Macaafa Moototaa Isa Duraa 10
10
Mootuun Biyya Sheebaa Solomoon Mooticha Dubbisuu Ishee
(2Sen 9:1-12)
1Moottuun biyya Sheebaa oduu Solomoon isa Waaqayyo ittiin ulfina argatuu yommuu dhageesse, gaaffii cimaadhaan qortee isa ilaaluudhaaf gara isaa in dhufte*. 2Isheen namoota baay'ee fudhattee, urgooftuu garaa garaa warqee fi dhagaa gati-jabeeyyii danuu gaalotatti feesifattee Yerusaalemin yommuu geesse, gara Solomoon mootichaa dhaqxee, wanta garaa isheetti yaadde hundumaa isaa wajjin in dubbatte. 3Yommus Solomoon gaaffii isheen gaafatte hundumaaf deebii in kenne; wanti mootichi isheedhaaf deebisuu dadhabe tokko illee hin turre. 4Mootuun biyya Sheebaa ogummaa Solomoon hundumaa yommuu argite, mana mootummaa inni ijaare, 5nyaata maaddii isaatti dhi'aatu, akka itti hojjetoonni isaa warri gurguddoonni taa'an, akka itti namoonni isaaf ergaman uffatanii dhaabatan, warra dhugaatii isaaf dhi'eessan akkasumas Solomoon gara mana qulqullummaatti ol ba'ee qalma gubamu utuu dhi'eessuu yommuu argite dinqisiifattee hafuurri ishee gargar in cite.#1 4:34; Mat 12:42
6Yommus isheen mootichaan,<<Inni ani waa'ee hojii keetii fi waa'ee ogummaa keetii biyya kootti dhaga'e dhugaa dha. 7Garuu hamma ani ofii kootii dhufee ija kootiin isa argutti dubbii kana amanuu hin dandeenye; kunoo, walakkaadhumti isaa iyyuu anatti hin himamne; ati isan dhaga'e caalaa ogummaa fi badhaadhummaa baay'ee qabda. 8Namoonni kee attam haa gammadan! Hojjetoonni kee warri gurguddoonni warri yeroo hundaa si bira jiran, jecha kee isa ogummaadhaan guute yommuu dhaggeeffatan hammam haa gammadan! 9Waaqayyo gooftaan kee inni si jaallatee teessoo saba Israa'el irra si kaa'e haa jajamu! Waaqayyo jaalala bara baraatiin saba Israa'el waan jaallateef, ati firdii qajeelaa akka kennituuf, wanta isa duratti fudhatamaa ta'e akka hojjettuuf si moosise>> jette*. 10Kana booddee isheen warqee akka kuntaala afurtamaa, urgooftuu garaa garaa danuu akkasumas dhagaa gati-jabeeyyii Solomoon mootichaaf in kennite; ergasii mootichi urgooftuu hamma mootuun biyya Sheebaa isaaf kennite baay'atu argatee hin beeku.#9 5:7
11Markaboonni Hiiraam warri biyya Ofiirii warqee fidan, muka sandalii baay'ee fi dhagoota gati-jabeeyyii baay'ees immoo in fidan*. 12Mootichi yommus mana qulqullummaa fi mana mootummaafis muka sandalii irraa tuggeewwan in tolchisiise; faarfatootaafis immoo muka sandalii irraa kiraaraa fi maseenqoo in tolchisiise; erga barasiitii mukti sandalii hammana baay'atu biyya Israa'elitti takkaa galfamee yookiis argamee hin beeku. 13Yommus Solomoon mootichi mootuu biyya Sheebaatiif kennaa isa ofii isaatii kenneef irratti dabalee, waanuma garaan ishee hawwee isa kadhatte hundumaa in kenneef; kana booddee isheen namoota ishee wajjin gara biyya isheetti in deebite.#11 9:26-28
Badhaadhummaa Solomoon
(2Sen 9:13-29)
14Solomoon mootichi waggaa waggaatti warqee akka kuntaala dhibba lamaa fi digdamii ja'aa miijanu in argata ture. 15Kana malees, naggaadonni gurguddoonnii fi naggaadonni warri kaan, mootonni biyya Arabaa hundinuu fi bulchitoonni biyyichaa gibira isaaf in baasu turan.
