YouVersion Logo
Search Icon

Wongeela Luqaasii 5

5
Yesuus Barattoota Jalqabaa Waame
(Mat 4:18-22; Mar 1:16-20)
1Gaafa tokko Yesuus qarqara abbaayaa Genesaarexii#5:1 abbaayaa Genesaarexii: abbaayaa Galiila'aa dhaabbateeruun, kolbaan dubbii Waaqaa dhage'iisaaf gara isaa wol dadarbite. 2Inni hoboloota lamaan qarqara abbaayya'aatti dhagge; worri qurxummii guuru hoboloota achitti lakkisee caccoota dhiqatiisatti jiraayyu. 3Yesuus hoboloota san keessaa gara takkatti'ii, ta Simoonii seenee, akka inni qarqara abbaayaa irraa diqqoo gara keessaa hiissu isa gaafate. Achiin duuba Yesuus hoboloo keessa tee'ee gumii barsiise. #Mat 13:1-2; Mar 3:9-10; 4:1 4Yennaa dubbii ifii fixate, Simooniin, “Gara ila bisaanii hoboloo hiissiitii, qurxummii qabiisaaf caccoota teessan gad buusa'a” jedhe. 5Simoonille, “Barsiisa'a, eda halkan duudii guddoo itti dadhabaa bulle, ammoo womaa hin qabanne. Amma ammoo, yoo ati jette ani caccoota hin buusa” jedheen. 6Isaan caccoota buusanee, haga caccooti isaanii tarsa'iisa geettutti qurxummii hedduu qabatane. #Yoh 21:6 7Isaan lansooti isaanii ka hoboloo dhibii keessa jiranu dhufanee akka isaan gargaaranuuf haatatane#5:7 haatatane: harkaan, ilaan, mataa raasiisaan waamane. Isaanille dhufanee hobolooti lamaanuu haga gad lixiisa geettutti qurxummi'iin akka malee guutane. 8Simoon Pheexroos waan te'e kana yennaa dhagge, fuula Yesuusii duratti jilbiiffatee, “Goottaa kiyya ani cubbichaa, anatti hin dhikaatin!” jedhe. 9Simoonii fi worri isa woliin jiranu maraa qurxummii hedduu waan guurataneef akka malee baaseffatane. 10Akkuma worra kaanii, lansoota Simoonii ka te'ane, ilmaan Zabdewosii Yaaqoobii fi Yohaannisille baaseffatane. Yesuus Simooniin, “Hin sodaatin! Haganaa achi kolbaa guurta” jedhe. 11Isaan hoboloota harkisanee qarqaratti baasanee, waan mara lakkisanee Yesuus hordofane.
Yesuus Namicha Tokko Fayyise
(Mat 8:1-4; Mar 1:40-45)
12Gaafa tokko Yesuus qachaa tokko keessa adoo jiruu, namichi dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan qabameeru ka achi jiru tokko, yennaa isa dhagge, Yesuus duratti gad jigee, “Ee Goottaa, yoo fedha keeti te'e ana fayyisi#5:12 fayyisi: qulleessi” jedhee kadhate. 13Yesuus harka ifii diriifatee, isa qabee, “Hin fedha fayyi” jedhe. Yennuma san dhukkubi goga'aa farrisiisaan namicha lakkise. 14Yesuus namichaan, “Waan kana nama tokkolle'etti hin himin; ammoo dhaqiitii hayyichatti ifi mudhisi; akka ati fayyite, nami mara akka beekuuf, fayyuu keetiif, qodha Muuseen ajaje kenni!” jedhee seere. 15Gurri Yesuusii ammoo addee maratti dhage'amee, gumiin guddoon isa dhage'iisaa fi dhukkuba ifii irralle'ee fayyiisaaf gara isaa dhutte. 16Inni ammoo yennaa hedduu addee qoommi'ii dhaqaa daadimate.
Yesuus Namicha Laashoweeru Tokko Fayyise
(Mat 9:1-8; Mar 2:1-12)
17Gaafa tokko Yennaa Yesuus barsiisu, Fariisaayotii fi barsiisoti Seera Muse'ee, olloota Galiila'aa fi Yihudaa keessatti dhaggamanu mara keessaa, Yerusaalemille'ee dhufaneeranu achi tetee'aneeran. Yesuus worra dhibamane akka fayyisuuf, hunni Gootta'aa isa woliin jirtiyyu. 18Jarri tokko namicha laashoweeru tokko rare'een ba'atanee dhufanee, gara manaa seensisanee fuula Yesuusii dura keyiisaaf wodhaanane. 