YouVersion Logo
Search Icon

Matayo 25

25
1 # Luk 12.35 Guyya suni Finni gubba aka dubra kud'ani, ta ifse fud'atte, abba fuud'a argu d'at'e fakaata. 2Shani qaro, taani gowoota. 3Gowoleeni taani ifse fud'atte, ammo d'ad'a bobeesaniini lakifte; 4qarooni taani waan d'ad'a iti naqani d'ad'a guute fud'atte. 5Abbaani fuud'aa ture jennaani dubriti taani mudde rafte.
6Halkani guddo qonqooni d'ufte, Abbaani fuud'a kana, koota isa arga jed'ani. 7Dubriti kud'annaanu kaate ifse bobefatte. 8Gowoleeni taani waan qaro taaniini jette, D'ad'a nu ch'obsa; ifseeni teenna d'aamu jirti. 9Qarooni taani waan jetteeni, Hiyyo, wolti nu ingahu, beena bitad'a. 10Gowoleeni taani d'ad'a d'ibi bitachu d'at'i, iti d'aabannaani, abbaani fuud'aa d'ufe. Dubriti kurfo taate taani jila fuud'a olduude, balbala ch'ufani.
11 # Luk 13.25 Eegi suni dubriti gowaani shanaani taani dachaate, Aabbo, Aabbo, balbala nu bani jette. 12Ammo abbaani fuud'a waan jed'e, Lakisa, anini fuula isani imbeekhu. 13Eegad'a duuba, isani guyyafi hojja imbeetani.
Mammaasa hojattu sadi
(Luka 19.11-27)
14 # Luk 19.11-27 Gaafasi finna gubbaa aka nama imaltu deemu fed'u, ka hojattu ufi yaame, waan qabu ch'ufa harka worraati lakise jira. 15Inni nama ch'ufa waan inni dandau iti kenne. Toko shilingi kunki shantama iti kenne, ka lameeso kunki diddama iti kenne, ka sadeeso kunki kud'ani iti kenne, kae iti d'aabate. 16Namichi kunki shantama iti kennani kaani d'aqe daldaleeni, kunki shantama d'ibi argate. 17Namichi kunki diddama iti kennanileeni akasuma kunki diddama d'ibi argate. 18Ammo namichi kunki kud'ani iti kennani kaani d'aqe, boola qote, hori kaani achiti d'osse.
19Abbaani hojattu taani guddo ture gadi deebie, henna suni ch'ufa worra woliini tolche. 20Namichi kunki shantama iti kennani kaani d'ufe, kunki shantama d'ibi iti kenne waan jed'e, Atini kunki shantama nati kennite, ilaali, kunkiini shantama d'ibileeni tana. 21Abbaani waan jed'eeni, Aka d'iiraa tolchite, atini aka dansaa daldalte, tanaafi anini waan guddo harka keetiti kenna. Kooti, woliini gammanna.
22Namichi shilingi kunki diddama iti kennani kaani d'ufe waan jed'e, Atini kunki diddama nati kennite, ilaali, kunkiini diddama d'ibileeni tana. 23Abbaani waan jed'eeni, Aka d'iiraa tolchite, atini aka dansaa daldalte, tanaafi anini waan guddo harka keetiti kenna. Kooti, woliini gammanna.
24Jennaani namichi shilingi kunki kud'ani iti kennani kaani d'ufe waan jed'e, Aabbo, anini imbeekha aka atini nama hama, atini waan inobriini murte mid'aani imfach'aasiini khod'oti galchita. 25Anini sodaad'e hori kanke boola keesati d'osse; ilaali, horiini kanke kana.
26Abbaani waan jed'eeni, Atini hojattu hamtu, ammalle laafa; atini aka anini waan inobriini murad'e mid'aani imfach'aasiini khod'oti galchu imbeetayu? 27Yoosi, hori kiyya oli naa kayu malte, aka anini hojja gale waan isiini d'alte woliini fud'ad'u. 28Tanaafi hori suni isa iraa fuud'a, namicha kunki d'ibba toko qabuti kenna. 29#Mat 13.12; Mar 4.25; Luk 8.18 Wonti akanatiifi nama woi qabu iti darani, ammo ka woma inqamne waan inni qabule iraa fuud'ani. 30#Mat 8.12; 22.13; Luk 13.28 Hojattu woma imbaane tana d'aqa, dukana keesa ala buusa; achiti bohe ilkaani qara.
Waan qorsuma eege
31 # Mat 16.27; 19.28 Guyya Ilmi Nama guddinna ufitiini d'ufu malaika ch'ufa woliini, inni barch'uma guddinna ufi gubba tae, 32nami lafa tana ch'ufti isa durati wolwoldaa. Jennaani inni fulla lamati gargari worra foha, akuma tissituuni ree ufi, hooliyefi laleesa gargari footu: 33hooliye harka mirga deebise, laleesa harka bitaacha deebisa. 34Duuba Hayyuuni waan hooliye harka mirgatiini jed'u, Abbaani kiyya ya isani eebise, koota, guddinna haga lafa uumani isani mid'aasani seena. 35Gaafa anini beela qabu beela naa baaftani, ana d'eebu qabu, d'eebu naa baaftani, ana keessuma na bulchitani, 36ana daara qabu daara na baaftani, anini fayya d'amnaani na qorqorattani, na hid'ani jennaani d'uftani na ilaaltani. 37Worri d'uga duuba waan jed'u, Aabbo, yoomi sii beela qabdu arginaani beela si baamne, sii d'eebote d'eebu si baamne? 38Yoomi sii keessuma arginaani si bulchine, sii daara qabdu arginaani daara si baamne, 39sii fayya d'abde yokhaani hid'aansa keesa jirtu si ilaale? 40Hayyuuni waan jed'u, Waan anini isaniti himu, waan oboleyaani tiyya didiqo tanaa tolchitani yayu nale tolchitani.
41Duuba waan worra harka bitatiini jed'u, Na biraa bada, isani abaarsa Waaqa qabdani; gara ibida ind'aamne bada, ka Sheet'anafi malaika isaati bobeesani! 42Gaafa anini beela qabu beela na baasu diddani, ka anini d'eebod'e d'eebu na baasu diddani; 43gaafa anini keessuma na bulchu diddani, ka anini daara qabu daara na baasu diddani; gaafa anini fayyad'abe hid'aansa keesa jiru na ilaalu diddani. 44Worri waan jed'uuni, Aabbo, nu yoomi taka sii beela qabdu yokhaani sii d'eebu qabdu yokhaani sii keessuma yokhaani sii daara qabdu yokhaani sii fayyad'abde yokhaani sii hid'aansa keesa jirtu argine si qarqaaru dinne? 45Inni waan jed'uuni, D'uguma, waan anini isaniini jed'u, yo isani worra didiqa kana qarqaaru diddani, yayu nale qarqaaru diddani. 46#Dan 12.2 Worra kana gara gaargala ind'umanne ergani, worra d'uga gara jireenna ind'umanne ergani.
Mariacha ijeecha Yeso
(Mariko 14.1-2; Luka 22.1-2; Yohana 11.45-53)

Currently Selected:

Matayo 25: BOR

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in