Roomaa 3
3
1Yihudiin gosa dhibii irra jirti ree? Yokaan dhaqaanqabaan homaa namaa baatii? 2Karaa cufaan guddoo wa baati! Qaraa fiixee Waaqii dhaamsa ufii Yihudiiti dhaamate. 3Yo warrii garii hindhugeeffanne hoo? Dhugeeffachaa dhabuun isaan dhueeffatamuu Waaqaa hanqisaa ree? 4Hiyyoo, akkasiiniti! Yo namii cuftii dhara dubbateellee, Waaqii kama dhugaati.
Akkuma barreessin, “Yo dubbattu akka ati dhugaa dubbattu arguu malan,
yo si qoraan dhugaa argachuu malte” jettu.
5Yo dhartii nu tolchine dhugaa Waaqaa agarsiifte hoo, Maan jenna? Yo Waaqii nu gaargalchu innii nu hinqajeelchine jennaa? (Tana akka yaada namaa dubbachuutti jira.) 6Hiyyoo akkasiiniti. Waaqii yo waan dhugaa hintolchinee, akkamiin lafatti mura?
7Ammoo yo dhartii tiyya dhugaa Waaqaa guddiftee isi mulliftee, maaf nama dabaa naan jedhan ree? 8Yo akkasii, maaf “Koottaa, akka dhugaan mullattu hammeenna tolchinaa hinjenne” ree? Namii garii ya waan kana jedhee dubbii dharatiin na himate! Warra akkasii wallaali itti muran qajeela.
Namii Dhugaa Tokkolleen Hinjiru
9Yoos, nuun warra Yihudii gosa dhibii irra goomnaa? Hiyyoo, akkasiiniti! Anin ya qara akka Yihudii fi gochitii dhibiilleen jabeenna dabaa jala jirtu agarsiise. 10Barreessin:
“Namii dhugaa qabu tokkolleen hinjiru,
11namii hubachaa qabu hinjiru,
namii Waaqaa barbaadu hinjiru.
12Namii cuftii ya karaa irraa gore,
cuftii ya wallaale.
Namii waan dansaa tolchu hinjiru, tokkolleen hinjiru.
13Lubbuun warraa akka awwaala qotanii jirti.
Dhartii arraba warraa irraa baati,
dubbiin hamtuun, ta akka hadhaa bofaa jirtu, afaan warraa keessaa baati.
14Afaan warraa ya dubbii hamtuun guutaman.
15Akka nama madeessan ijeesan kurfoo jiran.
16fulaa warrii ba'e cufaa badii fi gaargalatti jira.
17Karaa nagayaa inbeekan,
18yokaan Waaqaa sodaachuu hinbaranne.”
19Akka wantii seerii jedhu cuftii waan warra seera jala jiruun jedhanii, akka maltee nama cufaa dhowwanii lafa cufaa murtii Waaqaa duraan dhufan nu inbeenna. 20Namii tokkolleen marroo waan seerii fedhu tolchuuf qajeelaa hin ta'u; seerii akka namii daba tolchu callaa nama garsiisa.
Karaa Kiristoon Dhugeeffatanii Dhugaa Argataniin
21Amma ammoo dhugaan Waaqaa ya mullatte, seera irraa homaa hinqabdu. Seeraa fi raagootii karaa kana ya dhugeessan: 22Waaqii marroo Yesus Kiristoo dhugeeffataniif nama cufaa dhugaa herregaaf. Waaqii nama Kiristootti dhugeeffate cufaa waan kana intolcha waldabraan hinjirtu: 23namii cuuftii ya daba tolchee guddinna Waaqaa hanqate. 24Ammoo marroo tola eebba Waaqaatiif, karaa Kiristoo Yesus ka nama cufaa baasuun, ya dhugaa herreganiif. 25Waaqii ya isa sooriyyoo namaa tolche, akka marroo dhiiga isaatii fi daba namaa arraaraman. Araarama kana yo dhugeeffatan argatan. Wantii Waaqii Kiristoo sooriyyoo tolcheef, akka dhugaa ufii agarsiisu. Durii Waaqii obsee wallaala bira namaa dabre; 26amma ammoo innii dhugaa ufii garsiisa. Karaa kanaan Waaqii akka qajeelaa ta'e ufi garsiisee ammallee nama Yesus dhugeeffatu cufaa qajeelooma herregaaf.
27Wantii nu ufi guddimnuuf maan ree? Hinjirtu! Maaf akkana? Waan namii seera gula deemuufii? Hiyyoo, ammoo waan innii dhugeeffatuuf. 28Nu akka namii dhugeeffachaa callaan Waaqaa duraatti qajeelaa ta'u la gare, seera guutitiin homaa keessa hinjirtu. 29Waaqii ka Yihudii callaa? Gosa Yihudii hin ta'inii Waaqaa hinta'uu? Innii Waaqaa gosa cufaati. 30Waaqii tokko callaa; innii marroo dhugeeffachaa warraatiif warra dhaqaanqabaa qabate dhugaa herregaaf, akkuma sun warra dhaqaanqabaa hinqabatiniillee marroo dhugeeffachaa warraatiif dhugaa herregaaf. 31Nu dhugeeffachaan seera balleessinaa ree? Hiyyoo, hinballeessinuu! Seera injabeessinaa male.
Currently Selected:
Roomaa 3: KakHaa
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in