YouVersion Logo
Search Icon

Wongeela Yohaannisii 8

8
Dubartii Gaarayyeeffata Irratti Qabante
1Yesuus ammoo gara gaara Ejersaa deeme. 2Boruyyaa ganama inni gara Galma Waaqaa deebi'e. Kolbaan marti isa biratti wolitti qabantee, inni gad tee'ee isaan barsiisuu jalqabe. 3Barsiisoti Seeraatii fi Fariisaayoti dubartii gaarayyeeffata irratti qabante takka ol seensisanee, fuula isaan maraa dura dhaabbachiisanee, 4Yesuusiin, “Barsiisa'a, dubartiin tun gaarayyeeffata irratti qabanteerti. 5Muuseen Seera keessatti dubartiin akkasii tun dhaka'aan tumantee akka duutu ajajeera. Ati amma maan jetta?” jedhane. 6Isaan sababa ittiin isa himatanu dhaggatiisaaf, Yesuus xaqariisaas#8:6 xaqariisaaf: qaxafiisaaf tana jedhane. Inni ammoo gad jedhee qubaan lafa irratti barreessuu jalqabe. 7Isaan ittuma deddeebi'anee gaafannaan, inni ol jedhee isaaniin, “Isin keessaa ka cubbuu hin qanne, dursee dhakaa isi'itti qolaansuuti” jedhe. 8Achiin duuba inni ammalle gad jedhee lafa irratti barreesse. 9Isaan yennaa tana dhage'ane, jarsole'een jalqabanee, tokko tokkoon, isaan martinuu bayanee deemane. Yesuus dubartittii achi dhaabbatiisatti jirtu woliin qofuu hafe. 10Inni ol jedhee isi'iin, “Dubartii tana, meeti isaan? Nami sitti mure tokkolle hin jiruu?” jedhe.
11Isiin deebittee, “Gootta'a, nami tokkolle hin jiru” jette. Yesuus, “Anille si'itti hin muru. Deemi; ammoo deebitee cubbuu hin hujin” jedhe.]#8:11 woraabbiin durii hedduun kutaa (7:53--8:11) jiru hin qabanu; gariin Yoh 21:24 n duubatti galchan; kuun Luq 21:38 titti aansanee galchan; barreeffam goga'aa tokko Yoh 7:36 tti aansee galcheera
Yesuus Ifa Biyya Lafaa Ti
12Yesuus ammalle isaaniin, “Ani ifa biyya lafaa ti; ka ana hordofu marti ifa jiru'uu hin qabaata malee, ijjumaa dukkana keessa hin ideemu” jedhee dubbate.
13Worri Fariisaayotaa, “Ati amma ifii keetiif dhugaa bayiisatti jirta; dhugaa bayiisi keeti fudhatama hin qabu” jedhaneen.
14Yesuus deebisee, “Ani ifii kiyyaaf yoo dhugaa bayeelle, ani eessaa akka dhufee fi eessa akka deemu waan beekuuf, dhugaa bayi kiyya dhuga'a. Isin ammoo eessaa akka ani dhufe yookiin eessa akka ani deemu hin beettanu. 15Isin yaada namumma'aatiin murtan; ani nama tokko irralle'etti hin muru. 16Ani ammoo yoo murelle, ka ana erge Abbaan ana woliin jira; qofii tiyya waan hin murreef, muraan tiyya dhuga'a. 17Dhugaa bayi nama lamaa, fudhatama qaba jedhantee Seera keessan keessatti barreeffanteerti. 18Ani ifii kiyyaaf dhugaa baya; Abbaan ana ergelle anaaf dhugaa baya” isaaniin jedhe. 19Achiin duubaa isaan, “Abbaan keeti eessa jira?” jedhanee isa gaafatane. Yesuus deebisee, “Isin analle, Abbaa kiyyaalle hin beettanu; adoo ana beettanee Abbaa kiyyaalle hin beettaniiyyu” isaaniin jedhe. 20Yesuus Galma Waaqaa keessatti, addee subbi kennansaa keyamuun biratti adoo barsiisuu jecha kana mara dubbate. Te'uu malee yennaan isaa waan hin geyiniif eennulle isa hin qanne.
