Wongeela Yohaannis 21
21
Yesus Barattoota Isaa Torbanitti Muldhachuu Yesusii
1Kanaan duubatti Yesus garba ciisaa Xiberiyaasii biratti, barattoota isaa titti deebi'ee ni muldhate, ka muldhate'llee akka itti aanutti, 2Simoon Phexiros, Diidimoos ka jedhame Toomaas, Naatinaa'eliin Qaanaa Galiila'aa, ilmaan Zabdewoosiitii fi kuunniin barattoonni lamaa'llee, isa woliin ni turan. 3#Luq 5:5.Simoon Phexiros, «Qurxummii qabu'uuf deemuu kiyya» isaaniin jedhe.
Isaan'llee, «Si woliin ni deeminna» jedhaniin, bayanii'llee deemaniiti hoboloo irra ni bayan, garuu halkan sanitti qurxummiin tokko'llee hin qabnne. 4Yeroo bari'etti Yesus garba ciisaa bira ni dhaabate, barattoonni isaa garuu Yesusiin ta'uu isaa hin beekinne. 5Yesus'llee, «Yaa ijoollee tiyya! Qurxummii woyii ni qabddanii ree?» isaaniin jedhe.
Isaan'llee, «Womaa hin qabnnu» jedhaniin.
6 #
Luq 5:6. Inni'llee, «Tabbaarrii duubaan gara mirgaatiin darba'aatii ni argattan» isaaniin jedhe. Kanaaf tabbaarrii garba ciisaa keessatti ni darban, qurxxummiiwwan baayi'ee'llee qabuu isaanii irraa ka ka'een, tabbaarrii harkisuu ni dadhaban.
7Yeroo kanatti barataan Yesus ni jaalataan ture Phexirosiin, «Goofta'aa bee!» ni jedheen. Simoon Phexiros «Goofta'aa!» jechuu isaa yeroo dhagayetti, huji'iif jedhee uffata isaa baafatee waan tureef, bakkumatti uffata isaa uffateeti, gara garba ciisa'aa utaalee ni aseene. 8Barattoonni kuunniin garuu lafa irraa ka fagaatan meetira dhibbaa qofa waan tureef, tabbaarrii qurxummiin itti guutee harkisa'aa, gara duubaatiin ni dhufan. 9Hoboloo irraa yeroo bu'anitti ka Duubaan yeroo bu'anitti ka qurxummiin irra ni jira ture, barbadaa cile'eetii fi buddeena ni argan. 10Yesus'llee, «Qurxummii amma qabddan fidaa» isaaniin ni jedhe.
11Kanaaf Simoon Phexiros hoboloo irra bayee, tabbaarrii qurxummii guguddoon dhibba tokkoo fi shantamii sadihii itti guuttaman, gara arddi'ii titti ni harkise, qurxummii hagana baayi'e'ee yoma qabu'llee, tabbaarriin garuu hin tarssaane. 12Kanaan duubatti Yesus, «Koottaa nyaadhaa!» isaaniin jedhe. Gooftaa Yesusiin ta'uu isaa marrinuu beekanii jiran waan turaniif, barattoota isaa keessaa tokko'llee, «Ati eennu?» jedhee, isa gaafachu'uuf ka ugge hin turre. 13Achiin duubatti'llee Yesus dhufeeti, buddeenaa fi qurxummii'llee fuudhee, isaanii ni kenne.
14Yesus du'aa eega ka'een asitti barattoonni isaa isa yoo argan, kun yeroo sadaffaatiif ture.
Yesus Gaafii Phexirosiif Dhiyeesse
15Ciree eega nyaataniin duubbatti Yesus Simoon Phexirosiin, «Ilma Yohaannisii yaa Simoon! Kunniin ka ana jaalatan caala'atti ana ni jaalattaa ree?» jedheen.
Inni'llee, «Ee yaa Gooftaa kiyya! Ani akka si jaaladhu ati ni beekitta» jechu'uun, ni deebiseef. 16Yesus'llee, «Ilmoolee kiyya nyaachis» jedheen.
Yeroo lammaffaa'llee, «Ilma Yoona'aa yaa Simoon! Ana ni jaalatta ree?» jedheen.
Inni'llee, «Ee yaa Gooftaa kiyya! Akka si jaaladhu ati ni beekitta» jedheen.
Yesus'llee, «Hoolota kiyya eegi» ni jedheen. 17Yeroo sadaffaa'llee, «Ilma Yohaannisii yaa Simoon! najaalattaa ree?» jedheen.
Yeroo sadaffaa'llee, «Ana jaalattaa ree» waan isaan jedheef Phexiros gaddeeti, «Yaa Gooftaa! Ati maraa ni beekitta, ani akka si jaaladhu'llee ni beekitta» jedheen. Yesus'llee akkana ni jedheen, «Hoolota tiyya bobbaasi, 18dhugaa isiniin jedha, ati dargaggeessa yeroo turttetti, woraanittillee kee harkuma keetiin hidhattee gara barbaadde ni deemtta ture, yeroo jaarsomtetti garuu, ati harka kee hiixatteeti naminni bira'aa si ni hidhachiisa, gara ati hin barbaanne'llee si ni fida.» 19Phexirosiin kana jedhe'llee du'a attamiitiin Waaqa ulfeeffachuu akka qabu yoo muldhisu, kanaan duubatti Phexirosiin, «Ana horddof!» jedheen.
Yesusii Fi Barataa Bira'aa
20 #
Yoh 13:25. Phexiros ufi irra garagalee yoo laalu barataan ni jaalataan ture, isa yoo horddofuun ni arge, barataan kun'llee yeroo irbaataa gara Yesusii dhiyaatee, «Yaa Gooftaa, dabarssee ka si kennu eennu?» jedhee, ni gaafateen. 21Phexiros'llee isa argeeti, «Yaa Gooftaa! Naminni kun hoo maal ta'a laata?» jechu'uun, Yesusiin ni gaafate.
22Yesus'llee, «Haga ani dhufutti akka jiraatuuf yoo eeyyame, si maalttu galche? Ati ana horddof!» jedheen.
23Sababa kanaan obboleeyyan jiddu'uu, «Barataan kun hin du'u!» oduun jedhu ni tamisa'e, garuu Yesus, «Haga ani dhufutti akka jiraatuuf yoo eeyyame, si maalttu galche?» jedhe malee, «Hin du'u» hin jenne.
24Waayee wonittoota kanniin maraa ragaa ka bayee fi wonittoota kanniin'llee ka barreesse barataa kana, ragummaan isaa'llee dhugaa akka ta'e ni beekinna.
25Yesus ka raawwate kuunniin wonittoonni baayi'een ammoo ni jiran. Ani akka anatti fakkaatutti wonittoonni inni taasise marrinuu tokko tokkoon uduu barreeffamee, kitaabban barreeffaman biyyi lafaa mataan isaatuu baadhachu'uuf, hin dandda'u ture.
Currently Selected:
Wongeela Yohaannis 21: ArsiDNT
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in