YouVersion Logo
Search Icon

Wongeela Luqaasii 4

4
Ataabamuu Yesuusii
(Mat 4:1-11; Mar 1:12, 13)
1Yesuus Ayyaana Woyyichaan guutamee laga Yordaanositii yennaa deebi'e, Ayyaanni gara goomole'ee isa geesse. 2Achitti guyyaa afurtama Seexanaan ataabame. Guyyoota san inni womaa waan hin nyaatiniif dhuma guyyoota saniititti belowe. 3Seexanni isaan, “Ati Ilma Waaqaa yoo teete, dhakaan kun daabboo akka te'u ajaji” jedhe. 4Yesuus deebisee, “Barreeffam woyyichi, ‘Nami sagalee calla'aan hin le'u’ jedha” jedhe. 5Achiin duuba Seexanni gara addee ol aantuu gubbaa isa geessee, yoosuma mootummaa biyya lafaa irra jirtu mara itti mudhise. 6Seexanni Yesuusiin, “Ani kana maraa irratti ulfinnaa fi baallii si'iif hin kenna. Kun maraa waan anaaf kennameeruuf, ani ka jaalladheef kennuu hin dande'a. 7Maarre yoo anaaf sagadde, kun maraa keeti te'a” jedheen. 8Yesuus deebisee, “Barreeffam Woyyichi, ‘Goottaa Waaqa keetii sagadi; isa calla'aafille tajaajili!’ jedha” jedheen. 9-11Achiin duuba Seexanni gara Yerusaalemii isa geessee, guutuu Galma Waaqaa gubba'atti dhaabbachiisee, “Barreeffam Woyyichi, ‘Waaqi ergantoota ifii akka si eeganuuf hin ajaja. Isaanille miila keeti dhakaan akka hin miine harka ifiitiin ol si hin qaban’ waan jedhuuf, ati Ilma Waaqaa yoo teete, asi gubba'aa ifi gad darbi” isaan jedhe. 12Yesuus deebisee, “Barreeffam Woyyichi, ‘Goottaa Waaqa keeti haga hin ilaalin’ jedha” jedheen. 13Seexanni karaa maraan isa ataabeen duuba haga yenna'aatiif isa biraa deeme.
Yesuus Galiila'atti Hujii Jalqabe
(Mat 4:12-17; Mar 1:14, 15)
14Achiin duuba Yesuus hunna Ayyaana Woyyichaatiin gara Galiila'aa deebi'e. Gurri isaa adaala san maratti odeeffame. 15Inni manoota waaqeffannaa Yihudootaa keessatti barsiisee, nami marti isa galateesse.
Yesuus Naaziretitti Tuffatame
(Mat 13:53-58; Mar 6:1-6)
16Achiin duuba Yesuus gara lafa itti guddatee, Naaziret dhaqee, guyyaa Sanbataa akkuma aadaa ifii Mana Waaqeffannaa Yihudootaa dhaqe. Yennaa inni Barreeffama Woyyicha dubbisiisaaf ka'e, 17kitaaba Isaayaasii raagichaa itti kennane. Maraa kitaaba sanii diigee,
18“Ayyaanni Gootta'aa ana irra jira,
worra hiyyeeyyi'iif Oduu Gammadaa akka himuuf ana muudeera.
worra booji'ameef bilisummaa akka lassuuf,
worra ballaa akka dhaggisiisuuf,
worra miicame akka baasuuf,
19woggaa Goottaan kolbaa ifii fayyisulle
akka lassuuf na ergeera” dubbiin jettu addee itti barreeffanteertu dhagge.
20Yesuus kitaaba san maree, namicha eegutti kennee tee'e. Kolbaan Mana Waaqeffannaa Yihudootaa san keessa jirtu marti adoo ila irraa hin caffatin isa ilaalte. 21Achiin duuba Yesuus isaaniin, “Akkuma dubbifamuun dhageettane, Barreeffam Woyyichi kun adha muummaye” jedhe. 22Isaan martinuu marroo isaa waan dansaa dubbatanee, dubbii maso'oo ta inni dubbate baaseffatanee, “Inni ilma Yoseefiitii motii?” jedhane. 23Yesuus isaaniin, “Isin dhugumaan mammaassa, ‘Cidheessa, dursii ifi fayyis!’ jedhu anatti hin mammaattan. Waan qachaa Qifirnaahoomiititti tolchitelle, ta nuuti dhageenne as qachaa keeti keessattille tolchi hin jettan” jedhe. 24Itti dabaleelle, “Ani dhugumaan isinitti hima, raagaan tokko biyya ifiititti fudhatama hin qabu. 25Dhugumaan, bara Eliyaasii raagichaatiitti woggaa sadii fi ji'a jaan bokkeenni dhabamee, lafa san duudii keessatti beelti hantuun yennaa galte, biyya Israa'elii keessatti haadhotiin hiyyeessaa hedduun jirti. 