Wongeela Yohaannisii 4
4
Yesuusii Fi Dubartii Samaariya'aa
1Yesuus Yohaannis caalaa barattoota akka dabalatiisatti jiruu fi cuuphiisatti jiru worri Fariisaayotaa dhage'ane. 2Te'uu malee, ka cuuphe barattoota isaati malee, Yesuusii moti. 3Maarre Yesuus waan jedhamiisatti jiru yennaa dhage'e, biyya Yihuda'aa lakkisee deebi'ee gara Galiila'aa dhaqe. 4Inni Yennaa achi dhaqu Samaariyaa keessa dabaruu qabaayyu.
5Maarre Samaariyaa keessatti inni gara qachaa Siikaar jedhamuu, ka fichaa Yaaqoob ilma ifii Yoseefiif kennetti dhikaatuu tokko dhufe. 6Boolli bisaanii ta Yaaqoobii achi jirtiiyyu; Yesuus ideemiisaan dadhabee boolla bisaanii bira tee'e. Yennaan sun orraa gara sa'aatii jaati.
7Dubartiin Samaariya'aa takka bisaan woraabbatiisaaf yennaa dhutte, Yesuus isi'iin, “Bisaan uni'ii naa kenni!” jedheen. 8Yennaa san barattooti isaa sagalee bitiisaaf gara qacha'aa dhaqaneeran.
9Dubartiin sun, “Ati nama Yihudi'ii teetee ana dubartii samaariya'aa attam bisaan uni'ii gaafatta?” jetteen. Yihudooti muduunu'uu fi qorii samaariyooti itti sooratanutti hin sooratanu.
10Yesuus deebisee, “Kennansa Waaqaatii fi ka bisaan uni'ii si gaafatiisatti jiru kun eennu akka te'e adoo beettee jiraattee, atinuu silaa isa gaafattee, inni bisaan jiru'uu si'iif kennaayyu” jedhe.
11Dubartittiin, “Goottaa kiyya, ati waan ittiin woraabbattu hin qaddu; boollille qile'e; bisaan jiru'uu san eessaa fidda ree? 12Ati abbaa keenna Yaaqoob ka boolla tana nu'uuf kenne, ka innii fi ijoolleen isaa, horiin isaa maraayyuu keessaa unane, hin caaltaa?” jetteen.
13Yesuus deebisee, “Bisaan kana ka unu marti deebi'ee hin dheebota; 14bisaan ani isaaf kennu ka unu ammoo ijjumaa deebi'ee hin dheebotu. Bisaan ani isaaf kennu sun isa keessatti madda jiruu bara baraa burqu te'a” jedhe.
15Dubartittiin, “Goottaa kiyya, akka ani ijjumaa hin dheebonnee fi bisaan woraabiisaaf akka ani as hin deebine, bisaan kana anaaf kenni” jetteen.
16Yesuus, “Dhaqiitii, abbaa manaa keeti waamii koyi” jedheen.
17Dubartittiin, “Ani abbaa manaa hin qabu” jetteen. Yesuus, “ ‘Abbaa manaa hin qabu’ jedhiisi keeti dhuga'a. 18Ati nama shan heerunteerta; namichi ati amma woliin jirtu abbaa manaa keetii moti. Wonni ati jette dhuga'a” jedheen.
19Dubartittiin, “Goottaa kiyya, akka ati raagaa teete dhagga. 20Abbootiin teenna gaara kana irratti Waaqa waaqonfatane; isin ammoo Yihudooti addeen Waaqa itti waaqonfanu Yerusaalem te'uu qaba jettan” jetteen.
21Yesuus, “Dubartii tana, gaara kana gubba'atti yookiin Yerusaalemitti yennaan kolbaan Abbaa hin waaqonfanne akka dhufaartu na dhugeeffadhu. 22Isin worri Samaariya'aa waan waaqonfattanu hin beettanu; nuuti ammoo Yihudooti fayyinni Yihudoota keessaa waan dhufuuf, waan waaqonfannu beenna. 23Yennaan worri dhuga'aan waaqonfatu, Ayyaanaa fi dhuga'aan Abbaa waaqonfattu ammoo hin dhuti; ammummaayyuu dhutteerti. Inni worra akkas dhuga'aan isa waaqonfatanu barbaada. 24Waaqi Ayyaana; worri isa waaqonfatulle Ayyaana fi dhuga'aan isa waaqonfatuu qaba” jedheen.
25Dubartittiin isaan, “Masiihiin Kiristoos jedhamu akka dhufu hin beeka; inni yennaa dhufe waan mara nu'utti hima” jetteen.
26Yesuus deebisee, “Ani ka si woliin dubbatiisatti jiruuyyuu isa” jedheen.
27Yennuma san barattooti Yesuusii deebi'anee dhufane; Yesuus dubartii woliin dubbatiisatti jiruun dhagganee masoonfatane; ammoo isaan keessaa nami tokkolle, “Maan barbaadde?” yookiin, “Maaf isii woliin dubbatta?” ka jedhe hin jiru.
