YouVersion Logo
Search Icon

Wongeela Maarqoosii 15

15
Yesuus Philaaxoos Duratti Dhikeeffame
(Mat 27:1, 2, 11-14; Luq 23:1-5; Yoh 18:28-38)
1Barii halkaniin Moototi hayyootaa: maanguddoota, barsiisoota Seera Muuse'eetii fi kora mura'aa duudii woliin mari'atane. Achiin duuba isaan Yesuus hidhanee, geessanee, Philaaxoositti dabarsanee kennane. 2Philaaxoos, “Ati mootii Yihudootaa tii?” jedhee isa gaafate.
Yesuus, “Maarre atuu jette” jedhee deebiise.
3Moototi hayyootaa waan heddu'uun isa himatane. 4Philaaxoos ammalle, “Me waan hedduu si himatane kana ilaali! Ati womaa hin deebittuu?” jedhee Yesuus gaafate. 5Yesuus ammoo, ammallee womaa hin deebiinne; Philaaxoos waan kana baaseffate.
Yesuusitti Du'a Murane
(Mat 27:15-26; Luq 23:13-25; Yoh 18:39--19:16)
6Yennaa Jila Irra Dabaramaa, Philaaxoos worra hidhamane keessaa nama tokkocha, ka kolbaan gaafatte aadaa hiiku qaba. 7Yennaa san worra alagalaa nageya booressiisaan nama ijjeessanee hidhamane keessaa namichi Barabbaa jedhamu tokko jira. 8Gumiin wolitti qabantee, Philaaxoos akkuma qara tolchu akka tolchuuf yennaa gaafatte, 9inni, “Isin akka ani mootii Yihudootaa isinii hiikuuf barbaaddanii?” jedhee isaan gaafate. 10Inni moototi hayyootaa akka Yesuus hinaaffa'aan dabarsanee isatti kennane beekeera.
11Moototi hayyootaa ammoo, Philaaxoos addee isaa Barabbaa akka isaanii lakkisu gumiin akka gaafattuuf tirtirsane. 12Philaxoos ammalle, “Namicha isin Mootii Yihudootaa jettanu maan tolcha ree?” jedhee gumii gaafate.
13Isaan, “Isa fannisi!” jedhanee hogisane. 14Philaaxoos, “Maaf akkana jettan? Maan yakke?” jedhee gaafate.
Isaan ammoo, “Isa fannisi!” jedhanee guddisanee hogisane. 15Philaaxoos gumii gammachiisu'uuf barbaadee, Barabbaa isaaniif hiike. Achiin duuba inni Yesuus liche'een dhaansisee akka fannifamuuf dabarsee kenne.
Loltooti Yesuusitti Taphatane
(Mat 27:27-31; Yoh 19:2, 3)
16Loltooti Yesuus gara moonaa galma mooti'ii keessa geessanee, loltoota san keessaa worra hafanelle waamanee wolitti qabane. 17Isaan woyaa dhiillee itti uffisane, dameelee qore'eetiin kallacha hujanee mataa isaatitti keyane. 18Achiin duuba isaan, “Mooti Yihuddootaa jiraadhu!” jedhaa isa nageya fuudhane. 19Isaan mataa Yesuusii ule'een dhaananee, hancufa itti tufanee, akka waan isa ulfeessanuu sobanee duratti jilbiifatanee, isaa sagadane. 20Isaan itti taphaataneen duuba woyaa dhiillee san irraa baasanee, woyaa isaa deebisanee itti uffisane. Achiin duuba gad baasanee fannisiisaaf isa geessane.
Yesuus Fannifame
(Mat 27:32-44; Luq 23:26-43; Yoh 19:17-27)
21Isaan namicha biyya Qareena'aa tokko, ka Simoon jedhamu, abbaan Iskindrosiitii fi Ruufoosii, ficha'aa gara qacha'aa adoo dhufuu qabanee fannoo Yesuusii akka ba'atu hunnaan tolchane. 22Isaan Yesuus gara Golgootaa, addee “Buqqee mata'aa” jedhantu geessane. 23Achiitti daadhii woyni'ii qumbi'iin makanee Yesuusiif kennane; inni ammoo unuu didate. 24Achiin duuba isaan Yesuus fannisanee, woyaa isaa eennu fa'a akka geettu beekiisaaf hixaa buufataa qoqoodamane. 