26Eliyaas ammoo gara haadha hiyyeessaa ta biyya Sidoonii keessatti qachaa Saraaphta'aa keessa leetuu takka malee, gara dhibii gara nama tokkoolle hin erganne. 27Akkasuma bara Elsaa'ii raagichaatitti kolbaan hedduun ta dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan dhibanteertu jirti; ammoo, isaan keessaa Na'amaanii namicha biyya Sooriya'aa malee, nami tokkolle hin fayyine” jedhe. 28Worri mana waaqeffannaa Yihudootaa keessa jiranu mara yennaa kana dhage'ane, akka malee aarane. 29Isaan ol ka'anee, Yesuus qachaa keessaa harkisanee baasanee qile'etti gad qolaansiisaaf barbaadanee, gara ededa gooroo qachaan isaanii irratti ijaarameeruutitti isa geessane. 30Inni ammoo isaanuma oddu'uun dabaree kara'atti bayee deeme
Namicha Ayyaana Hama'aan Qabameeru Tokko
(Mar 1:21-28)
31Achiin duuba Yesuus gara qachaa Qifirnaahoomii, ka Galiilaa keessatti dhaggamuu tokko dhaqee, guyyaa Sanbataa kolbaa barsiise. 32Waan inni baalli'iin barsiiseef, isaan martinuu barsiisiisa isaa baaseffatane. 33Namichi Ayyaana hama'aan qabameeru tokko mana waaqeffanaa Yihudoota keessa jiraayyu. Inni qoonqoo guddo'oon, 34“Eeyyaa! Yesuusii nama Naaziretii, haajaa maan nu woliin qadda? Nu balleessiisaaf dhuttee? Ani ebeluu keeti hin beeka! Ati Woyyicha Waaqaa ti” jedhee iyye.
35Yesuus ayyaana hama'aan, “Cadhisi! Keessalle'ee bayi!” jedhee xixe. Ayyaanni hamaan sun fuula isaanii duratti namicha gad jissee, womaa adoo isa hin miidhin keessaa baye.
36Kolbaan martinuu baaseffatee, “Dubbiin akkasii tun maan? Ayyaanota hamootalle baalli'ii fi hunnaan xixa; isaanille isaaf hin ajajaman” wol woliin jette. 37Gurri Yesuusii adaala biyya sanii maratti dhage'ame.
Yesuus Worra Dhibamaa Hedduu Fayyise
(Mat 8:14-17; Mar 1:29-34)
38Yesuus Mana Waaqeffannaa Yihudootaatii bayee gara mana Simoonii dhaqe. Haati sodda'aa ta Simoonii dhukkuba nafa o'isu jaba'aan dhibanteertiiyyu; isaanille akka inni isii gargaaruuf itti himane. 39Maarre Yesuus itti dhi'aatee cinaa isi'ii dhaabbatee, dhukkuba nafa o'isu san xixee, dhibeen isii lakkitte. Yennuma san ol kaatee isaanii areerte#4:39 areerte: yookiin keessummeessite. 40Yennaa aduun seente, worra dhukkuba adda addaatiin dhibamane maraa gara Yesuusii fidane. Inni isaan mara irra harka ifii keyee fayyise. 41Durriisotille Yesuusiin, “Ati Ilma Waaqaa ti” jedhaa kolbaa hedduu keessaa iyyaa bayane. Ammoo waan isaan akka inni Kiristoos te'e beekaneef, xixee dubbatiisa isaan dhoogge.
Yesuus Manoota Waaqeffannaa Yihudootaa Keessatti Lallabe
(Mar 1:35-39)
42Yennaa latti bariite Yesuus achii bayee, gara addee qoommi'ii dhaqe. Kolbaan isa barbaadiisa kaatee, yennaa dhaggite, akka inni isaan lakkisee hin deemne dhooggiisaaf wodhaante. 43Inni ammoo isaaniin, “Ani Oduu Gammadaa ta mootummaa Waaqaa qachoota dhibiille'etti lallabu'uu male; ani akka tana hujuuf ergame” jedhe. 44Maarre inni manoottaan waaqeffannaa Yihudootaa ka biyya Yihuuda'aa keessatti dhaggamuu keessatti lallabiisa itti fufe.

Currently Selected:

Wongeela Luqaasii 4: GAXNT

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in