Hujii Ergamittootaa Seensa
Seensa
Hujiin ergamittootaa wongeela Luqaasii titti ka aanee jiru, kaayyoon kitaabchaa ijoon, horddofittoonni Yesusii worri jalqabootaa Hafuura Qulqullu'uun eemaramanii, dubbii gammachuu ka waayee isaa dubbatu, «Yerusaalemitti, arddii Yihuda'aa marattuu, Samaariyaa fi haga daangaa biyya lafaa titti'llee» (1:8) wongeela attaamitti akka tamisaasan seenesu'uuf, kitaabchi amantiin Krirstaana Yihudotaa jiddu'utti jalqabamee, amantii ummata biyya lafaa maraa haga ta'utti, attamitti akka babaldhate seenaa dubbatu. Barreessaan kristaanonni nugusa worra Rooma'aa mormmu'uuf, worra garaa keessa marri dabaa raawwatan akka hin ta'inii fi amantiin kristaannumma'aa'llee, amantiin worra Yihudotaa muda maleessa ka taasisu akka ta'e, hubachiisu'uuf tataafii cimaa taasisee jira.
Hujiin ergamittootaa, waayee Yesusii ka dubbatu dubbiin gammachu'uu bakki gayu, yeroma yero'oon babaldhata'aa deemuu isaatii fi hundeeffamuu woldaya amanti'ii'llee ka calaqisiissan kutaawwan ijoo sadiintti, ramadamu'uuf ni danda'a,
1. Amantiin Kristaanumma'aa gara sami'ii ol deebi'iinssa Yesusiitiin duubatti, Yerusaalemtti waayee jala qabamuu isaa.
2. Biyya Israa'eelii maraa waayee wol gayuu isaa.
3. Biyya Rooma'aa dabalatee naannoo garba ciisaa Meeditiraanyaa eanii biyyoota jiran keessatti babaldhachuu isaa.
Hujii ergamittootaa keessatti guddaa ta'ee ka muldhatu hujii Hafuura Qulqulluu yoo ta'u, guyyaa Phenxeqosxe'ee titti, amantoota Yerusaalemiin keessa ni jiran turan irratti huminnaan bu'uu isaa, akkuma kana akkaataa kitaabcha keessatti gochoota tarreeffamanii maraan akkuma muldhatetti, Hafuurri Qulqulluun woldaya amanti'iitii fi durssitoota isaani'ii, eemaru'uu fi jajabeessuu'llee in dabalata. Yeroo durii ni dhiyaata ka ture ergaan kristaanumma'aa lallaba adda addaa keessatti, bifa qooda fudhachu'uutiin dhiyaatee jira, hujii ergamittootaa keessatti gochoonni raawwataman'llee, ergaan isaa jireenna amantootaatii fi tokkummaa woldaya amantii keessatti huminni inni ni qaba ture, hagam ol aanaa ta'uu isaati hubachiisa.
Woliigala Qabiyyee Kitaabchaa
Qophaayinna raguma'aa 1:1-26
Ajajaa fi abddii Yesus muummee irratti kenne 1:1-14
Bakka Yihuda'aa ka bu'ee 1:15-26
Ragummaa Yerusaalemtti 2:1—8:3
Ragummaa Yihuda'aa fi Samaariya'atti 8:4—12:25
Tajaajila ergamittummaa Phaawulosii 13:1—28:31
Adeemissa ergamitummaa jalqabaa 13:1—14:28
Yaa'ii Yerusaalemii 15:1-35
Adeemissa ergamitummaa lammaffaa 15:36—18:22
Adeemissa ergamitummaa sadaffaa 18:23—21:16
Phaawulos Yerusaalemitti, Qeesarya'aa fi Rooma'atti hidhamuu isaa 21:17—28:31
Currently Selected:
Hujii Ergamittootaa Seensa: ArsiDNT
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in