YouVersion Logo
Search Icon

Wongeela Maarqoosii 12

12
Mammaassa Qottee Bultoota Fichaa Woyini'ii
(Mat 21:33-46; Luq 20:9-19)
1Achiin duuba Yesuus isaanitti mammaakee, “Namichi tokko muka woyini'ii fichaa ifiititti dhaabee, dalleya itti marsee ijaaree, boolla midhaan isi'ii itti cunfu qotee, xelleephoo irra tee'anee eeganu ijaare. Achiin duuba qottee bultootatti kireessee, biyya san lakkisee deeme. 2Yennaan midhaan muka woyini'ii guuranu geennaan, midhaan fudhatiisaaf hojjataa tokko gara qottee bultoota ifii erge. 3Qottee bultooti sun isa qabanee, dhaananee harka duwwaa ari'ane. 4Abbaan muka woyini'ii ammalle hojjataa dhibii gara isaanii erge; qottee bultooti mataa isaa dachanee#12:4 dachanee: fadhaansanee qaanessane. 5Abbaan muka woyini'ii ammalle hojjataa dhibii gara isanii erge; isalle ijjeesane; worra dhibiille akkuma kana kaan dhaananee, kaan ijjeesane. 6Abbaan muka woyini'ii ilma guddoo jaalatu tokko qaba. Muummee irratti, ‘Ilma kiyya hin ulfeessan’ jedhee, isa gara isaanii erge. 7Qottee bultooti sun ammoo, ‘Ka abbaa fichaa muka woyini'ii dhaalu isaa kana; kowa'a isa ijjeennaa, dhaalli nu'uuf te'a’ woliin jedhane. 8Maarre isaan ilma abbaa fichaa muka woyini'ii qabanee ijjeesanee, fichaa woyini'ii keessaa alatti qolaansane.
9“Yoona abbaan fichaa muka woyini'ii maan godha ree? Inni hin dhufa; qottee bultoota san hin ijjeesa; fichaa muka woyini'ii san, worra dhibi'itti hin kennata. 10Isin Barreeffama Woyyicha keessatti ‘Dhakaan worri mana ijaaru tuffate, dhakaa dhakaa mara caalaa barbadamu te'e. 11Wonni kun waan Goottaan tolche; ila teennalle'etti waan baasaa ti;’ ta jettu hin dubbinnee?” jedhee gaafate. 12Bulchitooti Yihudootaa mammaasa kana akka Yesuus isaaniif mammaake beekanee, isa qabiisaaf barbaadane; ammoo gumii waan sodaataneef isa lakkisanee deemane.
Gaaffii Marroo Kaffaliisa Gibraa
(Mat 22:15-22; Luq 20:20-26)
13Isaan waan inni dubbatuun isa xaqaruuf jedhanee, worra Fariisaayotaatii fi golii Heroodisii keessaa jara tokko Yesuusitti ergane. 14Worri ergamane dhufanee, “Barsiisa'a! Akka ati dhugaa dubbattu nuuti hin beenna; nama tokkolle hin sodaattu; karaa Waaqaa dhuga'aan barsiitta malee, nama wol hin caalchittu. Mooticha mootota worra Rooma'aatiif gibra kaffaluun seera moo seeraa moti? Hin kaffalla moo hin kaffallu?” jedhaneen.
15Inni ammoo kijiba isaanii beekee, “Isin maaf ana xaqariisaaf wodhaantan? Me hin ilaalaa, beesee san fida'a!” jedheen.
16Isaan beesee itti finnaan, “Misili'ii fi maqaan irra jiru kun ka eennuuti?” jedhee gaafate. Isaanille, “Ka mooticha mootota worra Rooma'aa ti” jedhaneen.
17Maarre Yesuus isaaniin, “Ka mootichaa mootichaaf, ka Waaqaa Waaqaaf kenna'a!” jedhe; isaanille isa baaseffatane.
Gaaffii Marroo Du'aa Ka'iisaa
(Mat 22:23-33; Luq 20:27-40)
18Saduqooti gariin, worri du'aa ka'iisi hin jiru jedhanu gara Yesuusii dhufanee, 19“Barsiisa'a! Muuseen, ‘Nami tokko niitii fuudhee adoo hin uumatin yoo isii irraa du'e, obboleessi isaa dubartii san dhaalee sanyii obboleessa ifiitiif dabarsuu ti!’ jedhee Seera keessatti nu'uuf barreesseera. 20Obboleeyyan torbaan tokko jiran; angafichi isaanii niitii fuudhee ijjoollee adoo hin uumatin du'e. 21Obboleessi isatti aanulle dubartuma san dhaalee, ijoollee adoo hin uumatin du'e; obboleessi sadeesso'oolle akkasuma isii dhaalee irraa du'e. 22Isaan torbaanuu dubartuma san fuudhanee, ammoo ijoollee adoo hin uumatin irraa du'ane. Muummee irratti dubartiin sunille duute. 23Isaan torbaanuu niitumma'aan isii fuudhaneeranii, guyyaa worri du'ane ka'anu isaan keessaa kamiif niitii teeti?” jedhanee isa gaafatane.