Addee Ani Dhaqaaru Isin Dhaqiisa Hin Dandeettanu
21Yesuus ede'eelle, “Ani hin deema; isin ana hin barbaaddan; ammoo cubbuu teessaniin hin duutan. Addee ani dhaqu isin dhaqiisa hin dandeettanu” isaaniin jedhe.
22Maarre Yihudooti, “Inni ‘Addee ani dhaqu isin dhaqiisa hin dandeettanu’ jedha. Wonni akkana jedhuuf inni ifi ijjeesaaraa laati?” jedhane.
23Yesuus deebisee, “Isin worra jalaa ti; ani ammoo ka gubba'aa ti. Isin ka biyya lafa tanaa ti; ani ammoo ka biyya lafaatii moti. 24Ani ‘Ana’#8:24 Ana: Kolbaa Israa'eliitiif maqaan Waaqaa woyyichi ka “Ana” jedhamee hiikkamuu dande'u “Yahiiweh”. Wongeela Yohaannisii keessatti, Yesuus yennaa tokko tokko akka inninuu isuma san te'e mudhisiisaaf, “Ana” jedhee itti fayyadameera. akka te'e beettanee yoo hin dhugeeffatin, cubbuu teessaniin waan duutanuuf, isin cubbuu teessaniin hin duutan jedhe” jedheen. 25Isaan, “Ati eennu?” jedhanee isa gaafatane. Yesuus deebisee, “Kama ani jalqaba irraa kaasee isinitti hime. 26Ani marroo teessan waan jedhuu fi waan isinitti muru hedduu qaba. Teetuu malee, ka ana erge dhugaamessa; anille waan isa irraa dhage'e qofa biyya lafaatitti dubbadha” jedhe. 27Isaan marroo Abba'aa akka Yesuus isaanitti dubbatiisatti jiru hin hubanne. 28Maarre inni isaaniin, “Isin yennaa Ilma Namaa muka irratti ol fuutane, ani eennu akka te'e hin beettan; achiin duuba baallii tiyyaan womaa akka ani hin goone hin beettan; ammoo waan Abbaan akka ani jedhu ana barsiise qofaa jedha. 29Ka ana erge ana woliin jira; ani yennaa mara waan isa gammachiisu waan hujuuf, inni qofii tiyya ana hin lakkinne” jedhe. 30Akkuma Yesuus tana dubbateen worri hedduun isatti dhugeeffate.
Dhugaan Bilisa Isin Baatti
31Maarre Yesuus Yihudoota worra isatti dhugeeffateen, “Isin barsiisa kiyyaaf yoo ajajantane, dhugumaan barattoota tiyya; 32isin dhugaa hin beettan; dhugaalle bilisa isin hin baatti” jedhe. 33Isaan deebisanee, “Nuuti sanyii Abrahaamii ti; ijjumaa eennulle'eef garboolee teenee hin beennu. Ati, ‘Bilisa baatan’ jechuun keeti maan jechu'u ree?” jedhane. 34Yesuus deebisee, “Ani dhugaa isinitti hima; ka cubbuu huju martinuu garbicha cubbu'uu ti. 35Garbichi yennaa mara maatii goottaa ifii woliin hin le'u; ilmi ammoo yennaa mara maatii san woliin le'a. 36Ilmi yoo bilisa isin baase, isin dhugumaan bilisa hin baatan. 37Akka isin sanyii Abrahaamii teetane ani hin beeka. Te'uu malee isin jecha kiyya waan hin fudhatiniif, ana ijjeesiisaaf barbaaddan. 38Ani waan Abbaa kiyya biratti dhagge dubbadha; isin ammoo waan abbaa keessan irraa dhageettane gootan” jedhe.
