Roomaa 4
4
Fakkeenna Abrahaam
1Waan abaaboo keenna Abrahaam ka nu dhalee maan jenna ree? 2Innii yo silaa waan tolcheef qajeelooma (dhugaa) Waaqaa irraa argatee waan ufi guddisuuf inqaba. Ammoo Waaqaa duraatti ufi guddisuu hindanda'u. 3Barreessin, “Abrahaam Waaqaa dhugeeffatee, marroo dhugeeffachaa isaatiif Waaqii ‘Nama dhugaa’ isaan jedhe” jette. 4Namii hujii hojjatu horii argata; horiin sun akka galataatti hin herregamuu, ammoo waan hojjate argate. 5Namii akka seerraa gula hin hojjanne ammoo yo akka Waaqaa irraa fagaate beekee, Waaqaa qajeelaa nama tolchuutti dhugeeffatee, dhugeeffachaan isaa qajeelummaatti in herregamtiif. 6Namii adoo waan seerii ajajuu hin hojjatin Waaqii qajeelummaa herreguuf, gammachuu akka qabuu Daawit la dubbatee:
7“Warrii cubbuu isaanii araaramaniifii wallaala isaanii biraa deemaniif ka eebbifame;
8warrii Waaqii cubbuu isaan itti hin herrenne ka eebbifame” jedhe.
9Gammadii Daawiti dubbate kunin ka warra dhaqanqaabaa qabate caalaa? Hiyyoo ka warra dhaqaanqabaa hinqabatiniillee. Wantii akkanatiif nu ya waan barreessin jettu himnee, “Abrahaam Waaqaa dhugeeffateetti, marroo dhugeeffachaa sunitiif Waaqii nama qajeelaa isaan” jedhe. 10Wantii kunin yoom taate? Eegii Abrahaam dhaqaanqabaa qabate moo, adoo innii hinqabatin? Egii innii qabateenii adoo innii hinqabatin. 11Innii egii sun dhaqaanqabaa qabate, dhaqaanqabaan suniin beesisa Waaqii adoo innii dhaqaanqabaa hinqabati marroo dhugeeffachaa isaatiif qajeelumaa herregeef agarsiifti. Tanaaf Abrahaam, Abbaa warra Waaqaa dhugeeffatee ka adoo dhaqaanqabaa qabachuu dhibaataniillee Waaqii qajeelummaa herregeefii cufa. 12Ammallee innii warra dhaqaanqabaa qabate cufaallee Aabbaa; waan warrii dhaqaanqabaa qabateefinitii, ammoo waan warrii faana dhugeeffachaa ta Abbaan keenna Abrahaam, adoo dhaqaanqabaa hinqabatin gula deeme gula yaa'eef.
Akka Abdii Waaqaa dhugeeffachaan fudhatan
13Waaqii Abrahaamii fi dhaloota isaatti kakatee, lafa cufa sii kenna jedheen, wantii kakuu tana kennaaniif waan Abrahaam seera jabeesseefiinitii, ammoo waan innii dhugeeffannaan Waaqii qajeelummaa isaa herregeef. 14Yo waan Waaqii kakate silaa warra seera jabeessee kennanii, dhugeeffachaan namaa homaa keessa hinjirtu, ammallee kakuun Waaqaa homaa hinbaatu. 15Seerii dallansuu Waaqaatiin dhufa; ammoo fulaa seerii hinjirre seera cabsiitilleen hinjirtu.
16Wantii kakuun dhugeeffachaa qabaachuu malteef, akka kakuun sun tola taatee, ilmaan Abrahaam cufaa geettu, ilmaan seera guutu callaanitii ammoo ta akka Abrahaam dhugeeffatee dhugeeffateelle. Wantii akkasiitiif Abrahaam abbaa nuu cufaati. 17Barreessiin, “Anin yaayyuu abbaa gosa hedduu si tolche” jettuu la barreeffamte. Tanaaf seerii sunin fuula Waaqaa duraatti dansaa, Waaqii Abrahaam dhugeeffate sun Waaqaa warra du'e jiraachisee waan durii hinjirre lafaan dhufu. 18Abrahaam gaaf durii abdiin hinjire dhugeeffatee abdate; tanaaf Abbaa gosa heedduu ta'e. Akkuma barreessin “Ilmaan tantee heeddu taati” jettu. 19Gaafas gannii isaa diqquma dhibba tokko hingahin ammoo taatuullee dhugeeffachaan isaa diqqoollee hinlaamne. Wantii akkasiitiif innii nafa isaa ka diqqumaa hindu'inii fi akka saraan masseena taateellee hinherrenne. 20Dhugeeffachaan isaa diqqumaallee hin laamne, inniilleen kakuu Waaqaa hindharreeffanne, ammoo dhugeeffachaan isaa jabeenna isaa kennitee, innii Waaqaa faarse. 21Innii akka Waaqii kakuu ufii guutu akka dansaa dhugeeffate. 22Tanaaf Waaqii dhugeeffachaa isaa akka qajeelummaatti herregeef. 23Jecha, “Waaqii qajeelummaa herregeef” jedhu kana isa callaa hinbarreesine. 24Ammoo marroo teennaallee ya barreessan, nuu Waaqaa Yesus Aabboo keennaa du'a keesaa kaase dhugeeffannuulle qajeelummaa herregan. 25Mar. roo cubbuu teennaatiif isa ijeessan, ammallee akka qajeelummaa nuu herreganiif isa kaassan.
Currently Selected:
Roomaa 4: KakHaa
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in