Hujii Ergamittootaa 1
1
1 #
Luq 1:1-4. Yaa Tewofilos!
Kitaaba kiyya ka jalqabaatiin waan Yesus hojjatee fi barsiise mara barreessee jira. Ka barreesse'llee yeroo Yesus hujii isaa jala qabee kaasee, 2haga guyyaa gara sami'ii ol bayee titti ka hojjate, gara sami'ii ka ol baye'llee, ergamittoota filateef ajaja isaa karaa Hafuura Qulqullu'uutiin eega isaanii kenneen duubatti. 3Rakkinna baayi'ee fudhatee eega du'een duubatti ragoota baayi'ee ifa ta'aniin jiraataa ta'ee isaanitti ni mulidhate, guyyoota afurtamaa guutuu isaanitti muldhata'aa, waayee Mootummaa Waaqaa isaan ni barsiise. 4#Luq 24:49.Yeroo isaan woliin turetti'llee akkana jechu'uun isaan ni ajaje, «Ka ani isinitti hime abddii Waaqa Abbaa irraa kenname eeggadhaa malee, Yerusaalemiin keessaa hin bayinaa, 5#Mat 3:11; Mar 1:8; Luq 3:16; Yoh 1:33.Yohaannis bishaaniin ni cuuphe, isin garuu guyyaa muraasaan duubatti, Hafuura Qulqulluun ni cuuphamttan.»
Yesus Graa Samii Ol Deebi'uu Isaa
6Isaan'llee bakka tokkotti wol gayanii uduu jiran, «Yaa Gooftaa! Mootummaa Israa'eelii deebifttee yeroo itti kennitu, amma moo?» jechuun, ni gaafataniin.
7Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Waaqinni Abbaan aangoo isaatiin yeroo fi bara murtteesse, isin beeku'uuf hin dandeettan. 8#Mat 28:19; Mar 16:15; Luq 24:47, 48.Garuu Hafuurri Qulqulluun isin irra yeroo bu'etti huminna ni argattan, yeroo san Yerusaalemitti, arddii Yihuda'aa, Samaariyaa maratti, haga daangaa arddi'ii titti ragoota kiyya ni taatan.» 9#Mar 16:19; Luq 24:50, 51.Kana eega jedheen duubatti uduma isaan isa arganiin, gara sami'ii olii ni baye, duumessi'llee ufitti simateenii ija isaanii jala ni dhosseen. 10Inni ol deebi'aa uduma jiru, isaan guutatanii gara samii yoo laalan, uffata adaadii ka uffatan namoonni lamaa isaan bira dhaabatanii, 11«Isin namoonni Galiila'aa, maali'iif gara samii ol laalaa dhaabattanii jirttan? Kun gara sami'ii ol yoo deebi'u Yesusiin argitan, bifuma gara samii ol yoo deebi'u argitaniin, deebi'ee ni dhufa» isaaniin jedhan.
Bakka Yihuda'aa Maatiyaas Filatamuu Isaa
12Kanaan duubatti Gaara Ejerssaa ka jedhame gara Yerusaalemii ni deebi'an, Gaarri Ejerssaa Yerusaalemiin irraa ka fagaatu karaa torbaanii (haga kiilomeetira meetira tokkooti.) 13#Mat 10:2-4; Mar 3:16-19; Luq 6:14-16.Gara Yerusaalemii'llee dhufanii mana wol irroo keessa jiraatantti ol ni bayan, isaan'llee, «Phexiros, Yohaannis, Yaaqoob, Indriyaas, Filiphos, Toomaas, Bartolomewos, ilma Alfewosii Yaaqoobiin, Hinaaftticha Simoon ilma Yaaqoob Yihudaa» fa'a. 14Kunniin marrinuu yeroo maraa kadhanna'aaf bakka tokkotti wol ni gayan turan, isaan woliin'llee dubarttoonni tokko tokkoo fi haati Yesusii Maariyam, akkuma kana obboleeyyan Yesusii'llee ni turan.
15Yeroo sanitti Phexiros amanittootaa dhibba tokkoo fi diddamaa ta'an jidduu dhaabateeti akkana ni jedhe, 16«Yaa obboleeyyan, waayee Yihudaa namoota Yesusiin qabaniif durssaa ta'ee, Hafuurri Qulqulluun durssee afaan Daawiitiitiin ka dubbate, dubbiin kitaaba Qulqullu'uu raawwatamuu qaba ture. 17Yihudaan'llee nu keessaa tokko ta'e, qoodamaa tajaajila kanaa ni ture.» 18#Mat 27:3-8.Garuu naminni kun gatii hujii isaa hama'aatiin lafa ni bite, kallacha isaatiin'llee kufee wolakka'atti ni baqaqe, madhumaan isaa'llee ni jige. 19«Wonitti kun'llee worra Yerusaalemiin jiraatan mara biratti ni beekame, kanaaf laftti sun afaan isaaniitiin, Akeldaamaa jedhamee ni waamame, hiikkaan isaa'llee, (Lafa dhiigaa) jechu'u.»
20«Kun'llee wonitti ta'eef kitaaba Faarfanna'aatiin,
‹Manni inni keessa jiraatu duwwaa haa daawatu,
eennu'llee keessa hin jiraatin,
dabalee'llee muudama isaa naminni bira'aa irraa haa fudhatu›
ka jedhu, barreeffamee waan tureef.»
21 #
Mat 3:16; Mar 1:9; 16:19; Luq 3:21; 24:51. Kanaaf Gooftaan Yesus jidduu keenna yeroo dedeebi'e marattuu, nu woliin worra turan keessaa, 22akkuma kana cuuphaa Yohaannisiitii jala qabee, haga guyyaa Gooftaan Yesus gara samii ol deebi'ee titti, namoota woliin turan kanniin keessaa tokko, nu'u woliin ragaa du'aa ka'iinssaa isaa akka ta'u, ni barbaachisa.
23Kanaan duubatti namoota lamaa ni dhiyeessan, isaan'llee Baarsaabaas yookiin Yosxosii ka jedhame, Yooseefii fi Maatiyaasiin ture. 24Akkana jechuun'llee ni kadhatan, «Onnee namaa mara ka beekittu yaa Gooftaa, Isaan lamaan kanniin keessaa eennuun akka filatte nutti muldhis, 25wonitti kadhanuuf'llee Yihudaan gara bakka ufii titti yoo deebi'u tajaajila gad dhiisee fi ergamitummaa fudhachu'uuf nama isa bakka bu'u akka nuuf ibssituuf.» 26Carraa yeroo buusanitti'llee carraan Maatiyaasiif ni baye, kanaaf inni ergamittoota kudha tokkoo woliin ni lakkayame.
Currently Selected:
Hujii Ergamittootaa 1: ArsiDNT
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in