28Achiin duuba dubartittiin okkotee ifii ta bisaanii achitti lakkittee, gara qacha'aa deebitee dhaxxee, kolba'aan, 29“Namicha waan ani godhe mara anatti hime kowa'aatii ilaala'a. Inni Masiihii te'inaa?” jette. 30Maarre isaan qachaa keessaa bayanee gara Yesuusii yaa'ane.
31Yennuma san keessatti barattooti, “Barsiisa'a, wo nyaadhu!” jedhanee isa kadhatane.
32Inni ammoo, “Ani sagalee nyaadhu ta isin hin beenne qaba” jedhe.
33Maarre barattooti, “Nami woyii sagalee isaa fidee jiraatinaa?” jedhanee wol gagaafatane.
34Yesuus isaaniin, “Sagaleen tiyya, fedhii ka ana ergee godhu'uu fi hujii isaa muummessu'u. 35Isin, ‘Ji'a afuritti hafeera; achiin duuba haammaan hin geetti’ jettanii motii? Ani ammoo isinitti hima; me fichaa keessan miidhassa'aa ilaala'a; ammummaayyuu midhaan bilchaatee haamma'aaf geyeera! 36Worri haamu ammumaayyuu gatii fudhatiisatti jira; midhaalle jiruu bara baraatiif wolitti qabiisatti jira; kunille ka facaasuu fi ka haamu akka woliin gammaduuf te'a. 37Maarre mammaassi, ‘Tokko hin facaasa, kuun hin haama’ jedhu dhuga'a. 38Ani waan hin elowin akka haammattanu isin erge; worri dhibiin elowee, isin eloo isaanii irraa bu'aa dhaggattane” isaaniin jedhe.
39Dubartittiin, “Waan ani godhe mara anatti hime” jettee waan dhugaa baateef worri Samaariya'aa ka qachaa san keessaa hedduun isatti dhugeeffatane. 40Maarre worri samaariya'aa yennaa gara isaa dhufane, isaan woliin akka turuuf isa kadhatanee, Yesuus guyyaa lamaan isaan woliin achi ture. 41Sababa dubbii isaatiif namooti hedduun dhibiille dhugeeffatane; 42isaan dubartitti'iin, “Yoona nuuti wonni dhugeeffannuuf, waan ati jette calla'aaf adoo hin te'in, nuutinuu isa dhageenneera; inni dhugumaan fayyisaa biyya lafaa akka te'e beenneerra” jedhane.
Yesuus Ilma Qondaala Tokkoo Fayyise
43Guyyaa lamaan duuba, Yesuus ka'ee gara Galiila'aa dhaqe. 44Inninuu, “Raagaan tokko biyya ifiititti hin ulfaatu” jedheera. #Mat 13:57; Mar 6:4; Luq 4:24 45Worri Galiila'aa Jila Irra Dabaramaatiif gara Yerusaalemii dhaqaneeranuun, yennaa jilaa sanitti waan inni godhe mara waan dhagganeeranuuf, yennaa inni Galiilaa geye isa fudhatane. #Yoh 2:23
46Achiin duuba Yesuus, addee bisaan gara daadhii woyni'ii itti jijjiire, gara qachaa Qaana'aa ka lafa Galiila'aa keessaa, deebi'ee dhaqe. Qondaalli mootumma'aa ka Qifirnaahoomitti ilmi isaa dhibameeru tokko achi jiraayyu. #Yoh 2:1-11 47Yesuus Yihudaa irraa gara Galiila'aa akka dhufeeru yennaa dhage'e, gara isaa dhaqee akka inni Qifirnaahoom deemee, ilma isaa ka dhibamee du'iisa gayeeru fayyisuuf isa kadhate. 48Yesuus isaan, “Isin bilbaasaa fi baasa dhaggittanu malee ijjumaa hin dhugeeffattanu” jedheen.
49Qondaaltichi mootumma'aalle, “Goottaa kiyya, ilmi kiyya adoo hin du'in maganne'ee koyi!” jedheen.
50Yesuus isaan, “Gali; ilmi keeti hin jiraata!” jedheen.
Namichille dubbii Yesuus dubbate dhugeeffatee deeme. 51Adoo inni galiisatti jiruu, tajaajiltooti isaa karaa irratti dhagganee, ilmi isaa akka jiru itti himane. 52Inni sa'aatii mucaan isaa itti goome isaan gaafatee jennaan, isaan, “Kalee sa'aatii torbatti dhibeen nafa o'ittu sun isa lakkitte” jedhanee deebisane. 53Achiin duuba abbaan muca'aa sa'aatii Yesuus, “Ilmi keeti hin jiraata” jedhetti akka teete hubate. Tanaaf innii fi maatiin isaa maraa dhugeeffatane. 54Bilbaasi kun ka Yesuus Yihudaa irraa gara Galiila'aa deebi'ee dhufee, lammeessoo huje.
Currently Selected:
Wongeela Yohaannisii 4: GAXNT
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
Guji Oromo New Testament © Bible Society of Ethiopia, 2007.