YouVersion Logo
Search Icon

Wongeela Yohaannis 20

20
Du'aa Ka'uu Yesusii
(Mat 28:1-8; Mar 16:1-8; Luq 24:1-12)
1Dilbbataa ganama obboro'oon, uduu bariisaan hin ifin, Maariyaam Magadalaawittiin gara awwaala Yesusii ni deemitte, achi'llee akkuma geetteen dhagaan awwaalli ittiin cufamee ture, afaan awwaalaa irraa ka'ee ni argite. 2Kanaaf isiin gara Simoon Phexirosiitii fi gara barataa Yesus jaalaatuunii fiiga'aa ni deemitteeti, «Gooftaa awwaala keessaa baasanii fudhataniinii jiran, eessa akka kaayaniin hin beekinnu» isaaniin jette.
3Yeroo kanatti Phexirosii fi barataan bira'aa bayaniiti, gara awwaalaa ni deeman. 4Lamaanuu woliin ni fiigan ture, garuu barataan bira'aa san Phexirosiin caala'atti dadafee fiigeeti, durssee gara bakka awwaalaa ni gaye. 5Gad jedhee'llee awwaala keessaa yeroo laalu uffanni kafanni'ii achitti hafee ni arge, garuu gara keessaa hin aseenne. 6Simoon Phexiros'llee isa horddofee dhufeeti gara awwaalaa keessaa ni aseene, inni'llee uffata kafanni'ii achitti hafee ni arge, 7mataan Yesusii ittiin maraamee subbee ture'llee uffata kafanni'ii woliin uduu hin ta'in, adda bakka bira'aa titti akkuma maramee jiruun ni arge. 8Itti aanssee'llee barataan durssee bira gaye gara awwaalaa keessa aseene'llee argee, ni amane. 9«Du'aa ka'uun ni malaan» ka jedhu, dubbii Kitaaba Qulqullu'uu amma'llee hin hubanneeyyu turan. 10Kanaan duubatti barattoonni lamaanuu deebi'anii, gara mana isaanii ni deeman.
Yesus Maariyaam Magdala'atti Muldhachuu Isaa
(Mat 28:9-10; Mar 16:9-11)
11Maariyaam Magdalaan booya'aa, awwaala gara duubaatiin dhaabattee jirtti ture, booyaa'llee gad jettee gara keessa awwaalaa ni laaltte. 12Bakka reeffi Yesusii ni jira turetti uffata adii ka uffatanii maleyikkoonni lamaa tokko mataajji'iin, tokko ammoo miila jalaan ta'anii ni argite. 13Isaan'llee Maariyaamiin, «Dubarttii tana! Maali'iif bootta!?» ni jedhaniin.
Isiin'llee, «Gooftaa kiyya fudhatanii jiran, eessa akka kaayaniin'llee hin beeku!» jette.
14Kana'llee jettee ufi duuba yoo garagalttu Yesus dhaabatee ni argiteen, Yesusiin ta'uu garuu hin beekinne. 15Yesus'llee, «Dubarttii nana, waayee maali'iif bootta, eennuun barbaadda?» jedheen.
Isiin'llee hojjataa biqilttu'uu itti fakkaatee, «Yaa Gooftaa! Ati yoo fudhatteenii jiraate eessa akka keetteen, yabo'oo natti himi, ani ni fudhadhaanii» jetteen.
16Yesus'llee, «Maariyaam!» jedheen. Isiin'llee gara isaa garagaltteeti afaan worra Ibirootaatiin, «Rabbunii!» jetteen, hiikkaan isaa'llee, «Yaa barsiisaa!» jechu'u.
17Yesus «Amma'llee gara Abbaa kiyyaa ol hin deebineetii ana hin tuqin, garuu gara obboleeyyan kiyyaa deemiitii, ‹ani gara Abbaa kiyyaatii fi gara Abbaa keessan, gara Waaqa kiyyaatii fi gara Waaqa keessan ol ni deebi'a jedhee jira› jedhiitii, isaanitti himi!» isi'iin jedhe.
18Kanaaf Maariyaam Magdalaan gara barattoota isaa deemittee Gooftaa akka argitee fi inni'llee maal akka isi'iin jedhe, isaanitti ni himtte.
Yesus Barattoota Isaa Titti Muldhachuu Yesusii
(Mat 28:16-20; Mar 16:14-18; Luq 24:36-49)
19Achuma guyyaa jalqaba torbaanii titti Dilbbata galgala, barattoonni isaa namoota worra Yihudotaa ka aangoo qaban sodaachu'uun, balballan isaanii cufatanii, mana keessatti wolgayanii jiran ture, balballan cufamanii uduma jiran, Yesus gara mana barattoonni isaa itti wolgayanii ni aseene, jidduu isaanii'llee ni dhaabate, «Nageenni isiniif haa ta'u!» isaaniin jedhe. 20Kana'llee jedhee harka isaatii fi cinaacha isaa isaanitti ni muldhise, Barattoonni isaa'llee Gooftaa yeroo arganiinitti, ni gammadan. 21Kanaan duubatti Yesus deebi'ee, «Nageenni isiniif haa ta'u! Waaqinni Abbaan akkuma ana erge, ani'llee isin ni erga» isaaniin jedhe. 22Kana'llee jedhee ufi isaanitti jedheeti, «Hafuura Qulqulluu ni fudhatan, 23#Mat 16:19; 18:18.isin Cubbuu namootaatiif dhiifama yoo taasfttan, dhiifaminni isiniif ni taasfama, isin cubbuu namootaatiif dhiifama taasisuu yoo dhabaattan garuu, dhiifaminni isiniif hin taasfamu» isaaniin jedhe.
Yesusii Fi Toomaasiin
24Yesus gara barttootaa isaa yeroo dhufetti kudha lamaan keessaa tokko, Diidimoos ka jedhame Toomaas, isa woliin hin turre. 25Kanaaf barattoonni kuunniin Toomaasiin, «Gooftaa arginee jirra» jedhaniin.
Inni garuu, «Harkiin isaa ka mismaaraan woraanaman yoo argee fi quba kiyya'llee bakka mismaariin woraanitte keessa yoo aseenisisuu dhabaadhe, harka kiyya'llee madaa cinaacha isaa keessa uduu hin aseensisin, hin amanu» isaaniin jedhe.
26Guyyaa saddeetiin duubatti barattoonni isaa deebi'anii mana keessa ni jiran turan, Toomaas'llee isaan woliin ni jira ture, balballan'llee cufamanii uduu jiran, Yesus dhufee jidduu isaanii dhaabateeti, «Nageenni isiniif haa ta'u!» isaaniin ni jedhe. 27Kanaan duubatti Toomaasiin, «Quba kee garana fidiitii harka kiyya laali, harka kee'llee fidiitii cinaacha kiyya keessa aseensisiin, amani malee ka amantii hin qabnne hin ta'in» jedheen.
28Toomaas'llee, «Gooftaa kiyyaa fi Waaqa kiyya!» jechu'uun, ni deebiseef.
29Yesus'llee Toomaasiin, «Ati waan ana argiteef ni amanitte, uduu hin argin worri amanan garuu, ka galateeffaman» jedheen.
Kaayyoo Kitaaba Kanaa
30Yesus kitaaba kana keessatti ka hin barreeffamin baasota baayi'ee, barattoota isaa duratti taasisee jira, 31garuu Yesus Masihii Ilma Waaqaa ta'uu isaa akka amanttanii fi amanttanii'llee maqaa isaatiin jireenna bara baraa akka argattaniif, kun barreeffamee jira.

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in