24Yesuus isaaniin, “Isin akka malee dokonkortane! Maaf akka teete beettanii? Wonni akkana teeteef, isin Barreeffama Woyyicha yookiin hunna Waaqaa hin beettanu. 25Yennaa worri du'ane ka'anu, isaan akka ergantoota ol-gubba'aa te'an malee, hin fuudhanu, hin heerumanulle'e. 26Marroo ka'iisa worra du'anee: Kitaaba Muuse'ee keessatti addee waan tusee gubattuu dubbattu hin dubbinee? Achitti ta barreeffante, Waaqi Muuse'een, ‘Ani Waaqa Abraamii, Waaqa Yisaaqiitii fi Waaqa Yaaqoobii ti’ jedhe. 27Inni Waaqa worra jira'aati malee, Waaqa worra du'a'aatii moti. Isin akka malee dokonkortane.
Ajaja Guddicha
(Mat 22:34-40; Luq 10:25-28)
28Barsiisota Seera Muuse'ee keessaa tokko yennaa isaan wol mormanu achi jira. Yesuus deebii dansaa akka deebiseef dhaggee, gara isaa dhufee, “Ajaja mara keessaa guddichi kam?” jedhee Yesuus gaafate. #Luq 10:25-28
29Yesuus, “Ajaji guddichi, ‘Israa'el, dhage'i! Goottaan Waaqi keenna Goottaa tokkocha. 30Goottaa Waaqa keeti gadhaa keeti tokkochan, lubbuu teeti takkatti'iin, qalbii teeti takkatti'iin, hunna teeti takkatti'iin’ jaalladhu. 31Ajaji guddichi lammeesso'oo, ‘Nama mara akka mataa keetii jaalladhu’ ka jedhu kana. Ajaji guddichi isaan lamaan kana caalu ka dhibiin hin jiru’ ” jedhe.
32Barsiisaan Seera Muuse'ee Yesuusiin, “Barsiisa'a! Dansaa dubbatte; ‘Goottaa Waaqa tokkocha malee, Waaqi dhibiin hin jiru’ jettee ka dubbate dhuga'a. 33Waaqa gadhaa tokkochaan, qalbii takkatti'iin, hunna takkatti'iin jaallatiisii fi ollaa ifii akka mataa ifii jaallatiis, woreega ciinca'aatii fi woreega dhibii Waaqaaf dhiyeessuu caala” jedhe. 34Yesuus akka inni qarumma'aan deebise dhaggee, “Ati mootummaa Waaqaa irraa fagoo hin jirtu” jedheen. Eegii san nami tokkolle gaaffii dhibii isa gaafatiisaaf itti hin gamne.
Gaaffii Marroo Masiihii
(Mat 22:24-46; Luq 20:41-44)
35Adoo Galma waaqaa keessatti barsiisiisatti jiruu, “Attamiin barsiisoti Seera Muuse'ee, ‘Mesiihiin ilma Daawwitii ti’ jechuu dande'an? 36Ayyaanni Woyyichi akka Daawwit, ‘Waaqi Goottaa kiyyaan, diinota keeti miila keeti jalatti, haga Ani si'iif kewutti, midda kiyyatti tee'i’ jedhu'uuf akeekeera. 37Daawwit ifiifuu, ‘Goottaa kiyya’ jedhee yoo isa waame, attamiin Mesiihiin ilma Daawwitii te'uu dande'a?” jedhee gaafate.
Gumiin guddoon gammadaan isaa dhageette.
Yesuus Barsiisota Seera Muuse'ee Irraa Ifii Eeggachise
(Mat 23:1-36; Luq 20:45-47)
38Yesuus adoo isaan barsiisuu, “Barsiisota Seera Muuse'ee, ka woyaa dheertuu uffatanee asii fi achi deemaa, addee dikko'ootitti akka nageya ulfinnaa isaan fuudhanu jaallatanu, 39Mana Waaqeffannaa Yihudootaa keessatti barcumaa duraa, lafa jilaatitti addee ulfinnaa, worra filatu irraa ifi eeggadha'a! 40Isaan daadimata dheertuu daadimatanu mudhisiisaan, mana haadhotii hiyyeessaa#12:40 haadhotii hiyyeessaa: dubartoota abbootiin worraa irraa du'ane sossanee itti aallatiisaaf dheeressanee daadimatan” jedhe.
Kennaa Haadha Hiyyeessaa
(Luq 21:1-4)
41Yesuus Galma Waaqaa keessatti cinaa subba kennansa keessa buusanuu tee'ee, akka kolbaan beesee ifii keessa buuttu ilaale. Dureeyyiin hedduun beesee guddoo keessa buutte; 42achiin duuba haati hiyyeessaa hiyyeettiin takka dhuttee beesee sibiila diima'aa didiqqoo lamaan, ta gatiin isi'ii akka malee diqqo'oo keessa buutte. 43Yesuus barattoota ifii waamee, “Ani dhugumaan isinitti hima! Haati hiyyeessaa hiyyeettiin tun worra dhibii mara caalaa subba kennansaa keessa buutte jedhe. 44Worri dhibiin qabeenna guddaa qabanu irraa ka hafe subba keessa buusane; isiin ammoo adoo hiyyeetti'iituu, waan qaddu mara ka ittiin bultu subba san keessa buutte” jedhe.

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in