Wongeela Maarqoosii 11
11
Yesuus Ulfinna Gudda'aan Yerusaalem Seene
(Mat 21:1-11; Luq 19:28-40; Yoh 12:12-19)
1Isaan akkuma Yerusaalemitti dhikaataneen, Betfaage'ee fi Bitaaniya'atti, gaara Ejersaa bira geyane. Yesuus barattoota ifii keessaa nama lamaaniin, 2“Gara ollaa isiniin dura jiruu dhaqa'a; akkuma achi geettaneen ilmayyoo harre'ee mandiida#11:2 mandiida: ijjumaa ka irra tee'anee hin beenne hidhameeruun hin dhaggitan; hiika'aatii as fida'a. 3Eennulle ‘Maaf hiittan?’ jedhee yoo isin gaafate, ‘Gootta'atti barbaada; inni adoo hin turin hin deebisa’ jedha'aan” jedhee erge.
4Maarre isaan dhaqanee, ilmayyoo harre'ee balbala tokko duratti, karaa qarqaratti hidhameeruun dhaggane. Adoo isaan hiikiisatti jiranuu, 5worra achi dhaabbataneeranu keessaa namooti gariin, “Maaf ilmayyoo harre'ee hiittan?” jedhanee isaan gaafatane. 6Barattootille waan Yesuus jedhe isaanitti himane; isaanille lakkisane. 7Barattooti ilmayyoo harre'ee gara Yesuusii fidanee, woyaa ifii harree irra buusane; innille irra tee'e. 8Nami hedduun uffana ifii, worri dhibiin dameelee baalaa raaqaa caccasanee karaa irratti afane.
9Worri dura ideemanuu fi worri duubaan hordofanu, “Hosaa'inaa!#11:9 Hosaa'inaa: Hossa'inaa jedhuun fayyissi jechuu yennaa te'u, asitti ammoo Waaqi galatoomu yookiin hashuu yaada jedhulle qaba maqaa Gootta'aatiin ka dhufu ka eebbifame! 10Mootummaan abbaa keenna Daawwitii ta dhuttu ta eebbifante! Ol-gubba'atti Hosaa'inaa!” qoonqoo guddo'oon jedhane.
11Yesuus Yerusaalem geyee, Galma Waaqaa dhaqee, waan adaala sanii mara ilaale. Ammoo waan dhiiteertuuf barattoota ifii kudhanii lamaan wolii gara Bitaaniya'aa dhaqe.
Yesuus Muka Harru'uu Tokko Abaare
(Mat 21:18-19)
12Guyyaa lammeesso'oo yennaa isaan Bitaaniya'aa deebi'anu Yesuus beelaye. 13Inni harru urruuba takka fago'otti dhaggee, midhaan irraa dhaggadhaa laati jedhee, ilaaliisaaf dhaqe. Ammoo inni yennaa isii bira geye, yennaan sun yennaa harruun midhaan buuttu waan te'uu dhabeef, baala malee waan tokkolle irraa dhabe. 14Maarre Yesuus harruu saniin, “Eennulle ijjumaa deebi'ee midhaan si irraa hin nyaatin!” jedhe. Barattooti isaalle waan inni jedhe kana dhage'ane.
Yesuus Gara Galma Waaqaa Dhaqe
(Mat 21:12-17; Luq 19:45-48; Yoh 2:12-22)
15Yennaa isaan Yerusaalem geyane, Yesuus gara Galma Waaqaa dhaqee, worra Galma Waaqaa keessatti wo bituu fi gurguratu mara gad yaase. Inni Xarapheessaa worra birrii jijjiiratuutii fi barcumaa worra saphaliisa gurguratuu garaggaggalchee, 16eennulle dalleya Galma Waaqaa keessa meya tokkolle ba'atee akka hin qaxxaamurre dhoogge. 17Achiin duuba inni, “ ‘Manni kiyya gosa maraafuu mana daadimataa te'a’ jedhamee barreeffameera. Isin ammoo goda hattuun itti dhokattu tolchitane” jedhee kolbaa barsiise.
18Moototi hayyootaatii fi barsiisoti Seera Muuse'ee, waan Yesuus jedhe dhage'anee, mala isa ittiin ijjeesanu barbaadiisatti ka'ane. Waan gumiin barsiisa isaa akka malee baasseffateertuuf, isaan isa sodaatane.
19Galgala san, Yesuusii fi barattooti isaa qacha'aa bayane.
Gogiisa Muka Harru'uu
(Mat 21:20-22)
20Guyyaa lammeesso'oo ganama, adoo karaa san dabaranuu, harruun hidda isi'ii mara woliin goddeertuun dhaggane. 21Pheexroos waan Yesuus harru'uun jedheeru qaabatee, “Barsiisa'a, ilaali! Harruun ati abaarte goddeerti” Yesuusiin jedhe.
22Yesuusille deebisee, “Waaqatti dhugeeffadha'a. 23Dhugumaan isiniin jedha; eennulle gadhaa ifiititti adoo hin mamin gaara kanaan, ‘Asii ka'iitii, gara abbaaya'aa ifi darbi!’ yoo jedhe, wonni inni jedhulle akka teetuuf yoo dhugeeffate, wonni sun isaaf hin teeti. #Mat 17:23; 1Qor 13:2 24Tanaaf ani isinitti hima; yennaa daadimattanuu fi waan tokko gaafattanu, akka fudhattaneetitti dhugeeffadha'a; wonni gaafattanu mara isiniif hin kennama.
25Yennaa daadimatiisaaf kaatanee dhaabbattanu, abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru yakkaa keesssan akka isinii araaramu, eennulle irratti quuqaa yoo qabaattane araarama'a. #Mat 6:14-15 [ 26Ammoo yoo isin namaa araaramuu diddane, abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru yakkaa keessan isinii hin araaramu]#11:26 woraabbiin gariin laakkossa 26 hin qabanu” jedhe.
Gaaffii Marroo Baallii Yesuusii
(Mat 21:23-27; Luq 20:1-8)
27Isaan ammalle Yerusaalemitti deebi'ane. Yesuus Galma Waaqaa keessa adoo deddeemuu, moototi hayyootaa, barsiisoti Seera Muuse'eetii fi jaarsoleen gara isaa dhufanee, 28“Waan kana mara tolchiisaaf baallii maanii qadda? Waan kana mara akka tolchituuf eennutti baallii tana si'iif kenne?” jedhane.
29Yesuus deebisee, “Ani waan tokko isin gaafadha; yoo anaaf deebittane, anille baallii maaniitiin waan kana mara akka tolchu isinitti hima. 30Yohaannis akka cuuphuuf baallii eennutti kenneef? Waaqa mo'o nama? Me anaaf deebisa'a!” isaaniin jedhe.
31Isaan wol mormanee, “Waaqa yoo jenne, ‘Maaf dubbii Yohaannisii dhugeeffata diddane ree?’ nu'uun jedha; 32‘Nama jennuu ree?’ ” jedhane. Nami mara Yohaannis akka dhugumaan raagichaatitti waan fudhateeruuf, kolbaa sodaatane. 33Tanaaf isaan Yesuusiin, “Nuuti hin beennu” jedhane. Yesuus deebisee, “Maarre anille baallii maaniitiin waan kana mara akka tolchu isinitti hin himu” isaaniin jedhe.
Currently Selected:
Wongeela Maarqoosii 11: GAXNT
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
Guji Oromo New Testament © Bible Society of Ethiopia, 2007.