16Solomoon mootichi gaachana gurguddaa dhibba lama warqee qullaa'aa irraa in hojjechiise; tokkon tokkon gaachanichaa warqee akka kiilo graamii sadii fi walakkaa miijanuun in hojjetame. 17Akkasumas gaachana xixinnaa dhibba sadii warqee qullaa'aa irraa in hojjechiise; tokkon tokkon gaachanichaa warqee akka kiilo graamii lamaa miijanuun in hojjetame; mootichi gaachanoota kana hundumaa kutaa mana mootummaa isa <<Caakkaa Liibaanon>> jedhamu keessa in keessise*. 18Kana booddee mootichi teessoo guddaa tokko ilka arbaa irraa hojjechiisee, warqee ba'eessa itti in uffisiise. 19Teessichi buusaa ja'a qaba ture; mataan irkoo isaatii gara dugda duubaatti gara galaa dha; bukkee isaa garasii fi garanaan immoo wanta harka irra kaa'atan qaba ture; bukkee wanta harka irra kaa'atan sana lamaaniitiin immoo fakkaattii leencaa lamatu dhaabamanii jiru. 20Fiixee buusaa ja'aan garasii fi garanaan fakkaattii leencota kudha lamaatu dhadhaabata ture; wanti akkasii mootummaa isa kam keessatti illee takkaa hojjetamee hin beeku.#17 7:2
21Qodaan dhugaatii Solomoon mootichaa hundinuu fi qodaan mana mootummaa isa <<Caakkaa Liibaanon>> jedhamu keessa jiran hundinuu warqee qullaa'aa irraa hojjetaman; bara Solomoon keessa meetiin gatii guddaa waan hin qabneef, homtuu ittiin hin hojjetamne. 22Solomoon mootichi markaboota ittiin nagadan#1Mot 10:22 <<Markaboota ittiin nagadan>> yookiis <<Biyya Tarshiish?. qaba ture; isaan markaboota Hiiraamii wajjin nagadaaf galaana irra in deddeebi'u turan; markaboonni sunis waggaa sadiitti al tokko warqee, meetii, ilka arbaa, qamalee fi jaldeessa in fidu turan.
23Solomoon mootichi ogummaa fi badhaadhummaadhaan mootota saba lafa irraa warra kaan hundumaa in caala ture. 24Sabni lafa irraa hundinuu ogummaa Waaqayyo Solomooniif kenne dhaga'uudhaaf in hawwu turan. 25Warri isa bira dhufan hundinuu mi'a meetii fi warqee irraa hojjetame, uffata, mi'a waraanaa, urgooftuu akkasumas fardeenii fi gaangolii fidanii in kennuuf turan; kunis wagguma waggaan ittuma in fufe.
26Solomoon konkolaattotaa fi abboota fardeenii baay'ee walitti in qabate; inni konkolaattota kuma tokkoo fi dhibba afurii fi abboota fardeenii kuma kudha lama qaba ture; isaan kana keessaa gar tokko mandaroota konkolaattonni keessa kaa'aman keessa, gara kaan immoo of bira Yerusaalem mandara mootii keessa in kaa'e*. 27Bara mootummaa isaa keessa Yerusaalem keessatti meetiin akkuma dhagaa akka baay'atu, gaatirraanis akka mukti harbuu biyya gaara jalaatti baay'atu akka baay'atu in godhe*. 28Solomoon mootichi fardeen isaa biyya Gibxii fi biyya Qiliiqiyaa keessaa in fichisiise; naggaadonni isaa biyya Qiliiqiyaa keessaa bitanii in fidu turan*. 29Konkolaataa tokko meetii akka kiilo torbaa miijanuun, farda tokko immoo meetii akka kiilo tokkoo fi walakkaa miijanuun biyya Gibxii keessaa in bitu, dabarsaniis mootii Heetotaa fi mootii Sooriyaatti in gurguru turan.#26 4:26 27 Kes 17:17 28 Kes 17:16
Currently Selected:
Macaafa Moototaa Isa Duraa 10: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.