39Isaan deebisanee, “Abbaan keenna Abrahaam” jedhaneen. Yesuus deebisee, “Isin dhugumaan ijoollee Abrahaamii adoo teetanee, hujii Abrahaam huje hin hujjaniiyyu. 40Isin ana nama dhugaa Waaqa irraa dhage'ee isinitti hime ijjeesiisaaf barbaaddan. Abrahaam waan akkanaa hin goone. 41Isin waan abbaan keessan huju hujatiisatti jirtan” jedhe. Isaan deebisanee, “Nuuti ijoollee abbeera'aatii moti; Abbaan nuuti qannu Waaqa tokkocha qofa” jedhane. 42Yesuus isaaniin, “Waaqi dhugumaan Abbaa keessan adoo te'e, ani waan Waaqa biraa dhufee amma as jiruuf, ana hin jaallattaniiyyu. Isatti na erge malee, ani baallii tiyyaan hin dhunne. 43Waan ani jedhu isin maaf hin hubanne? Wonni hubatiisa dhaddanuuf, Jecha kiyya dhage'iisaaf hin dandeettanu. 44Isin ka abbaa keessan Seexanaa ti; halchaa isaalle godhiisaaf barbaaddan. Inni jalqabumaa kaasee ka nama ijjeesu; dhugaan isa keessa waan hin jirreef, dhugaa irra hin hin jiru. Inni dharaammessaa fi abbaa dharaa waan te'eef, yennaa dhara dubbatu, dharuma ifi keessaa dubbata. 45Ani ammoo waan dhugaa dubbadhuuf, isin anatti hin dhugeeffattanu. 46Isin keessaa nami yakkaa cubbu'uu anatti muru eennu? Ani dhugaa yoo dubbadhu, isin maaf ana hin dhugeeffanne ree? 47Ka Waaqaa ka te'e, jecha Waaqaa hin dhage'a. Te'uu malee, isin ka Waaqaa waan hin te'iniif, hin dhageettannu” jedhe.
Yesuusii Fi Abrahaam
48Yihudooti deebisanee, “Ati nama samaariya'aati; durriisalle ifi keessaa qadda jechuun keenna dhuga'aa motii?” Yesuusiin jedhane. 49Yesuus deebisee, “Ani durriisa ifi keessaa hin qabu. Ani abbaa kiyya ulfeessa; isin ammoo ana hin ulfeessitanu. 50Ani ulfinna ifiif hin barbaadu. Ka ulfinna anaaf barbaadu ammoo hin jira; ka murulle isa. 51Ani dhugumaan isinitti hima; nami jecha kiyya eegatu marti ijjumaa hin du'u” jedhe. 52Yihudooti isaan, “Nuuti amma dhugumaan akka ati durriisa ifi keessaa qaddu beenneerra! Abrahaam du'eera; raagotille du'aneeran; ati ammoo, ‘Nami jecha kiyya eegatu ijjumaa hin du'u’ jetta. 53Ati abbaa keenna Abrahaam hin caaltaa? Inni du'eera; raagotille du'aneeran. Ati eennu ifi seeta?” jedhane. 54Yesuus deebisee, “Ani yoo ifi ulfeesse, ulfinni sun gatii hin qabu. Ka ana ulfeessu Abbaa kiyya, ka isin Waaqa keenna jettanu. 55Te'uu malee isin isa hin beettanu; ani ammoo isa hin beeka. Ani yoo isa hin beeku jedhe, akkuma keessan dharaamessa te'a. Ani ammoo isa beeka, jecha isaalle hin eegadha. 56Abbaan keessan Abrahaam guyyaa dhufa tiyyaa dhaggiisaaf gammade; dhaggeelle gammade” jedhe. 57Yihudooti isaan, “Ati woggaa shantamaayyuu adoo geyiin, Abrahaam dhaggitee?” jedhane. 58Yesuus deebisee, “Ani dhugaa isinitti hima; Abrahaam adoo hin dhalatinuu Ani ‘Ana’#8:58 Ana: ibsa 8:24 irratt kenname ilaali.” jedhe. 59Maarre isaan isa tumiisaaf dhakaa fudhatane; Yesuus ammoo ifi dhossee Galma Waaqaatii bayee deeme.

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in