19Ammoo waan kolbaan heddatteef, karaa seensisanu dhabanee, mana gubbaa yaabanee, heellichoo manaa saaqanee, rare'eenuu woliin kolbaa oddu'utti, fuula Yesuusii duratti gad buusane#5:19 ijaarsi mana Yihudootaa keenna irraa waan goruuf heellichoo manaa saaqanee deebisu'uuf hin dande'an. 20Yesuus dhugeeffannaa isaanii yennaa dhagge, namichaan, “Abboo, cubbuu teeti maraaf araarri kennameera” jedhe. 21Barsiisoti Seera Muuse'eetii fi Fariisaayoti, “Namichi Waaqa faanshessu kun eennu inni? Waaqa tokkocha malee eentu cubbuu namaaf araaramiisaaf dande'a?” jedhaa yaadatane. 22Yesuus yaada isaanii beekee, “Isin maaf waan akkanaa kana gadhaa keessan keessatti yaadattan? 23‘Cubbuu teeti maraaf araarri kennameera’ jechu'u moo yookiin, ‘Ol ka'ii ideem’ jechu'utti kaso'o? 24Amma ammoo ani Ilmi Namaa cubbuu araaramiisaaf lafa irratti baallii akka qabu akka beettannu” jedhee, namicha laashoweeruun, “Ol ka'i! Raree teeti fudhadhuutii gara mana keetii deemi!” jedhe. 25Yennuma san namichi fuula isaanii duratti ol ka'ee, itillee irra irkataa ture fudhatee, Waaqa galateeffataa gara mana ifii deeme. 26Isaan martinuu akka malee baaseffatanee, guddoo sodaatanee, “Adha baasa guddaa dhaggine!” jedhaa Waaqa galateeffatane.
Yesuus Lewwii Waame
(Mat 9:9-13; Mar 2:13-17)
27Kanaan duuba, Yesuus achii deemee, namicha qaraxa guuru ka Lewwii jedhamu tokko, addee gosee qaraxaa tee'eeruun dhaggee, “Na hordofi” jedheen. 28Lewwiin ol ka'ee, waan mara lakkisee, isa hordofe. 29Achiin duuba Lewwiin mana ifiititti, areertii guddaa Yesuusiif qopheesse. Worri qaraxa guuru heddu'uu fi worri dhibiille isaan woliin areeratiisaaf tetee'aneeran. 30Fariisaayotii fi worri golii isaanii te'ane barsiisoti Seera Muuse'ee gariin, “Isin worra qaraxa guuruu fi cubbaaleyyii woliin maaf nyaattan? Maaf untan?” jedhanee barattoota Yesuusiititti gungumane. 31Yesuus deebisee, “Worra fayyaa hin qannee malee, worra fayyaaleyyi'iif cidheessa hin barbaachisu. 32Ani cubbaaleyyii gara cubbuu irraa deebi'iisaa waamiisaaf malee, balchootaaf hin dhunne” isaaniin jedhe.
Gaaffii Marroo Laamiisaa
(Mat 9:14-17; Mar 2:18-22)
33Namooti gariin Yesuusiin, “Barattooti Yohaannisii yennaa hedduu laamaa daadimatan. Barattooti fariisaayotaalle akkasuma tolchan, barattooti teeti ammoo hin nyaatanii, hin unan” jedhane. 34Yesuus deebisee, “Worri jila fuudhaa fi heerumaatii waamame#5:34 worri jila fuudhaa fi heerumaatii waamame: hiikkaan gariin jaaloti jedha adoo waajibichi isaan woliin jiruu, akka laamu isin hin tolchitanii? Hin tolchitanu! 35Yennaan waajibichi isaan biraa fudhatamu ammoo hin dhutti. Isaan yennaa san laaman” isaaniin jedhe. 36Yesuus itti aansee, mammaassalle itti mammaakee, “Eennulle woyaa haareya tarsaasee woyaa dullatti'itti hin erbu. Yoo akkana tolche, woyaa haareya san hin tarsaasa. Erbeen woyaa haareyaa woyaa dullatti'iin wol hin fuutu. 37Akkasuma daadhii woyni'ii ta hin baayiin qalqalluu dulloometti eennulle hin naqu. Yoo akkana tolche, daadhiin sun qalqalluu san hin dhoochi, daadhiin hin jiddi, qalqalluulle hin bada. 38Tanaaf daadhiin hin bayiin qalqalluu haareyatti naqamu'uu malte! 39Nami daadhii woyni'ii ta baate uneen duuba ta hin baayiin uniisaaf barbaadu hin jiru. Inni, ‘Ta baate woyya’ jedha” jedhe.

Currently Selected:

Wongeela Luqaasii 5: GAXNT

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in