YouVersion Logo
Search Icon

Wongeela Yohaannisii 9

9
Yesuus Namicha Ballaa Te'ee Dhalate Tokko Fayyise
1Yesuus adoo ideemaa dabaruu, namicha ballaa te'ee dhalateeru tokko dhagge. 2Barattooti isaa, “Barsiisa'a, akka namichi kun ballaa te'ee dhalatu ka cubbuu huje eennu? Isuma mo'o worra isaati?” jedhanee isa gaafatane. 3Yesuus deebisee, “Inni yookiin worri isaa cubbuu hin huyne. Hujiin Waaqaa isa irratti akka mudhattuuf, inni ballaa te'e. 4Adoo guyya'aatuu, hujii ka ana ergee hujuu qanna; halkan nami tokkolle itti hujiisa hin dandeenne hin dhufa. 5Ani biyya lafaa keessa haga jiru, ifa biyya lafaa ti” isaaniin jedhe. #Mat 5:14; Yoh 8:12 6Yesuus tana jedheen duuba, lafatti tufee hancufaan dhoqqeesse; dhoqqee san ila namichaatitti dibee, 7“Dhaqiitii haroo Siilo'aamiititti dhiqadhu” jedhe; “Siilo'aam” jechuun ka ergame jechu'u. Maarre namichi dhaqee, dhiqatee, dhaggaa deebi'ee dhufe.
8Ollooti isaatii fi kolbaan taanaan dura isaa kadhatuun dhaggiteertu, “Namichi kun ka tee'ee kadhatuu motii?” jedhanee gaafatane.
9Gariin, “Isuma” jedhane; ka dhibiin ammoo, “Waawwo'o, isa fakkaata malee, isaa moti” jedhane
Namichi ammoo, “Ani isuma” jedhe. 10Isaan, “Ilti teeti attamiin banante ree?” jedhanee isa gaafatane. 11Inni deebisee, “Namicha Yesuus jedhamutti biyyee dhoqqeessee, ila tiyyatti dibee, akka ani gara haroo Siilo'aamii dhaqee dhiqadhu anatti hime. Maarre anille dhaqee dhiqadhee, dhagguu dande'e” jedhe.
12Isaan, “Inni amma eessa jira?” jedhanee isa gaafatane. Inni deebisee, “Ani hin beeku” jedhe.
Fariisaayoti Akka Namichi Itti Fayye Qorqorane
13Achiin duuba isaan namicha dur baalla'aa kaan gara Fariisaayotaa geessane. 14Guyyaan Yesuus biyyee dhoqqeessee ila namicha balla'aa fayyise sun guyyaa Sanbataa ti. 15Fariisaayotille attam akka inni dhagguu dande'e namicha gaafatane. Namichi deebisee, “Yesuus dhoqqee ila tiyya dibe; ani dhiqadhee, amma dhagguu dande'e!” jedhe.
16Fariisaayoti gariin, “Namichi kun Sanbataa waan hin ulfeessineef, Waaqa biraa ka dhufe te'iisa hin dande'u” jedhane. Worri kuun ammoo, “Nami cubbaalessi attamiin bilbaasota akkasii hujuu dande'a?” jedhanee odduu isaaniititti gargar qoqqoodam te'e.
17Maarre Fariisaayoti namicha dur balla'aa kaaniin, “Marroo namicha ila tiyya bane jettu kanaa, maan jetta?” jdhanee gaafatane.
Namichi deebisee, “Inni raag'a” jedhe.
18Yihudooti baallii qabanu, namichi kun akka dur ballaa te'eeruu fi amma dhagguu dande'e, haga worra isaa waamanutti hin dhugeeffanne. 19Maarre isaan worraan, “Mucaan keessan, ka isin ballaa te'ee dhalate jettanu kanaa? Amma inni attam dhagguu dande'e ree?” jedhane.
