YouVersion Logo
Search Icon

Huji Ergamtoota 26

26
Akka Phaawulos Fuula Agriiphaa Duraattii Ufii Falmate
1Agriiphaan Phaawulosiin, “Atin ufii dubbachuu indandeetta” jennaaniin, Phaawulos harka diriirfatee, 2“Ee hayyuu Agriiphaa, anin ardha waan fuula kankee duraatti, waan Yihudiin na himattu cufaa falimadhuufii, akka kaayootti herregadha; 3Keessumatti waan atin aadaa fi gaafii Yihudii cufaa guddoo beetuuf. Tanaaf anin akka atin obsitee na caqaftu si kadhadha.”
4“Ijoolumaa tiyyaa, jalaqabee gosa tiyya keessatti, Yerusaalemiilee keessatti, akkami akka anin taa'ee, Yihudiin cuftii inbeetti. 5#Huji. 23:6; Fil. 3:5 Warrii durumaa na beekaa, akka anin aadaa teenna jabduu Fariisotaa gula deemee, yo fedhe danda'ee indhugeessa. 6Anin marroo kakuu Waaqii ababoota teennaatti kakate abdadhuuf, amma akka dubbii tiyya qoraniif arma ejja. 7Kakuu sun gochitii teenna kudhanii lamaanuu, akka adoo halkanii guyyaa Waaqaa kadhattanuu argatan abdatti. Mar. roo abdii tanaatiif, ee hayyicha, Yihudiin na himatte. 8Isii isaniin Yihudii tokkoolleen akka Waaqii nama du'e kaasu maaf hindhugeefanne?”
9“Aniiyyuu herrega kiyya keessa, akka maqaa Yesus Naazireet balleessu guddoo wal haaneen. 10Sunin waan anin Yerusaalem keessatti tolche. Jabeenna Qaallicha guddaa irra argannaan, warra Waaqaa hedduu mana hidhaatti naqe; yo du'a itti muraniillee anileen warra isatti mure sun waliin jira. 11#Huji. 8:3; 22:4-5 Mar. roo hedduu manneen waldeennaa cufa keessatti warra gaargalchee karaa mataa itti muree dhugeeffachaa warraa warra mormachiise. Anin guddoo warraatti dallanee dira lafa cufaa dhaqee, warra hadhee gaargalche.”
Akka Phaawulos Waan Baafama Isaa Hime
(Huji. 9:1-19; 22:6-16)
12“Tanaaf adoo anin ergaa qaallolee gugurdoo harkaatti qabadhee Damaasqoo deemuu, 13Saatii ja'a ta guyyaa, ee hayyicha, anin ibsee gubbaa natti ibsituu, ka aduu irra ibsituu, karaa keessatti arge, ka naa fi jara na waliin yaa'utti ibsitu. 14Nuun cuftii lafa dhodhoomanaan anin qoonqoo tokko ta afaan Ibraayisxiitiin, ‘Saa'ol Saa'ol, maaf haatee na gaargalchita? Atin ka akka qotiyoo ulee nama oofu dhiittuu, teettee, dhugaa dhiittu ufumaa ufi balleesita’ naan jettu dhagaye. 15Jennaan anin, ‘Aabboo, atin eennuu kanaa?’ jedhee gaafadhe; Aabboon deebisee, ‘Anin Yesus ka atin gaargalchuu jirtu. 16Amma ammoo ka'ii, miila keetiin ol ejji! Wantii anin sitti mulladheef akka hojjattuu naa taatee waan argite kanaa fi ta anin hegerii sitti himuun na dhugeesitu. 17Anin harka gosa Israa'eltii fi harka gosa dhibii, ta anin ammatana itti si erguulee, keessaa si baasa. 18Atin ila warraa banteetti, dukkana irraa gara ibsee warra deebifta, ammallee jabeenna Sheexanaa irraa Waaqaatti warra deebifta; akka dhugeeffachaa warrii na dhugeeffateen cubbuu warraa araaramaniifii, gumii Waaqii foohate keessatti fulaa argatani’ ” naan jedhe.
19“Tanaaf, ee hayyuu Agriphaa, anin daayyaa gubbaa sun caqasuu hindinne. 20#Huji. 9:20,28-29 Qaraa warra Damaasqoo, barsiisee itti aansee warra Yerusaalem barsiisee, duuba eegee nama lafa Yihudaa cufaa ka afe ka gosa dhibiilee cufaa barsiisee akka warrii cubbuu lakkisee Waaqaatti deebi'ee hujii cubbuu irraa deebiti garsiisu. 21Mar. roo waan kanaatiif Yihudiin Mana Waaqaa keessatti na qabdee na ijjeesuu feete. 22Qarqaarsa Waaqaa argannaan anin ardha nama diqaa fi guddaa duraalleetti dhugeessuu jira. Waan raagotaa fi Muuseen, intaati jedhan malee, anin waan dhibii hindhugeessu, 23#1Qor. 15:20 Akka Kiristoon gaargalee nama qaraa ka du'a keessaa ka'u ta'ee, ibsee isaa warra israa'elitii fi warra gosa dhibii ka hindhugeeffatinilleetti odeessu” jedhe.
24Adoo innii dubbatuu, Fesxoos qoonqoo olfudhatee, “Phaawulos, atin ya maraatte; waan atin guddoo wa baratteef qalbiin tantee ya hammaatte” jedheen. 25Phaawulos ammoo deebisee, “Anin hinmaraanne, ee Fesxoos guddaa! Anin dubbii dhugaa calaa dubbachuu jira. 26Agriiphaa hayyichii waan kana inbeeka, anin isa duraatti sodaa malee dubbachuu jira. Anin waan kana fulaa dhossaatti hintolchinee, akka wantii kunin tokkooleen isa duraa hinda'anne inbeeka. 27Hayyuu Agriphaa, atin raagotaatti dhugeeffattaa? Anin akka atin dhugeeffatte inbeeka” jedheen. 28Jennaan Agriphaan Phaawulosiin, “Atin haga diqqaa kanaatti Kiristaana na tolchitu feetaa?” jedhe. 29Phaawulos deebiseefii, “Yo'ii Dheerattee gababannaaniilee, akka adoo si callaa hinta'in, warrii ardha na caqasuu jiru kun cuftii hidhansaa akka anin hidhamee malee, akka kiyya ta'uu Waaqaa kadhadha” jedheen. 30Jennaan hayyuu, jaallaba, Berniiqee fi warrii isaan waliin jiru cuftii olkakka'e. 31Eegii achii kakka'anii yaa'an, “Namichii kunin waan du'a fi hidhaansaan itti muran tokkoollee hinhojjanne” jedhan. 32Jennnaan Agriiphaan Fesxoosiin, “Namicha kana adoo innii hayyuu Roomaa kadhachuu dhibaatee, silaa gadi lakkisan” jedhe.

Currently Selected:

Huji Ergamtoota 26: KakHaa

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in