25Yennaan isaan Yesuus fannisane sun barii sa'aati sadi. 26Beessisi yakka inni itti himatamee, “Mooticha Yihudootaa” jedha. 27Isaan alagaltoota#15:27 alagaltoota: shittoota lamaan, tokkocha middaan, tokkocha bita'aan Yesuus woliin fannisane. [28Akka kanaan Baarreefam Woyyichi, “Inni yakkaameyyii woliin lakkowame” jedhu muummaye.] 29Worri achiin dabaranu, mataa ifi raasaa, “Hay! Ati Galma Waaqaa diiddee guyyaa saditti deebittee ka ijaartu! 30Me ifi fayyisiitii fannoo irraa gad bu'i!” jedhaa yesuus arrasane. 31Akkasuma moototi hayyootaatii fi barsiisoti Seera Muuse'ee Yesuusitti taphatane. Isaan wol woliin, “Inni worra dhibii fayyiseera, mataa ifii ammoo fayyisiisa hin dande'u! 32Inni Masiihii, Mootii Israa'eli yoo te'e, fannoo irraa ifi buusuu ti! Achiin duuba nuutille dhagginee isatti dhugeeffana!” jedhane.
Jarri lamaan Yesuus woliin fannifamanelle isa arrasane.
Du'a Yesuusii
(Mat 27:45-56; Luq 23:44-49; Yoh 19:28-30)
33Orraa sa'aatii ja'aan jalqabee, haga sa'aatii sagalii latti duudiin dukkanootte. 34Sa'aatii sagalitti Yesuus, “Elo'ii, Elo'ii, lamaa sabaktanii?” jedhee qoonqoo gudo'oon iyye; akkas jechuun, “Waaqa Kiyya, Waaqa Kiyya, maaf ana lakkittee?” jechu'u. 35Worra achi dhaabbataneeranu keessaa gariin kana dhage'anee, “Dhage'aa, inni Eliyaasi waamiisatti jira” jedhane. 36Isaan keessaa tokkochi fiigee, ispoonjii#15:36 ispoonjii: waan nafaan bisaan xuuxu daadhii woyni'iii dhangaggoottu'uutti cuuphee, qaccee ule'eetitti keyee, akka unuuf ol Yesuusitti qabee, “Eegi me! Eliyaas dhufee fannoo irraa akka isa buusu ilaallaa!” jedhe. 37Yesuus qoonqoo guddo'oon iyyee du'e. 38Gollaan Galma Waaqaa keessatti gollaneeranu gubbaa haga gadii addee lamatti tarsa'e. 39Ajajaan dhibbaa, ka achi fannoo Yesuusii dura dhaabbateeru, akka inni itti du'e dhage'ee, “Dhugumaan, nami kun Ilma Waaqaa ti” jedhe.
40Dubartooti gariin fagaattanee ilaalisatti jiraniiyyu. Isaan keessaa Maaryamii Magdalaa, Maaryamii haadha Yaaqoobii maandhichaatii fi Yoose'ee, Saloomeelle achi jiran. 41Isaan yennaa inni Galiilaa jiru isa hordofanee, isa tajaajilane. Dubartooti dhibiin ta isa woliin gara Yerusaalemii dhufanelle achi jiran.
Yesuus Awwaalame
(Mat 27:57-61; Luq 23:50-56; Yoh 19:38-42)
42Guyyaa, guyyaa Sanbataatiin duraa, gaafa qopheeffata Yihudootaa gara galgalaa, 43Yoseefiin qachaa Armaatiya'aa ka miseensa kora murtii Yihudootaa keessatti ulfaata'aa fi dhufa mootumaa Waaqaa eegatiisatti jiru dhufee, gadhaa jabbeennaan Philaaxoos dura dhikaatee reeffa Yesuusii akka isaa kennuuf gaafate. 44Philaaxoos akka Yesuus qaata du'e yennaa dhage'ee maadeffate. Inni ajajaa dhibbaa waamee akka Yesuus du'eeru isa gaafate. 45Philaxoos ajajaa dhibbaa irraa oduu fuudheen duuba, reefa Yoseefiif kenne. 46Yoseef woyaa qoola bitee reeffa Yesuusii faannoo irraa buusee, itti maree, boolla awwaalaa ka dhakkaa keessatti bocamee qophoyeerutti awwaale. Achiin duuba dhakaa guddaa gangalchee afaan boollaa duuche. 47Maariyaamiin qachaa Magdala'aatii fi Maariyaamiin haati Yoseefii addee reeffi Yesuusii itti awwaalame hubatanee dhaggane.

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in