20Worri isaa deebisee, “Akka inni ilma keenna te'e, ballaa te'eelle akka dhalate hin beenna. 21Amma ammoo attamiin akka inni dhagguu dande'e, yookiin eennu ila isaa akka bane nuuti hin beennu. Inni nama gudda'a, ifumaafuu dubbatuu hin dande'a; isa gaafadha'a!” jedhane. 22Nami akka Yesuus Masiihii#9:22 Masiihii: Kiristoos te'e dhugaa baasee dubbatu, Mana Waaqeffannaa Yihudootaa keessaa akka ari'amu Yihudooti baallii qabanu waan wolii galaneeranuuf, worri isaa isaan sodaatee tana jedhe. 23Waan kanaaf worri isaa, “Inni nama gudda'a; isa gaafadha'a!” jedhe.
24Isaan namicha dur ballaa te'ee dhalate lammeessoo waamanee, “Ati Waaqa ulfeessii dhugaa dubbadhu! Namichi kun akka cubbaalessaa nuuti hin beenna” jedhaneen.
25Namichi deebisee, “Inni cubbaalessa te'uu yookiin te'uu dhabuu ani hin beeku; waan tokko qofaa beeka: Ani ballaa te'ee ture, amma ammoo hin dhagga” jedhe.
26Isaan, “Inni maan sii godhe? Inni attamiin ila teeti bane?” jedhanee gaafatane.
27Inni deebisee, “Ani duruu isinitti himeera, isin hin caqanne. Maaf ammaalle dhage'uu barbaaddan? Isinille barattoota isaa te'uu feetanii?” jedhe.
28Isaan isa arrassanee, “Si'ittuu barataa isaa ti; nuuti ammoo barattoota Muuse'ee ti. 29Nuuti akka Waaqi Muuse'etti dubbateeru hin beenna; namichi kun ammoo, inni essaa akka dhufeeyyuu hin beennu!” jedhaneen.
30Namichi deebisee, “Wonni kanciraa, inni eessaa akka dhufe isin hin beettanu! Inni ammoo ila tiyya bane! 31Waaqi cubbaaleyyi'iif akka hin dhageenne nuuti hin beenna; inni worra isa ulfeessuu fi fedhii isaa muummessuuf dhage'a. 32Nama ballaa te'ee dhalate tokko ka ila bane jira jedhamuun, haga biyyi lafaa dadantee ijjummaa dhage'antee hin beettu. 33Nami kun Waaqa biraa adoo dhufuu dhabaatee, waan tokkolle godhuu hin dande'uuyyu” isaaniin jedhe.
34Isaan, “Ati cubbu'uun guutantee dhalattee nu barsiisiisaaf wodhaantaa?” jedhanee gussanee gad isa baasane.
Ballummaa Ayyaantumma'aa
35Yesuus akka isaan namicha gussanee gad baasane dhage'ee, yennaa isa dhagge, “Ilma Namaatitti hin dhugeeffattaa?” jedhee isa gaafate.
36Namichi deebisee, “Goottaa kiyya, kam inni? Anatti himi, itti dhugeeffadhaa!” jedheen.
37Yesuus isaan, “Ati duruu isa dhaggiteerta, ka amma si woliin dubbatiisatti jiruuyyu isa” jedhe.
38Namichi, “Goottaa kiyya! Ani hin dhugeeffadha” jedhee isaa sagade.
39Yesuus, “Worri ballaan akka dhagguu fi worri dhaggu ballaa akka te'u, muriisaaf ani gara biyya lafaa tana dhufe” jedhe.
40Worra Fariisaayotaa ka isa woliin achi jiranu keessaa gariin isaa tana jedhu dhage'anee, “Dhugumaan nuutilleen balloota jechuu keetii ree?” jedhanee isa gaafatane.
41Yesuus isaaniin, “Isin balloota adoo teetanee, silaa yakkaa hin qaddanuuyyu; amma ammoo hin dhaggina waan jettanuuf, isin yakkaameyyi'i” jedhe.

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in