichi Du'uu Isaa
(2Sen 9:29-31)
41Kana malees wanti Solomoon bara mootummaa isaa keessa hojjete hundinuu, ogummaan inni argisiises macaafa seenaa mootummaa isaatii keessatti caafamee jira mitii ree*>> 42Solomoon Yerusaalem keessa taa'ee, guutummaa saba Israa'el irratti waggaa afurtama in mo'e. 43Kana booddee Solomoon du'ee, mandara Daawit abbaa isaatii keessatti in awwaalame; Rehobiyaam ilmi isaa immoo mootii ta'ee iddoo isaa in bu'e.#41 2Sen 9:29-31

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in

Videos for Macaafa Moototaa Isa Duraa 11